Waraana Kaaba Itoophiyaa: TPLF maatii ijoollee waraanatti duuluu hin feene hidhaa akka jiru maatiin himan

Humnoota TPLF yweroo daandii irra deeman

Madda suuraa, Getty Images

Ji'oota 18 oliif mootummaa federaalaa waliin lola keessa kan seene TPLF maatii ijoolleen isaanii waraanatti hin seenne hidhaa akka jiru maatiin BBC'tti himan.

Waraanarratti hirmaachuuf fedha waan hin qabneef kanneen maatiin isaanii jalaa hidhamuu dubbatan keessaa tokko kan ta'e dhalataan Tigraay miseensi maatii isaanii lama carraan akkanaa akka isaan qunname himaniiru.

Dargaggoon maqaa naaf dhoksaa jedhe kuni ''yoo xiqqaate maatii tokko keessaa namni tokko waraanatti ergamuu qaba seerri jedhu jira,'' jechuun hime.

Miseensi paartii mormituu Naannoo Tigraay jiru keessaa tokko kan ta'an Obbo Kibroom Bariheenis waan walfakkaataa isaan qunnamuu BBC'tti dubbatan.

Hoogganaa hariiroo alaa dhaaba Baayitoonaa Abbaay Obbo Kibrom obboleettiin isaanii quxisuu waraana seenuuf fedhii waan hin qabneef haati isaanii kaadiroota TPLF'n hidhamuu BBC'tti himan.

''Mana keenya hundi isaanii godaansarra jiru. Obboleettiikoo ganna 18 qofatu [Tigraay] jira. Obboleettiin koo maaliif 'qabsoo hin seenne' jedhaniiti hidhani,'' jechuun dubbatan.

Obbo Kibroom mucaan hin duulu yoo jedhe maatii dhukkubsate osoo hin hafiin akka hidhaman himuun, haalli itti mana murtiitti dhiyaatan osoo hin jiraatiin namootni baay'een mana barumsaa keessatti hidhamanii akka jiran himan.

TPLF gama isaatiin deebii kenneen kana dura ijoolleen maaliif duula hin seenne jedhamanii hidhuun ture, amma garuu kuni dhaabbateera jechuun hime.

Mootummaan himannaa kana yeroo dheeraaf humnoota Tigraay irratti dhiheessaa ture. Deeggarsi namoomaa ergamullee hidhattootu itti dhimma baha jechuun mootummaan himata.

'Abbaafi eessumakoo hidhani'

Dhalataan Tigraay BBC'n dubbise ijoolleen duula waraanaa seenuu waan didaniif bakka isaanii abbaan isaafi eessumi isaa hidhaa bu'uu hime.

Dargaggoon maqaa naaf dhoksaa jedhe kuni ''yoo xiqqaate maatii tokko keessaa namni tokko waraanatti ergamuu qaba seerri jedhu jira,'' jechuun hime.

Dargaggoon amma Naannoo Tigraayin ala jiru kuni waan maatii isaa qunname akkanaan hima.

''Abbaakootin ilmakee fidi jedhaniin. Waan isaanitti fiduu hin dandeenyeef ji'a tokkoof hidhani. Mucaa isaa akka fidufimmoo hiikanii turani.

''Amma haala irra jiru beekuu baadhus yeroo xumuraaf maatii bilbilaan yeroon arge abbaakoo hidhanii turan,'' jechuun ibsa.

Erga waraanni Federaalaa baatii Waxabajjii waggaa darbe Tigraay gadhiisee bahe as maloonni kominikeeshinii, baankii, geejjibaafi kaan Tigraayitti adda citaniiru.

Kanaanis hawaasni rakkoo cimaaf saaxilamuu ibsaa tureera. Obboleessi isaa waraana seenuuf fedhii dhabuu hima dargaggoon kuni.

''Obboleessikoo guddaadha. Yoo fedhe eeyyama abbaakoo osoo hin gaafatiin deema ture. Kan hidhan garuu abbaa kiyya,'' jechuun dubbata.

Gama kaaniin, abbaa isaan ala ijoollee isaanii gara adda waraanaa waan erguu dhabaniif eessumi isaallee hidhaa seenuu hima.

''Ji'a lama dura eessumakoo intala isaa fidi jedhanii hidhanii turan. Intalli wagga 18 illee ishee hin guunne.''

''Ijoollee gahaan [umriin] hin qabu. Kanneen mana jiran keessaa guddoon intala kana. Waan bilbilli dalagaa hin jirreef haala irra jiran hin beeku,'' jechuun BBC'tti hime.

Akka dargaggoon kuni jedhutti TPLF maatii ijoollee lola keessa seenuu hin feene hidhuu eegaluu dura namoota 'karaarraa butee waraanatti galchaa ture' jechuun dubbata.

''Kan dura dirqiin fudhachuun ni ture. Kuni baay'ema isaan deemsisuu dide. Eegasii adeemsa 'maatii yoo qabne seenu [qabsootti] kan jedhu fidaniiru. Kuni Tigraayitti rakkoo ta'eera. Akka seeraatti bu'e,'' jechuun ibsa.

TPLF maal jedha?

Itti gaafatamaan Biiroo Dhimma Alaa Tigiraay pirofesar Kindeyaa Gabirehiwoot ''wantootni akkasii sadarkaa kaadirootaatti mallattoon isaa kan mul'ate tahus maatii haala kanaan hidhuun garuu hin jiru.

''Sababni isaas namootni fedha isaaniin qabsaa'u,'' jedhan.

Obbo Kibroom Barihee garuu ''qabsoo deemuu fi dhiisuun filannoo dhuunfaati. Gara qabsoo hin deemne jechuun maatii hidhuun garuu waan adunyaa irratti argamee hin beeknedha,'' jedhe.

''Haatikoo Izziigi'imin Takilehaayimaanot jedhamti. Baay'ee nama gaddisiisa. Waanan hin eegnedha.

''Haadhakoo waan taateef qofa osoo hin taane ummatni Tigiraay guutuun beela'uu fi rakkinni isaa, gudeedamuun osoo hin xinnaatiin, kaadiroota koo jedhuun dararamuun ishee nama gaddisiisa,'' jedhe.

Lola naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessa jiruun namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman buqqa'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lola naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessa jiruun namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman buqqa'aniiru

Itti Gaafatamaan Dhimma Alaa Paartii Baayitooonaa Abbay dhalattootni Tigiraay hedduun kutaa biyyattii adda addaatti haqa osoo hin argatiin hidhamuu isaanii himuun, ''ammas kun Tigiraayitti irra deebi'uun isaa nama gaddisiisa,'' jedhan.

Jiraataa biraa

Jiraataan gara biraa BBC'n dubbise, amma naannicha keessa rakkoo hedduun akka jiru himuun kanneen keessaa maatiin ijoollee isaanii duulaaf akka ergan dirqisiifamuun tokko tahuu hima.

Jiraataan naannoo Tigiraay nageenya isaaf sodaachuun maqaa isaa dhahuu hin feene kun ''ijoollee keessan fidaa jedhamaa jirra. Bulchaa hin qabnu,'' jechuun BBCtti hime.

Waraanni mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti waggaa tokkoo oliif gaggeeffame miidhaa namoomaa fi qabeenyaa guddaa geesiseera.

Waraanni naannoo Tigiraayii gara Naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal'ate kun lubbuu namoota kumaatamaa galaafateera.

Hedduun ammo baqattoota tahaniiru. Miliyoonaan kan lakkaa'aman ammo beelaaf saaxilamaniiru, akkasumas bu'uuraaleen misoomaa manca'aniiru.

A.L.I Bitootessa 15/2014 deeggarsi namoomaa gara Tigiraay akka galuuf mootummaan federaalaa dhukaasa dhaabuu ibsuu hordofee humnootni TPLF waraana dhaabuuf waliigalaniiru.

Kanaanis, dhaabbileen deeggarsa kennan akka Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Fannoo Diimaa deeggarsa namoomaa naannichaaf dhiyeessaa jiru.