Komishinii marii biyyaalessaaf komishinaroonni kaadhimaman 42 ibsaman

Marii biyyaalessaa Itoophiyaaf komishinerootni 42 adda bahan
Ibsa waa'ee suuraa, Marii biyyaalessaa Itoophiyaaf komishinerootni 42 adda bahan

Komishinii Qindeessituu Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti namoota akka hirmaatan uummataan eeraman dhibba hedduutti lakkaa'aman keessaa namoonni 42 calalamanii, maqaansaanii karaa mana maree bakka bu'oota uummataa ibsameera.

Manni marechaa namoota calalaman kunneen keessaa komishinii marii biyyaalessaa keessatti komishinaroota ta'uun namoota hojjetan adda baasuuf, uummanni namoota kunneen irratti yaada akka kennu waamicha dhiyeesseera.

Itoophiyaa keessatti dhimmoota bu'uuraa biyyaalesaa irratti marii gaggeessuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf adeemsa dandeessisu mijeessuu akkasumas hoogganuuf namoota hirmaatan filachuuf, eeruun namootaa karaa Mana Maree bakka bu'ootaa gaggeeffamaa tureera.

Maqaa namootaa uummanni eere 632 keessaa, bu'uura labsii hundeeffama komishinichaatiin kaadhimamtoonni 42 gulantaa komishinaraaf akka calalaman Afa-yaa'iin mana maree bakka bu'ootaa Obbo Taaggase Caafoo ibsanii turan.

Namoonni calalaman 42 kunneen, muuxannoo fi sadarkaa barnootaa isaanii irratti gorsitoota waliin mariin erga gaggeeffamee booda, uummanni nama komishinii ta'uu danda'uuf yaada akka irratti kennuuf carraa ni kennama jedhamee ture.

Marii fi gamaaggama namoota maqaansaanii calalame 42n kunneen irratti gaggeeffameen, namoonni kunneen hedduunsaanii dhaabbilee barnootaa sadarkaa olaanoo keessatti barsiisaa fi qorannoo gaggeessuun muuxannoo yeroo dheeraa kan qaban ta'uutu mirkanaa'e.

Waamicha uummataaf dhiyaateen kanneen maqaansaanii eeramanii amma calalaman 42 keessaa ammas namoota 11tu filatamu.

Manni maree bakka bu'oota uummataa tartiiba maqaa kaadhimamtoota kunneenii-muuxannoo barnootaa fi hojii isaanii gabaabinaan ibsuun karaa miidiyaa hawaasaa isaa hawaasaaf ibseera.

Adeemsa kanaan, yaadni uummanni kaadhimamtoota filataman irratti kennu erga walitti qabamee booda, komishinaroonni 11 kaadhimamuun muudamaaf mana maree bakka bu'ootaatti dhiyaatu.

Odeessaalee marii biyyaalessaa kaan: