Ertiraa፡ Biyyatiin guyyaa walabummaa ishee 31ffaa haala akkamii keessa dabarsiti?

Ertiraan guyyaa walabummaa waggaa 31ffaa kabajataa jirti

Madda suuraa, Yemane G Meskel

Guyyaan har'aa Caamsaa 24, Ertiraaf waggaa 31ffaa walabummaashee itti labsiteedha. Torbeewwan darban irraa kaasee lammiileen Ertiraa biyya keessaafi biyya alaatti argaman guyyicha haalawwan adda addaatiin kabajataa jiru.

Addi Bilisa Baasaa Ertiraa (Shaabiyaa) kan waggoota 30'f qabsoo hidhannoo ummata Ertiraa hogganaa ture guyyaadhuma kanatti ture magaalaa guddoo biyyattii Asmaraa kan to'ate.

Waggoota kanneeniin boodas Ertiraatti miirri waraanaa mul'ateera.

Godaansa

Waraanni Ertiraan baroota dheeraaf gaggeessites kan buqqaatiiwwan hedduu hordofsiiseefi namoonni gara miiliyoonatti siqan akka biyyaa baqatan kan dirqamsiise ta'u akka sababaatti kaafama.

Bilisummaan booda baqattoonni kuma dhibbaan lakka'aman gara biyyasaaniitti deebi'uu eegalanii ture.

Haata'u malee, sababii tajaajila biyyaaleessaa, sarbama mirgootaa fi rakkooleen siyaasaafi hawaasummaa biraa biyyattii keessa itti fufeen hedduun biyyaa baqatu.

Waggoota darban keessa daa'immaniifi dubartoota kumaatamaan lakkaa'aman dabalatee, biyyasaaniitii baqataniiru.

Hedduunis osoo godaansa irra jiranuu gammoojjii fi galaanarratti haala sukkaneessaan lubbuusaanii yoo dhaban, kaan ammo miidhama qaamaatiif saaxilamaniiru.

Itoophiyaa keessatti qofa baqattoonni Ertiraa kuma 200 ta'an akka argaman himama.

Sudaanittis lammiileen Ertiraa bufataalee baqattootaafi magaaloota garaa garaa keessa jiraatu.

Ertiraan waggoota 31 darban keessa wantoota dhabdee keessaa tokko dhabiinsa humna namaa ta'u mala jedhu xinxaltoonni.

Qondaaltonni mootummaa gama isaanitiin eejansiiwwan tikaa warra lixaa fi eejansiiwwan baqattoota Mootummoota Gamtoomanii, imaammanni isaan hordofan baqannaa godaantota Ertiraa kan jajjabeessuudha jechuun himatu.

Dhiheenya kanas UK'n baqattoota koolugaltummaa gaafatan gara Ruwaandaatti dabarsuuf, motummaa Ruwaandaa waliin waliigaltee mallatteessuun ni yaadatama. Ertiraanoonnis murtee kana mormaniiru.

Gaaddidduu waraanaa

Waggoota 31 darban keessa ummanni Eertiraa waraana qabatamaa fi oduuwwan waraanaa irra bilisa kan ta'an waggoota muraasaaf qofaa ture.

Eertiraan erga biyya bilisaa ta'uun hundooftee kaasee, Sudaan, Yeman, Jabuutii fi Itoophiyaa waliin waldhabdee daangaatiin waraana keessa galte jirti.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad tarkaanifii fudhataniin Itoophiyaafi Ertiraan Adooleessaa 2018tti ''waliigaltee nagaafi jaalalaa'' waliin mallatteessan. Isaan boodas biyyoota lamaan jidduutti abdiin nageenyaa dabalee ture.

Waliigaltee nageenyaa sanaan kan ka'ees MM Abiya Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa badhaafamamaniiru.

Yeroo sanattis, ''Waraanni Itoophiyaafi Eertiraa jidduu jiru dhumeera. Barrii nageenyaafi jaalalaa saaqameera,'' jedhamee ture.

Pirezidaant Isaayaas Afawarqiin wayita MM Abiy Ahimad waliin wal arganiitti, ''Carraan waggoota 25 darban keessatti bade haala kamiinuu safaramu hin danda'u. Har'a garuu bakka jiruutti taanee hin machoofne, qabeenyaasaa guutuu deebisiifneera'' jechunsaanii ni yaadatama.

MM Abiy Ahimad gamasaanitiin haasaa Asmaraatti taasisaniin, ''oduu waraanaafi waraana dhagahuun nu haa gahu'' jechuun dubbii onnee namoota hedduu xuqe taasisan.

Waldhabdeen TPLF kan woggoota 30n darban keessa siyaasa Itoophiyaa olaantummaan hogganaa ture jidduutti ture cimaa dhufuun jalqaba Sadaasaa 2020 waraanni akka ka'uuf madda ta'eera.

Waraana kanaanis Abiy Ahimad waliin firooma kan uummattee Eertiraan loltoota ishee waraana Itoophiyaa waliin hiriirsite turte.

Waraanicha keessattis waraanni Eertiraa ajjeechaa jumlaa fi miidhaa saalaa raawwachuun Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Aminastii Intarnaashinaal fi Humaan Raayitis Waachiin himannaan irratti dhiyaateera.

Eertiraan garuu himannaawwan kanneen hin fudhattu.

Raayyaan Itoophiyaafi humnootiin Tigraayis haaluma walfakkaatuun himatamu. TPLF himannicha kuffiisuun qama walabaatiin akka qoratamu gaafateera.

Ameerikaan waraana Tigraayiin walqabate Eejjansiiwwan tikaa Eertiraa fi hoggantoota akkasumas paartii biyya bulchu, dhaabbilee fi aanga'oota irra qoqqoophaa keesseetti.

Waraana Tigraayiin loltoonni Eerturaa meeqa akka du'an hanga ammaatti beekamu baatulleen, gama maraanuu namoonni kumaatamaan lakkaa'ama ajjeefamuuti ibsama.

Waraanni miidhaa namoomaa olaanaa qaqabsiise kunis baatiiwwan darban muraasaaf kan qabannaa'e fakkaatulleen, torbanoota dhihoon asitti garuu humnootiin falman hundumtuu qophii waraanaa haaraa yoo taasisanii fi ibsawwan yoo baasan dhagahamu.

Kanaanis waraanichi irra deebiin akka hin kaaneef yaaddoo uumeera.

Asmaraa

'Diinadgee dadhabe'

Eertiraan waggootan jalqabaa torban walabummaa keessatti guddina diinagdee abdii kennuu agarsiisuu dandeessee turte. Haata'u malee sababii waraana Itoophiyaa waliin eegalamee tureetti, qabeenyaa waraanaan baduun alatti, daldalli biyyoota lamaan jidduu ture waan adda citeef Eertiraaan baayyee miidhamte turte.

Warshaaleen yeroo sana Eertiraa keessa turan gabaan isaanii inni guddaan Kaaba Itoophiyaa waan tureef daldalli alaashee adda citeera. Warshaalenis oomishasaanii dhaaban.

Waraanicha hordoofees daangaaleen biyyoota laamaanii cufamuun alatti, humni namaa hedduun waraana biyyaaleessaa irratti hirmaachuun, biyyattii keessatti rakkoon hawaasummaafi diinagdee akka cimu taasisee ture.

Abbootiin qabeenyaa mana daldalaa umuriin isaanii wagga 18 hanga 40 ta'an dabalatee tajaajila loltummaa barri dheerina isaa hin daangeffamne akka deeman dirqisiifamuu isaaniitiin daldalli isaanii cufateera.

Dabalataanis, siyaasa Eertiraa olaantummaan gaggeessaa kan jiru paartiin biyya bulchu dinagdee biyyatii to'achuu isaatiin, hirmaannaan abbootii qabeenyaa dhiphaa ta'uufi kan daangeffame ta'uu isaatiif hedduun isaanii biyyaa ba'aniiru.

Lammileen Ertiraa hojii uumuu danda'an biyyattii gadhiisanii gara Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa, Yugaandaa, Angoolaafi Afrikaa Kibbaatti baqachuuf dirqamaniiru.

Adeemsa bulchiinsa bajataa al-idilee mootummaan deeggaru ifa ta'uu dhabuu isaa irraa kan ka'e haalonni rakkisaa dhufuu isaanii ogeeyyin diinagdee ni dubbatu.

Baroota hedduuf mootummaan dhiyeessii nyaataa bu'uura ta'an to'achuudhan kuppoonii uummataaf qoodaa jira.

Kana kan caalu ammoo, dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa heddu dhiyeessiin humna ibsaa dhabuu irraa kan ka'e kasaaraa guddaadhaf saaxilamuu isaanii Pirezidaant Isaayas ibsaniiru. Kunis dameewwan diinagdee biyyattii kan biroo irratti rakkoo dabalataa geessiseera.

Eritiriyaa keessatti dameewwan diingadee ijoo kan ta'anii fi waggoota dheeradhaaf kan addaan citan dame ijaarsaa yoo ta'an, kufaatii dinagdeetif sababa akka ta'antu dubbatama.

Jireenya Gadadoo

Weera koronaavaayirasii fi hongee dabalatee sababoota armaan olitti eeramaniin diinagdeen biyyattii laamsha'e jireenya ummatichaa irratti hiyyummaa, beela fi gidiraan akka baay'atu taasiseera.

Pirezidaant Isaayas tarsiimoo "of-danda'uu" jedhu hordofuu irraa kan ka'e mootummaan isaanii deeggarsi namoomaa biyya alaa irraa akka hin galle godhameera.

Bara 2001 hanga 2006 qofaatti dhaabbileen deeggarsa namoomaa hedduu Eeritiraa keessaa ari'amaniiru. Bara 2005 A.L.A tti dhaabbanni Ameerikaa misoomaa fi deeggarsa namoomaa irratti hojjatu USAID biyyattii keessatti akka hin hojjanne godhame.

Sadaasa, 2006 tti ammoo dhaabbileen Mersii Koorpisi, Konsarni fi Akkord jedhaman eeyyamni isaanii irraa mulqamee biyyaa akka bahan godhamaniiru.

Yeroo ammaa kana diinagdeen biyyattii galii diyaaspooraa irraa argamu irratti kan hirkateedha. Haa ta'u malee, sharafa biyya alaa to'atee kan jiru mootummaa biyyattii waan taheef lammiilen biyyattii heddun ni komatu.

Waggoota 31 darbanitti uwwisni bu'uuraalee misoomaa dabaleera jedhamus tajaajilliwwan keessaa kanneen akka baruumsa fi fayyaa gadi adeemaa akka dhufetu ibsama.

Waggoota dhiyoos asitti mootummaan dhaabbilee fayyaa fi barnootaa Waldaa Kaatolikii jalatti bulaa turan dhuunfachuu isaa hordofuun rakkoolen turan caalmatti babal'ataniiru.

Gama biraatin, tajaajilli bishaani fi ibsaa al-idilee magaalatti argamu waggoota hedduuf lammiilee kan rakkisaa ture yoo ta'u, dhaabbileen fayyaa ammo rakkinichaaf saaxilamoodha.

Koronaa Vaayirasii

Waggoota lamaan darbanitti koronaavaayirasiin lubbuu lammiilee miliyeena 15 yoo galaafatu, rakkoo cimaas geessiseera.

Eeritiriyaan yeroo jalqabaatif nama vaayirasichaan qabame kan beeksifte Sadaasa 21, 2020 ture. Kana hordofuun lammiilen hedduun hanqina nyaatatiin rakkataa osoo jiranii uggura sochii keesse.

Biyyoonni hedduun lammiilee isaaniitiif talaallii koronaa vaayirasii kennanis, Eertiraan Afrikaa keessaa biyya lammiilee isheef talaallii vaayirasichaa kennuu hin jalqabneedha.

Kuni ammoo lammiilee biyyattii sababa gara garaan biyyaa bahan irratti dhiibbaa cimaa geessisuu irraa kan ka'e Eertiraanonni tokko tokko gara biyyoota ollaa deemun talaallii vaayirasichaa fudhachuuf yaalu.

Dhimmoota Idil-addunyaa fi Naannoo

Eertiraan fedhii ishee fi haalota dirqisiisoo ta'aniin walitti dhufeenya dippilomaasii idil-addunyaa irraa gargar baatee turteetti.

Raashiyaan Yukireen weeraruu isheetin ijjannoon Eertiraan agarsiifte mata duree dubbii ta'eera.

Ji'a sadaasaa keessa Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii Raashiyaan Yukireen weeraruu ishee mormee murtii yeroo dabarse Afrikaa keessaa biyyi ejjennoo UN mormite Eertiraa qofa.

Eertiraan poolisiin dhimmaa alaa hordofu qajeelfama irratti kan hundaa'edha jettus, dippiloomatonni duraani fi xinxaaltonni walitti dhufeenya idil-addunyaa heddu akka jedhanitti biyyattiin hariiroon dhimmaa alaa hordoftu jijjiiramaa fi tarsiimawaadha jedhu.

Baha giddu galeessatti hariirooo jijjiiramaa agarsisuu ishee akka ragaatti fudhatu.

Tasgabbii dhabuu nageenya Baha Afrikaa keessaa Eertiraan qabdi himanni jedhu irra deddeebin dhiyaachaa ture.

Haa ta'u malee, tasgabbii dhabuu keessoo biyyoota tokko tokko mudatu furuudhafis kaka'uumsa yeroo agarsiiftu ni mul'atti. Waggoota 15 dura humnoota Somaaliyaa addaa addaa gara tokkotti fiduudhaf dhaamatin isheen taasifte hin milkaa'in hafe.

Gama birootin, Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaan ijaaraa jirtu ilaalchisee waldhabdee Sudaan, Masirii fi Itoophiyaa gidduu jiru furuuf yaalaa akka turtetu himama.

Dhiyeenya kana ammoo rakkoo Sudaan hanga ammaa xumura dhabe furuudhaf kaka'uumsa haaraa akka jalqabde ibsitee jirti.

Xinxaaltonni akka jedhanitti garuu Ertiraa keessatti paartilee siyaasaa yaada garaa garaa qabanii fi bulchiinsa dimokiraasii osoo hin keessummeessin Sudaan adeemsa cehuumsa gara dimokoraasitti taasiftu keessatti gaheen mootummaan Ertiraa xiqqaadha.

Mirgoota Dimokiraasi fi Guddina Siyaasaa

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbileen mirga namoomaf falman heddu sarbama mirga namaa cimaadhan Eertiraa komatu. Erga akka biyyaatti walabummaa ishee gonfattee kaastee Eertiraan namoota dhuunfaa hedduu murtii seeraa malee hidhuu, dhoksuu fi ajjeesudhan hadheeffamti.

Mootummaan biyyattii Waldaalee Warra Wangeelaa heddu dhorkuudhan gaggeessitoota hidheera. Kanarraa kan ka'e amantoonni hedduun baqataniiru.

Mootummaan gama isaatin nageenya biyyoolessaa eegufan kana godhe jedhee falmata.

Eertiraatti gabaasan Addaa Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii Mahaammad Abadulsalaam haala biyyattii keessa jiru, "hanga ammaatti Eertiraan bifa dimokiraasitiin seerotaa fi dhaabbilee mirga namoomaa eegan hin qabdu" jedhuun bara darbe ibsee ture.

Mahaammad Abdulsalaam akka jedhetti heerri mootummaa fi sirni haqaa bilisa ta'e jiraachuu dhabuun isaa Eertiraa keessa olaantummaa seeraa akka hin jirre agarsiistuudha.

Namni ganna 76 Pirezidaant Isaayas, heerri mootummaa biyyattii bara 1997 tti bahe "osoo hin dhalatin kan du'eedha," kanaaf ammoo isa kan bakka bu'u heerri biraan akka wixineeffamu bara 2014 dubbachuun isaa ni yaadatama.

Haa ta'u malee, hanga ammaatti heerri barreeffame hin jiru, adeemsi wixineessus hin eegalamne.