Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'Booji'amtooti TPLF gadhiise jedhu loltoota miti' - Mootummaa Itoophiyaa

Madda suuraa, AFP
Hidhamtoonni tibbana TPLF'n gadhiifaman baay'ee maatii miseensota waraanaa yeroo waraanni bara darbe Tigraay gadhiisee bahe hidhaman malee booji'amtoota waraanaa miti jedhe mootummaan Itoophiyaa.
Ibsa har'a mootummaan federaalaa baasen, dhimmicha adda baasuuf yaalii taasise jedheen humnoonni TPLF booji'amtoota gadhiisna inni jedhan humnoota waraanaa booji'aman miti jedhe.
''Garee shororkeessaan booji'amtootaadha jedhamanii gadhiifaman baay'een isaanii raayyaan ittisa biyyaa yeroo Tigraay gadhiisee bahe miseensota maatii kanneen garee shororkeessaan ukkaamfamanii hafan ta'un barameera,'' jedhe.
Dabaluunis, ''bakkeewwan biyyattii garagaraarraa hojiifi jiraattota sivilii Tigraay turan ukkaamsuun kan turseedha,'' jedha ibsi Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Dilbata baase.
Namoonni gadhiifaman jedhaman kunneen garuu haala kamiin akka dabarfaman ifa miti.
Humnoonni TPLF booji'amtoota waraanaati kan jedhan kuma afur ol akka gadhiisan Kamisa, Caamsaa 19, 2022 ture kan ibsan. Ta'us, yeroo sanatti gama mootummaan waan jedhame omtuu hin jiru ture.
''Kan nagaa barbaadu fakkaatee mul'achuuf carraaqqiin taasisaa jiru keessaa tokko odeessa sobaa booji'amtoota gadhiise jedhudha,'' jechuun mootummaan TPLF balaaleeffate.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti baatiiwwan 18 dura eegaleen humnoonni federaalaa humnoota TPLF waliin waraana biyyattii hube taasisaniiru. Ammatti lolli kun kan tasgabaa'e fakaatuulee xumura hin arganne.
Dhimma mootummaan har'a jedheerratti gama TPLF wanti dhagahame jiraatuu baatus gaafa Jimaataa, Caamsaa 20, 2022 TPLF ibsa baasen kanneen gadhiisuuf jedhu boji'amtoota waraanaa ta'u himunsaa ni yaadatama.
Dabaluunis, baay'een isaanii Naannoo Tigraayiin ala kan qabamaniifi dhihoo kan raayyaa seenan ta'uu ibse.
Akkasumas sababa murtee yoo ibsuus ''waadaa Oliseegun Obasaanjoof seenneen hidhamtoota waraanaa 4,208 hiikuuf murteessuu,'' himan.
Guyyaa Kamisaa, Televijiin naannichaa TPLF jalatti bulu akka gabaasetti, miseensonni waraanaa gadhiifamu jedhan Fannoo Diimaaf ni kennamu jedhee ture.
Haa ta'u malee, Dubbii Himaan Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa ''Waldaan Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa oppireeshinii akkanaa keessa qooda hin qabu,'' jechuun BBC'f deebisan.
Ibsi TPLF booji'amtoota raayyaa ittisaa dhiifamaan nan gadhiisa jedhu kan dhagahame lolli Kaaba Itoophiyaatti tasgabbaa'e ture hammaatuu mala yaaddoon jedhu yeroo dhagahamaa jiruttidha.
Maaltu jedhame?
Mootummaan federaalaa ibsa baaseen humnoonni TPLF ''bu'aa siyaasaa argachuuf jecha diraamaa ololaa,'' dalage jechuun himate.
Kanneen hojiif Tigraay turan jedhe ''uffata waraanaa raayyaa ittisaafi humnoota nageenyaa kaan uffisuun maqaa booji'amtootaan hiriirse,'' jedhe.
Akka ibsa mootummaatti, yeroo TPLF Amaaraafi Affaar keessa ture ''namoota dirqiin qabee waan mirga namoomaa dhiibu irratti raawwataa turee olola isaaf booji'amtoota jechuun hawaasa biyya keessaafi idil-addunyaa waliin dhahuuf yaalaa jira,'' jedhe.
''Olola sobaan qalbii hawaasa idil addunyaa harkisuuf yaaliin taasifamu bakka hin qabu,'' kan jedhe mootummaan, humnoonni Tigraay ''booji'amtoota gadhiisne jechuun ajandaa gochuuf yaalaa jiru,'' jedhe.
Ibsi mootummaa humnoonni TPLF waraanaa qophaa'aa akka jiran dhihoo ibsuu isaanii eeruun ''galaa qaban waraanatti dabarsuuf akka jiran taateen kun agarsiistuudha,'' jedhe.
Mootummaan federaalaa hidhattoota ABO-Shanee jedhuun waamu qaama olola kanaati jechuun himate. Kanneen booji'amtoota jedhaman keessaa miseensonni ABO -Shanee leenji'an jiru jedhe.
''Ergama isaa ittiin raawwachiisuufi karaa odeeffannoo itti argatu gochuuf socho'aa akka jiru gama mootummaan adda bahuu,'' ibsi mootummaa hima.
TPLF maal jedhe?
Akka ibsa TPLF'tti kanneen gadhiise kuma afur ol keessaa 401 dubartootadha.
Kana dura qondaalonni TPLF humna waraanaa badiin shakkan seera dura akka gaafatan himanii turan. Ibsa kanaan, kanneen gadhiifaman kanaan akka hin shakkamne eeran.
Kanneen gadhiifamuuf jedhaman kunneen gara caalu Tigraayii ala qabamuufi kanneen uumamaaniis ta'e lolarratti miidhama qaamaa qaban ta'uu hime.

Madda suuraa, AFP
Akkasumas kanneen gaadhiisuuf jedhan yeroos ibsan keessa dubartoonni dahan akka jiran eera.
Ibsa kana keessatti ''booji'amtoota waraanaa hiikuu murtaa'e'' akka hojiirra oolu hawaasi idil-addunyaa sochii akka taasisu eere.
Arma dura dhimma kana irratti qaamota waraana keessa jiran waliin waliigalteen yoo jiraate wanti ibsame hin jiru.
Humnoonni TPLF, ammallee dhalattoonni Tigraay ''sababa sabummaa isaaniin'' hidhaa jiran jedhaniifi miseensa waraanaa ta'an akka gadhiifaman hawaasi idil-addunyaa dhiibbaa akka godhu gaafataniiru.
Dhalattooti Tigraay jalqaba waggaa kanaa labsiin yeroo muddamaa labsamuu hordofee baay'inaan hidhaa seenan labsiin kuni ka'u hordofee hiikamaa turan.
Yaaddoo waraanaa
Booda kana labsiin dhukaasa dhaabuu erga labsame as waraanni tasgabbaa'ee ture deebisee eegaluu mala jedhamee sodaatameera.
Mootummaan Ertiraa gama Ministeera Beeksisaa A.L.I har'a Caamsaa 09/2014 ergaa dabarseen TPLF gama daangaa Ertiraafi gama Lixa Tigraayiin lola banuuf jiru jechuun ibse.

Madda suuraa, Getty Images
Guyyoota muraasa duras Mootummaan Naannoo Amaaraa 'weerara gama TPLF banamuu mala' jedheen caasaan nageenyaa naannichaa akka qophii godhu ajaja dabarseera.
Xumura torban darbees Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduu muddamni dabalu eeruun yaaddoo ibseera.
Akka komishinichaatti gabaasi walitti bu'iinsi mudatu akeekan dhagahamaniiru.
Guyyoota muraasa dura humnoonni TPLF waraana Ertiraarratti haleellaa bananiiru gabaasni jedhu dhagahamee ture. TPLF kana gochuu waakkate.
Humnoonni TPLF dargaggoota waraanaaf filataa jiraachuufi warra didan immoo maatii isaanii hidhaa akka jiran jiraattonni kana dura BBC'n dubbise himanii turan. Qondaaltonni dhaaba TPLF garuu kana ni waakkatu.
Mootummaan Ertiraa gama Ministeera Beeksisaa A.L.I har'a Caamsaa 09/2014 ergaa dabarseen TPLF gama daangaa Ertiraafi gama Lixa Tigraayiin lola banuuf jiru jechuun ibse.














