Waraana Kaaba Itoophiyaa: Fannoon Diimaa boojuu waraanaa TPLF gadhiisuuf jedhe keessaa qooda hin qabu jedhe

Humnoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa booji'aman jedhaman waggaa darbe Waxabajjii keessa magaalaa Maqalee keessa akka mul'atan taasifamee ture

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Humnoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa booji'aman jedhaman waggaa darbe Waxabajjii keessa magaalaa Maqalee keessa akka mul'atan taasifamee ture

Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa hoogganoonni TPLF booji'amtoota waraanaa gadhiisna isa jedhan irratti qooda homaatuu hin qabu jechuun BBC'tti hime.

Humnoonni Tigraay guyyaa Kamisaa miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa waraana Kaaba Itoophiyaarratti kanneen booji'amanidha jedhan kuma afur ol ''dhiifamaan'' ni gadhiisan jedhaniiru.

TPLF gama hariiroo alaa isaa ibsa gaafa Jimaataa baasen ''waadaa Oliseegun Obasaanjoof seenneen hidhamtoota waraanaa 4,208 hiikuuf murteessuu,'' himan.

Taatullee ibsichi yoom akka gadhiisuuf jedhaniis ta'e karaa kamiin gadhiisuuf akka jedhan waan jedhe hin qabu.

Mootummaan Federaalaas dhimmicharratti waan dubbate hin qabu.

Guyyaa Kamisaa, Televijiin naannichaa TPLF jalatti bulu akka gabaasetti miseensonni waraanaa gadhiifamu jedhan Fannoo Diimaaf ni kennamu jedhee ture.

Gabaasichis ta'e ibsi TPLF booji'amtoonni gadhiifama jedhan mootummaa federaalaa waliin waliigalamee ta'uu waan jedhe hin qabu.

Raadiyoon VoA nama qindeessaa booji'amtoota Maqalee Obbo Birhaana Baqqalaa jedhaman waabeffachuun akka gabaasettis booji'amtoonni waraanaa 4,208 guyyaa har'aa konkolaataan geeffamanii Fannoo Diimaaf ni kennamu jedhee ture.

Haa ta'u malee, Dubbii Himaan Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa ''Waldaan Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa oppireeshinii akkanaa keessa qooda hin qabu,'' jechuun BBC'f deebisan.

Ibsi TPLF boojuu raayyaa ittisaa dhiifamaan nan gadhiisa jedhu kan dhagahame lolli Kaaba Itoophiyaatti tasgabbaa'e ture hammaatuu mala yaaddoon jedhu yeroo dhagahamaa jiruttidha.

Waraana Kaaba Itophiyaa baatii 18 dura Naannoo Tigraayitti eegalee naannolee Amaaraafi Affaaritti ce'een badiin namoomaa guddaatu gahe.

Gama lamaaniinuu humnoonni waraanaa kumaan lakkaa'aman boojuu akka ta'an amanama.

Fannoon Diimaa yeroo waraanaa lammiilee nagaaf yaala fayyaa gessuun alatti qaamolee waraana keessa jiran walaba ta'un boojuu gama isaatiin waljijjiiruu danda'u.

Konveenshiniin Jenevaa sadaffaa boojuu waraanaaf eegumsi akka taasifamu dirqa. Mirga isaaniifi akkaataa kunuunsi taasifamuufi qabu bal'inaan ibsa.

Konvenshinii Jenevaa kanaan Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa akka hidhamtoota kana daawwatu mirga kennaaf.

TPLF maal jedhe?

Akka ibsa kanaatti, kanneen keessaa 401 dubartootadha.

Kana dura qondaalonni TPLF humna waraanaa badiin shakkan seera dura akka gaafatan himanii turan. Ibsa kanaan, kanneen gadhiifaman kanaan akka hin shakkamne eeran.

Kanneen gadhiifamuuf jedhaman kunneen gara caalu Tigraayii ala qabamuufi kanneen uumamaaniis ta'e lolarratti miidhama qaamaa qaban ta'uu hime.

Akkasumas kanneen gaadhiisuuf jedhan keessa dubartoonni dahan akka jiran eera.

Ibsa kana keessatti ''booji'amtoota waraanaa hiikuu murtaa'e'' akka hojiirra oolu hawaasi idil-addunyaa sochii akka taasisu eere.

Arma dura dhimma kana irratti qaamota waraana keessa jiran waliin waliigalteen yoo jiraate wanti ibsame hin jiru.

Humnoonni TPLF, ammallee dhalattoonni Tigraay ''sababa sabummaa isaaniin'' hidhaa jiran jedhaniifi miseensa waraanaa ta'an akka gadhiifaman hawaasi idil-addunyaa dhiibbaa akka godhu gaafataniiru.

Dhalattooti Tigraay jalqaba waggaa kanaa labsiin yeroo muddamaa labsamuu hordofee baay'inaan hidhaa seenan labsiin kuni ka'u hordofee hiikamaa turan.

Waraana Kaaba Itoophiyaa

Ibsi TPLF boojuu raayyaa ittisaa dhiifamaan nan gadhiisa jedhu kan dhagahame lolli Kaaba Itoophiyaatti tasgabbaa'e ture hammaatuu mala yaaddoon jedhu yeroo dhagahamaa jiruttidha.

Mootummaan Ertiraa gama Ministeera Beeksisaa A.L.I har'a Caamsaa 09/2014 ergaa dabarseen TPLF gama daangaa Ertiraafi gama Lixa Tigraayiin lola banuuf jiru jechuun ibse.

Akka UN ibsetti Kaaba Itoophiyaa sababa waraanaan ummati miiliyoona sagalii ol gargaarsa nyaataa barbaada

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka UN ibsetti Kaaba Itoophiyaa sababa waraanaan ummati miiliyoona sagalii ol gargaarsa nyaataa barbaada

Guyyoota muraasa duras Mootummaan Naannoo Amaaraa 'weerara gama TPLF banamuu mala' jedheen caasaan nageenyaa naannichaa akka qophii godhu ajaja dabarseera.

Xumura torban darbees Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduu muddamni dabalu eeruun yaaddoo ibseera.

Akka komishinichaatti gabaasi walitti bu'iinsi mudatu akeekan dhagahamaniiru.

Guyyoota muraasa dura humnoonni TPLF waraana Ertiraarratti haleellaa bananiiru gabaasni jedhu dhagahamee ture. TPLF kana gochuu waakkate.

Humnoonni TPLF dargaggoota waraanaaf filataa jiraachuufi warra didan immoo maatii isaanii hidhaa akka jiran jiraattonni kana dura BBC'n dubbise himanii turan.

Qondaaltonni dhaaba TPLF garuu kana ni waakkatu.