Booji'amtoonni waraanaa jechuun maalii, kunuunsa akkamiitu taasifamuuf qaba?

Waliigalteen idil-addunyaa kanneen waraana keessa booji'aman kunuunsamuu akka qaban eera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waliigalteen idil-addunyaa kanneen waraana keessa booji'aman kunuunsamuu akka qaban eera

Akkaataa hidhamtoonni waraanaa eegamuu ykn kunuunsamuu qaban irratti seerri jira.

Booji'amtoonni yookiin hidhamtoonni waraanaa (Prisoners of war) waliigaltee idil-addunyaa kan ta'e konveenshinii Jeneevaa sadaffaatiin bara 1929 eegalee kunuunsi ni taasifamaaf.

Kunis akkaataa hidhamtooti itti eegaman kan of keessatti qabatudha.

Seerri kun qajeelfamoota mirga namoomaa hidhamtootaa eeguu, odeeffannoo waa’ee isaanii wal jijjiruu fi mirga qaamooleen biyya saddaffaa manneen hidhaa daawwachuu akka qabaatan godhu of keessatti qabata.

Mariin Jeneevaa kun bara 1949 keessatti erga biyyoonni hedduu Waraana Addunyaa Lammaffaa keessa turan seerota kana cabsuun himatamanii booda akka bal'atu ta'eera.

Fakkeenyaaf ''kabaja namoomaa hidhamtoota waraanaa” kanaa eeguun barbaachisaa akka ta’e murteesseera.

Akka Dhaabbati Biyyooti Gamtoomani [UN] jedhutti biyyootiin 196 Konveenshinii Jenevaa kana mallatteessaniiru.

Booji'amtoonni waraanaa eegumsa akkamii argatu?

Eegumsi kennaman mirga wal’aansa fayyaa, nyaataa fi mi’a barbaachisaa ta’e argachuu irraa eegalee hanga dararaa fi hidhamtoota hojii humnaa dirqamaan hojjechiisuu irra eegu of keessatti qabata.

Walii galteen kun hidhaan akka adabaatti hojiirra ooluu akka hin qabne ibsa, ta’us garuu waldhabdee irratti fufanii akka hin hirmaanne gochuuf ni ta’a.

Kaanafidha hidhamtoota waraanaa “dorsiisa, arrabsoofi” kaanirraa eeguu kan of keessatti qabatu.

Kanaafidha angawootii Raashiyaa fi Yuukireen viidiyoo hidhamtoota waraanaa agarsiisuu isaanii fi garii isaanii ammo ibsa miidiyaa irratti dhiyeessuu isaaniif kan qeeqamaa jiran.

Akka Konveenshinii Jenevaatti, hidhamtoonni waraanaa sababa lola/waraana keessatti hirmaataniif qofa himatamuu hin danda’ani.

Ta'us, seerii kun hidhamtoota waraanaa kanneen yakka waraanaa irratti hirmaatan biyyootiin himachuu akka danda’aniif ni eeyyama.

Dabaluunis waliigalteen kun hidhamtooti waraanaa kunneen yeroo waraanni dhaabbatu/xumuramu “utuu hin barfatiin” gara biyya isaaniitti deebifamuu akka qaban ni ibsa.

Eenyutu hidhamtoota waraanaa jedhamuu danda’a?

Akka Konveenshinii Jeneevaatti hidhamtoota waraanaa jechuun miseensota humnoota hidhatanii qofa miti.

Miseensoti milishaa fi sivilii kan ga’ee lola kallattiin loluun alatti humna waraanaa waliin hidhata qabanis of keessatti qabata.

Kan of keessatti hin qabanne namoota dhuunfaatti waraanaaf qacaramanii fi haala tokko tokko keessatti ammo- basaastotadha.

Dhimma basaastotaa irratti garuu, Konveenshiniin Jeneevaa akka jedhutti namootni basaastota ta’uu isaaniin to’annoo jala oolanis “mirgi namoomaa isaanii eegamuu qaba.”

Akkasumas dhaddacha haqaa qabaachuu irraa dhorkamuu hin qabani.

Hidhamtoota wal geeddaruun maalidha?

Hidhamtoota wal geeddaruun yeroo qaamoleen wal morman ykn faallaan hidhamtoota walii qaban yeroo wal geeddaranidha.

Kun yeroo waraanni jiru qofa miti, fakkeenyaaf yeroo bara waraana ololaatti, US fi Soviyeet Yuuniyeen waligaltee akkanaa hedduu taasisaniiru.

Yeroo waldhabdee Israa’eelii fi Paalestiinittis waligalteen hidhamtoota wal geddaraniiru.

Wal-jijjirraan akkanaa Konveenshinii Jenevaan kan qajeelfaman ta’anis, shaakkalliin akkanaa bara duriiyyuu kan jirudha.

Jarraa 18ffaa keessa waliigalteewwan akkanaa gaggeeffamuu isaanii galmeen agarsiisu jira.

Biyyoonni yeroo hundaa seera kana ni eeguu?

Lakki, erga Waraana Addunyaa Lammaffaa boodas akka Konveenshinii Geneevaatiin ibsamettis seerii kun babal’achuu kan eegale.

Yeroo waraana kanatti Jaappaan hidhamtoota waraanaa biyyoota biroo miidhuun beekamti.

Hidhamtoonni kumaatama hedduu lakka’aman beelaa fi dhibeen akka lubbuun isaanii darbe himama.

Dhiyeenya, dararaa ykn eegumsa badaa hidhamtoota waraanaa irratti himanni kan ka’eeru yeroo Waraanota Yugoslaaviyaa (1991-2001) giddutti ture irratti.

Loltuun Kirooshiyaa-Seerb bara 2009 irratti hidhamtoota waraanaa 200 ta’an dararuu fi ajjeesuun himatamee hidhaa wagga 20’n adabameera,

US fi Kaaba Veetnaamis yeroo waraana Veetnaam (1965-1975) hidhamtoota waraanaa irratti yakka raawwachuun himatamaniiru.

Taateen beekamaa ta’e tokko yeroo seneetii fi kadhimamaan pireezdaantii kan turan Joon Maakkeen, yeroo hidhaa turanitti darara irra ga’een hir’ina qaamaa jireenya guutuu waliin jiraatan irra ga’eera.

Waashingitanis waligaltee kana cabsuun himatamti. Kunis sababa haleellaa 9/11 booda akkaataa shakkamtoota shororkeessummaa wiirtuu Guwaantanaamoo Kuubaa jiru keessati qabdee jirtudha.