Hidhaa namoota miidiyaafi tarkaanfii 'olaantummaa seeraa N. Amaaraatti kabachiisuu' maal beekna?

Madda suuraa, Social Media
Namoonni miidiyaafi gaazexeessitoonni lakkoofsaan torba ta'an guyyoota muraasa darban hidhamuu BBC'n maatii akkasumas miidiyaalee biyya keessaa irraa odeeffate.
Hidhaan kun tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf mootummaan naannolee garagaraatti sochii eegaluu isaa erga beeksise booda dhagahame.
Naannoon Amaaraa yakki waan baay'ateef, ummanni nagaan bahee akka galuufi ummata tokkummaa jabeeffatee ''diina dhufuu danda'u ga'umsaan ofirraa akka qolachuuf'' tarkaanfii kana jalqabuu ibse.
Biiroon Bulchinsaafi Nageenyaa naannichaa ibsa gaafa Sambataa baasen ''hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu danquuf sochii taasifamanirratti tarkaanfiin seeraa,'' akka fudhatamu himeera.
Biiroon kuni 'namoonni fi abbootiin qabeenyaa miidiyaa hawaasummaa gubbaa diina keenya waliin tumsuun hiriira waamuun olaantummaa seeraa kabachiisutti danqaa ta'uutti jiru,' jechuun himeera.
Kanneen hidhamuun isaanii ibsame keessaa miidiyaalee garagaraarratti mootummaa Itoophiyaa qeequun kan beekamu Salamoon Shumiyyeefi Maskaram Abarraa ni jiru.
Maskaram gaafa Sambataa magaalaa Finfinneetti to'annoo jala ooluu abbaan warraa ishee BBC'f mirkanesseera.
Barsiistuu Yunivarsiitii Hawaasaa kan taate Maskaram to'annoo jala kan oolte buufata xiyyaaraatti ta'uufi bakka isheen jirtu akka hin beekne abbaan warraa ishee dubbate.
Kunis lakkoofsa namoota miidiyaafi gaazexeessitoota torban kana hidhaa bu'an torbaan gaha.
Miidiyaan Ashaaraa jedhamuufi buufati isaa Naannoo Amaaraa ta'e akkasumas sochii hidhattoota Amaaraa Faannoo jedhaman irratti xiyyeeffate gaazexeessitoonni shan duraa hidhamuu ibseera.
Gaazexeessitoonni kunneen Humna Addaa Amaaraa, Poolisii Amaaraafi uffata Kora Bittinneessaa uffataniin akka fudhataman waahilli isaaniifi ''mana fincaanii keessa dhokadheen ture'' jedhe Rooyitarsiif himeera.
Namni kun waajjira miidiyaa Ashaaraa Baahirdaar keessa jiru cufamuu dubbateera.
Dabalataan, waraana Kaaba biyyattii adeemaa ture mormuufi mariin akka furamu gaafataa kan ture Salamoon Shumiyyee hidhamuun isaa ibsameera.
BBC'n dhimma kanneen irratti Poolisii Federaalaas ta'e Poolisii Finfinnee irraa odeeffachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Miseensota ABIN
Gaazexeessitootaafi namoota miidiyaan ala hoogganoonni paartii mormituus hidhamuun gabaafameera.
Miseensonni dhaaba mormituu ABIN sagal torban kana keessa A.L.I Caamsaa 10, 2014 magaalota lama keessatti hidhamuu Rooyitars waldaa Amaaraa Ameerikaa jiru waabeffachuun gabaaseera.
Dhimma kana irratti dhaabni ABIN waan ifatti jedhe hin qabu.

Madda suuraa, Amhara National Regional State Head of Government
Taatullee, miseensonni ABIN miseensa paarlaamaa keessa jiran shan ibsa gaafa Jimaataa baasaniin ''mootummaan hojii ukkaamsuu raawwataa jira,'' jechuun himataniiru.
''Miseensonni ABIN fi hoogganoonni, miseensota Faannoo, hidhattoota seeraafi dargaggoota akkasumas qondaaltota biyya isaaniif oolmaa oolanirratti hojiin ukkaamsuu,'' raawwatamaa jira jedhaniiru.
Kanaafis mootummaa himatani. Dabaluunis, kuni akka dhaabbatuufi ''sababa eenyummaa isaaniin kanneen ukkaamfaman haalduree tokko malee akka gadhiifaman gaafanna,'' jedhaniiru.
Guyyoota muraasa dura Finfinneedhaa achi buuteen isaanii dhabamuu kan himame ajajaan duraanii Humna Addaa Amaaraa B/J Tafarraa Maammoo Jimaata Baahirdaaritti mana murtii dhihaataniiru.
Poolisiin sirna 'heeraa biyyattii humnaan diiguuf' yaalaniiru jedhee shakkuun qorataa akka jiru ibseera. Manni murtiis guyyaa dabalataa 10 qorannoof eeyyameera.
Dhihoo miseensotni Faannoo hidhamuu akkasumas kaan to'annoo jala galchuuf tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru miidiyaaleen gabaasaniiru.
Gareen hidhattoota Amaaraa kuni waraana Kaaba Itoophiyaarratti mootummaa bira dhaabbatanii lolaniiru. Garuu, badiiwwan garagaraanis himannaan irratti ka'a.
Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Dr Yiliqaal Kaffaalee ibsa kennaniin humnoonni nageenyaa naannichaa tarkaanfii seera kabachiisuu kan fudhatan Faannoo irratti miti jedhaniiru.
Tarkaanfiin fudhatamaa jiru warreen maqaa garee kanaatiin gochawwan seeraan alaa gara garaa raawwataniifi nageenya naannichaa warra booressan irrattidha jechuun dubbatan.
Miseensonni ABIN ibsa isaanii keessatti sababa olaantummaa seeraa kabachiisuun 'humni federaalaa mirga naannoof kenname cabsuuf yaalaa jira,' jechuun himataniiru.
Naannoon Amaaraa namoonni meeshaa waraanaa qaban akka galmeessan waamichi taasise dargaggoota meeshaa hiiksisuufidha jedhanii hubatan waliin walitti isa buuseera.
Taatee kanaan walqabatee gaafa Kamisaa Magaalaa Mooxaatti walitti bu'iinsa mudateen lubbuun namoota jaha darbuu akka hin oolle jiraataan BBC'n dubbise himu.
"Ka'umsi isaa Faannoo hidhannoo hiikkachiifna jechuun humnoota nageenyaan kan jalqabamedha. Sababa muddama sanaatiin Faannoonis hidhannoo hin hiikkannu jechuudhaan bakka qabatanii turan," jedhan.
Jiraattonnis Faannoon hidhannoo hiikkachuu hin qabu jechuun mormii dhageessisaniiru jechuun dubbatan.
Sababa hokkarri magaalattii keessatti uumameenis daandiin magaalattii keessa qaxxaamuru cufamuu kanaanis tajaajilli geejjibaa gufachuufi, interneetiinis addaan cituu, manneen barnootaa, baankonniifi dhaabbileen tajaajila kennan biroon cufachuu isaanii dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun Goojjam Lixaa magaalaa Maraawwiitti, akkasumas Kaaba Walloo naannawaa Waldiyaatti muddamni wal fakkkaatu akka ture jiraattonni BBC Afaan Amaaraa dubbise ibsaniiru.
Kaayyoon tarkaanfii olaantummaa seeraa N. Amaaraa maali?
Guyyoota muraasa darbe eegalee shakkamtoonni harka isaanii seeraaf akka kennaan akka taasifamaa jiruu Biiroon Bulchinsaafi Nageenyaa Naannoo Amaaraa ibseera.
Namoota eeyyamamoo hin taanerratti hojiin badii xiqqeessuu ummata waliin dalagamaa jiras jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhame kuni ummataaf nagaafi tasgabbii, biyyaafi naannichaaf wabii nageenyaa mirkaneessuuf kan bu'uura godhateera jechuun ibse.
Kana gidduutti garuu qaamoleen adda addaa ''diina ijoo'' kan jedhee mootummaan ibse waliin wal tumsuun naannichaafi biyya jigsuuf hojjetaa jiru jedhe danqaa ta'aniiru jechuun ibse.
''Yeroo ammaa diinota keenya waliin ta'uun naannoofi biyya keenya diiguuf namoonniifi abbootiin qabeenyaa miidiyaa hawaasummaa tokko tokko,'' hojjetan jiru jedhee himate.
Kunneenis, ''hiriira waamun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuutti sochii danqaa uumu taasisaa jiru,'' jechuun hiriirri gaafatamees ta'e eeyyamni kenname hin jiru jedheera.
Miidiyaan naannoo Amaaraa Pirezidantii Itti - aanaa naannichaa Dr Sammaa Xirunee waabeffachuun akka gabaasetti olaantummaa seeraa kabachiisuun kan barbaachie namni nagaan bahee akka galuufi jedhan.
''Naannichi yakkamtootarraa bilisa ta'eefi ummata tokkummaa jabeeffatee diina dhufuu danda'u ga'umsaan ofirraa qolachuufi,'' jechuun isaanii gabaafameera.
Naannichatti ukkaamsuun, saamichi, ajjeechaa, sababa amantiin walitti bu'iinsa uumuufi akkasumas yakki kaan baay'achuu isaatiin tarkaanfiin kuni fudhatamaa akka jiru ibsan.
Sochii kana keessas humnoonni nageenyaa naannichaa Faannoo dabalatee hirmaataa akka jiran qondaalli kuni eeran.
Naannoon Amaaraa namoonni meeshaa waraanaa qaban akka galmeessan ajaja dabarseen galmeen taasifamaa jira.
Taatullee guyyoota ka'ame keessa waan hin xumuramneef hanga Roobii Caamsaa 17, bara 2014'tti dheerachuu murteessuun isaa ibsameera.

















