Ameerikaan dhaabbata Chaayinaa diroonii oomishu- DJI qoqqobde

Diroonii DJI

Madda suuraa, Reuters

Ameerikaan dhaabbata xiyyaara nama-maleessa (diroonii) hojjatu, DJI fi dhaabbilee Chaayinaa kan biraa torba irra dhorkaa keesse.

Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa guyyaa Kamisaa Muddee 16, 2021 dhaabbilee Chaayinaa kanneen tarree dhorkaa invastimenti irra kaa'uun lammiileen biyyattii akka isa hin binneefi itti hingurgurreef labsite.

Dhorkaa kanaafis himannaan dhiyaate tekinolojiin diroonii ykn xiyyaara nama-maleessaa DJI muslimoota Uyigoor Chaayinaa keessa jiraatan ittiin to'achuurra oolfaman kan jedhudha.

Haa ta'u malee, murteen kuni hammana dhiibbaa uumuun isaa shakkisiisa. Sababni isaas kaampaanii qooda kanneen keessaa qabaniin kan hundaa'e miti.

Fayyadamtoonni US keessaa diroonii DJI irraa kana dura bitan itti fufuun itti fayyadamuu danda'u.

Bara 2020 keessas Waajjirri Daldalaa kubaaniyyoonni Ameerikaa oomisha saanii DJI'tti akka hin ergineef dhorkee ture.

Kanaafis kan Qajeelcha Ittisaatiin akka sababaatti eerame, balaa nageenya biyaaleessaati kan jedhu ture.

Akka gabaasa Ejansii Oduu Rooyitarsiitti, poolisii Magaalaa Niiw Yoorki dabalatee, eejansiiwwan nageenya hawaasaa Ameerikaa 900 ol ta'an omishaalee DJI fayyadamu.

Tajaajilli Paarkii Biyyaaleessaa ibidda bosonaa Kaalifoorniyaa keessaa ittisuuf dirooniiwwan DJI'tti fayyadama.

Akka ragaalee Industirii Diroonii agarsiisaniitti, kubbaaniyyichi bara darbe gabaa fayyadamtoota diroonii Ameerikaa keessaa gahee %80tti dhiyaatu qaba.

Dhaabbanni teeknolojii telekoomii guddichi Huawei ammalleen dhorkaa daldalaa bulchiinsa Tiraamp'n kaa'amee jalatti argama.

Dhorkaan sunis kubbaaniyoonni Ameerikaa dhaabbaticha waliin daldala akka hin raawwannee dhorka.

Maddi oduu Rooyitarsi akka gabaasetti, bulchiinsi Baayidan ammallee ganaa omishaa chiippii kan ta'e dhaabbata Chaayinaa, Korporeeshinii Idil-Addunyaa Omishaa Semicoductor irra dhorkaawwan dabalataa kaa'uuf jira.

Odeessaalee walfakkaata: