Masfin Araayaa walitti qabaa komiishinii marii biyyaalessaa ta'uun muudaman

Madda suuraa, Ebs
Manni maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa Komiishinii Marii Biyyaalessaaf komiishinaroota 11 muude. Pirofeesar Masfin Araayaa ammoo walitti qabaa Komiishinichaa ta'uun muudaman.
FBCn akka gabaasetti manni maree bakka bu'oota yaa'ii Wiixata Guraandhala 21, 2022 taa'een muudama komiishinaroota kanaa mormii malee sagalee calmaan yoo mirkaneessu namoonni shan sagalee hin kennine. Miseensonni paarlaamaa argaman 335 turan.
Yuunivarsiitii Finfinneetti pirofeesara fayyaa sammuu ykn Saayikaatirii kan ta'an pirofeesar Masfin Araayaa walitti qabaa, Aadde Hiruut Gabrasillaasee ammoo walitti qabduu itti aantuu komiishinii Marii Biyyaalessaa ta'uun muudamaniiru.
Dhimmoota biyyaa bu'uuraa irratti hayyoonni siyaasaa toora gara garaan hiriiranii fi uummanni bal'aan yaada walitti dhiyaatu akkasumas tokkummaa biyyaarratti yaada ijaaraa akka qabaatu gochuuf mariin biyyaalessaa barbaachisaa ta'uu ibse Waajjira MM.
Marii akkanaa gochuuf qaamni walabaa fi fudhatama qabu jiraachuu waan qabuuf komiishinii kana hundeessuun barbaachise jedhees ture.
Wixineen absii komiishinicha hundeessuuf qophaa'e paarlaamaan erga mirkanaa'ee booda namoota komiishinarummaaf eeraman 632 keessaa 42 adda baafamanii uummanni yaada akka irratti kennu godhamaa ture.
Kanneen keessaa bu'uura labsii Komiishinicha hundeessuuf baheen ulaagaalee barbaachisu kan guutan namoonni 11 adda baafamanii paarlaamaaf dhiyaatanii muudamni isaanii mirkanaa'ee jira.
- Pirofeesar Masfin Araafaa
- Aadde Hiruut Gabrasillaasee
- Dr Taganyewarq Geetuu
- Ambaasaaddar Dr Ayirooriit Mahaammad
- Dr Ambaayee Oggaatoo
- Dr Yoonaas Addaayee
- Ambaasaaddar Mohaammud Diriir
- Aadde Bileen Gabramadihin
- Obbo Zagayyee Asfaawu
- Obbo Malaakuu Waldamaariyaam
- Obbo Mulugeetaa Aggoo komiishinaroota 11 muudamanidha.
Akkaataan namoonni kunneen itti filaman dabalatee adeemsi hundeeffama Komiishinii Marii Biyyaalessaa ifaa fi hirmaachisaa miti jechuun paartileen mormituu maricharra keessatti akka qooda hin fudhanne beeksisan jiru.
"Wanta gurguddaa lamatu jira. Tokkoffaa marichi hunda hammachuutu irra jiraata. Amma garee tokko duwwaadha kan keessa jiru, inni lammaffaan komishiniin waan kana raaawwatu ammoo bilisa ta'ee hin ijaaramne" jedhan pirofeesar Mararaa Guddinaa gaaffii fi deebii amma dura BBC waliin taasisaniin.
Gama kaaniin hidhannoon mootummaa waliin lolaa kan jiran TPLF fi WBO marii kanarratti hirmaachisuuf fedhii akka hin qabne mootummaan irra deddeebiin ibsaa ture.
Kunis marichi gamanumaan galma gahuu dhabuu mala yaaddoo jedhu kaaseera.
















