Waraana Kaaba Itoophiyaa: Itoophiyaaf diroonii eenyutu dhiyeessa?

Madda suuraa, Getty Images
Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigiraay keessatti ji'oota muraasa as haleellaa qilleensarraan raawwatamaniin namoonni hedduun ajjeefamaniiru.
Haleellaa kanneen keesssaa muraasni isaanii kan dirooniiwwan waraanaatiin raawwataman yoo ta'u, baayyina namoota nagaa ajjeeffaman irratti yaaddoo ka'aa jira.
Mootummaan Itoophiyaa kan waggaa tokkoo oliif finciltoota TPLF'n waliin wal waraanaa jirus meeshaalee waraana ni madaala jedhu kamiyyuu fayyadamuu akka danda'u himee ture.
Namoota nagaa irratti haleellaa raawwachuus ni waakata.
Amajji 8: Haleellaa kaampii baqattootaa
Haleellaa Amajjii 8 kaampii baqattootaa biyya keessaa Dadabiit Tigraay irratti raawwatameen, namoota 50 ajjeessuun kanneen 100 ol madeesse ture.
Suurawwan battala haleellaan sun raawwatame hojjattoota gargaarsaatiin Politico'f ergamee akka qoratameetti, qorattoonni meeshaan waraana haleellaa sanaaf oole miisaayila xiyyaara diroonii Tarkiin tolchite 'Bayraktar TB2' irraa dhukafame jedhanii amanu.
Muramaawwan, caccabaa baalallaa isaa dabalatee, waanti argame gosa xiyyaara diroonii kanaan walfakkaata, akka qorattoonni dhaabbata Neezarlaanditti bu'ureeffate, gartuu 'PAX Peace'jedhamuu fi Aminasti Intarnaashinaal himanitti.
Dirooniiwwan Tarkii Itoophiyaa keessatti jiraachunsaanii ji'a Muddee keessa qorataa Zijinenbarg kan dhaabbata PAX keessa hojjatuun ifoomse ture.
Innis suuraa saatalaayitii dirooniwwaan Tarkii buufata humna qilleensaa mootummaa kan Kibba Tigiraayi keessa qubatanii mul'iseera.
Dirooniiwwan kunneen guddina isaanii, dheerina baallii fi dheerina isaan qabaniin suura saatalaayiitiirraa ilaaluun adda baasuun ni danda'ama.
Dirooniiwwan kunneenis taatee sanaaf tajaajila irra ooluu isaanii hin beeknu, mootummaan Itoophiyaas itti gargaaramu saa hin mirkaneessine.
Waa'een gadi fageenya walii galtichaa ifa taasifamu baatulleen, Tarkiin Itoophiyaa waliin waliigaltee hariroo waraanaa bara darbe kan mallatteesan.
Rooyitarsi ji'a Muddee keessa akka gabaasetti, Ameerikaan dhimma gurgurtaa diirooniiwwan Tarkiin motummaa Itoophiyaatti raawwatte ilaalchisuun yaaddoo qabaachuu ibsitee turte.
Amajjii 6: Haleellaa hidhattoota Oromoorratti
Hidhattoota Oromiyaa keessa socho'anii fi TPLF waliin hidhata uuman irrattis Amajjii gara jalqaba haleellaan raawwatame.
Dhimma haleellaa Oromiyaa keessaa kanaa ilaalchisee garuu odeeffannoo miidhama qaqabee irratti gadi fageenyaan jedhame hin jiru.
Haata'u malee haleellaan naannawa Gidaamiitti raawwatame ragaalee muraasa dhiisee darbee ture.
Caccabaan misaayilaa argame meeshaa waraana Iraan akka faayidaarra oolfame kan agarsiisu ta'u qorannoon tokko mul'iseera.
Suuraan saatalaayitii Muddee darbe argame akka mul'isettti, dirooniwwaan Iraan buufata xiyyaaraa Harar meedaatti mul'achusaanii, hanga bal'inaafi dagalee isaatiin adda baafamaniiru.
Qorataan balaliinsawwan adda baasuu akka jedhutti, xiyyaaronni geeejiban mi'a hanga 15 ta'an Hagayya 2021 keessa Iraan irraa gara buufata Xiyyaaraa Harar Meedaa fi buufata xiyyaaraa Booletti imaluu adda baaseera.
Haata'u malee waanti xiyyaaroonni kunneen fe'anii turan hin baramne.
Haata'u malee, Onkolooleessaa darbe qondaaltoonni Ameerikaa Iraan dirooniiwwan waraana alatti erguushee fi Itoophiyaan biyya teekinoolojii diroonii Iraan itti gargaaramutu keessaa tokko ta'uu ifatti maqaa dhahanii turan.
Mudde 16: Haleellaa lafa gabaa Allaamaaxaa
Walakkaa ji'a Muddee 2021 keessa, haleellaan qilleensarraa walitti fufuun Kibba Tigiraay lafa gabaa Allaamaxaa irratti gaggeeffame lubbuu namoota nagaa 28 galaafate.
Gareen finciltoota Tigiraay -TPLF, haleellaa sanas jeetiiwwan fi diroonii mootummaa Itoophiyaa raawwachu himatan.

Akka viidiyoon TV Tigiraay irratti tamsa'ee agarseetti, taatee haleellaa kana irratti misaa'elli akka fayyadame agarsiisa.
Motorri misaa'elaa gara duubasaa jirus, miidhaa raawwate irraa hafe adda bahuun mul'ata.
Qorannoo madda banaa (Open-Source) tokkoo akka jedhutti, odeeffannoo uummata keessatti argameetti fayyadamuun maal akka ta'e sirriitti adda baasuuf yaalii taasiseen, suuraalee kanneen irratti bu'ureeffachuun qoratee, caccabaan sun misaa'ela Chaayinaan hojjette 'Blue Arrow 7' jedhamufi kan diroonii irratti hidhamuun wal fakkaata yaada jedhu irra gaheera..

Madda suuraa, PLANET LABS
Suuraaleen satalaayitii akka agarsiisanitti ammoo diroonii Chaayinaan hojjette Wiingi Loong jedhaman buufata waraanaa Harar Meedaa keessa gaafa Mudde 15 dhaabbatanii argamaniiru.
Kana jechuun haleellaa Allaamaaxaatti raawwate guyyaa tokkoon dura jechuudha.
Qorattootni maddeen odeeffannoo banaa irratti hundaa'uun qoratan (Open source) Chaayinaan Itoophiyaaf diroonii Wiingi Loong kan dhiyeessite, jalqaba hojii basaasaaf jedhamee kenname jedhan.
Ragaan aappiilikeeshinii balalii to'atu ykn hordofu irraa argame akka agarsiisutti ammoo Chaayinaa, magaalaa Chengdu, bakka oomisha diroonii qabeenyummaan isaa mootummaa tahe 'Chengdu Aircraft Industry' jedhamu irraa meeshaan fe'amee ji'a Fulbaanaa fi Onkoloolessaa bara darbee keessa Itoophiyaa galeera. Garuu biyyi biraan diroonii Wiingi Loongii fi Blue Arrows jedhaman gara Itoophiyaatti ergaa turte UAE akka tahes himan.
Daataabeezii ykn kuusaa odeeffannoo humna waraanaa Inistitiyuutii Qorannoo Nageenya Idil-adunyaa Istookholmiin keessa yoo ilaalamu, UAE diroonii Wiingi Loongii fi Blue Arrows jedhamn qabdi.

Madda suuraa, Getty Images
Akkasumas ragaan qorannoon balalii akka agarsiisutti, balaliin fe'umsaa yookaan kaargoo 119 tahu ji'oota shan keessatti buufata xiyyaara waraanaa UAE irraa gara buufata waraana qilleensarraa Harar Meedaa (Bushooftuu) fi Booleetti gaggeeffameera.
Tahus balalii kun maal fe'ee akka deeme beekuu hin dandeenye.
Deebiin Itoophiyaa maali?
Dubbii himaan mootummaa Itoophiyaa Dr Laggasaa Tulluu waa'ee taateewwan kanneenii bal'inaan keessa galuun hin dubbanne.
BBCn akka jedhaniitti: ''Bakka kana jechuu hin danda'u. Garuu mootummaan diroonii yeroo garaa garaatti bakka adda addaatti fayyadameera.'' Garuu ammoo lammiilee nagaa irratti hin fayyadamamnes jedhan.
Diroonii kunneen yoom akka dhiyaatan sirriitti beekuu hin dandeenye.
BBC'n mootummoota dirooniin isaanii Itoophiyaa keessatti haleellaaf ooleera jedhaman qunnameera. Garuu ammoo deebii isaan irraa hin arganne.
Akkasumas kaampaanii humna ittisaa Tarkii kan diroonii Bayraktar jedhamu oomishus qunnamneerra. Garuu isaanis deebii hin kennine.
Ammatti dhorkaan gurgurtaa meeshaa waraanaa Itoophiyaa irratti kaa'ame hin jiru. Akkaataa danbii fi waliigaltee idil-adunyaattis diroonii waraanaa biyya alaa irraa galfachuun ni eeyyamamaaf jechuudha.
Garuu adunyaa irratti naannoo walitti bu'insi jirutti itti fayyadamuun dabalaa jira.
Wim Zwijnenburg, garee PAX jedhaman irraa fakkeenyi Itoophiyaa fudhatee '' himannaawwan seera idil-adunyaa cabsan jedhan hedduun ka'an fudhachuu gaaffii cimaa kan kaasuu ta'u akka amanu,'' hima.















