Siyaasa ummata Amaaraa: Faannoon eenyu? Kaayyoon isaawoo? Eenyutu duuba jira?

Hidhattooti Faannoo BBC'n dubbise meeshaa waraanaa sinaayiparii (kan fagoodhaa rukutu) fa'i hidhatuu himan

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Nairobi

Hidhattooti maqaa 'Faannoon' waamamaniifi ummata Amaaraaf dhaabbachuu himan eega yeroo dhihooti ajjeechaafi badii Oromiyaa, Benishaangul Gumuziifi Naannoo Amaaraatti raawwatuuf himatamaa jiru.

Naannoon Amaaraa garee dargaggoota meeshaa waraanaa hidhataniifi 'ummanni Amaaraa hubameera' jedhanii ka'aniirratti ifatti komii yeroo dhiheessu hin dhagahamu.

Namoonni siyaasaa fi rogeeyyiin naannichaa akkasumas namoonni dhageettii qaban Faannoon 'gaachana ummata Amaaraa' ta'uu ibsu.

Faallaan jiraattonnii Naannoo Oromiyaa keessumaa badii waggaa baranaa kana bal'inaan mudataa jiruuf isaan himatu. Aangawoonni Oromiyaas garee 'finxaaleyyii' jedhanii waaman kana yakku.

Naannoo Oromiyaa keessatti hidhattoota WBO ['ABO-Shanee] fi Gumuzitti aansee hidhattooti Faannoo garee sadaffaa mootummaan alatti himannaan irratti dhihaatudha.

Gareen dhalattoota Amaaraarratti haleellaan raawwate jedhamaa ture booda maqaan isaa ka'e kuni kaayyoon isaa maali? Hundeeffamni isaanii maalirraa ka'e?

BBC'n gaggeessitoota garee kanaa, seenaa dudduubee jiru, komii irratti ka'uf deebii qaban akkasumas caasaa garee hidhate kanaa iyyaafachaa ture. Gabaasni kuni kana deebisa.

Presentational grey line

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangoo osoo hin dhufin dura maqaan Faannoo kan dhahamaa ture qabsoo mormii ummataarratti ture.

Mormii bara ADWUI Naannoo Oromiyaafi kaanitti ture hordofee Faannoon Naannoo Amaaraa keessumaa bakkeewwan naannawa Gondaritti caasaa dhokatee sosso'u akka ta'e himama.

Eegasii keessumaa booda kana haleellaa bakkeewwan biyyattii garagaraatti raawwatu hordofee garee 'caasaa al-idilee hidhattootaa' ta'e mul'ateera.

Lola Kaaba Itoophiyaan keessumaa yeroo humnoonni Tigraay gara Naannoo Amaaraa ce'an waraana mootummaa waliin kallattiin hirmaachuu ajajoonni Faannoo ni dubbatu.

Namoonni achi dhuftee Faannoo yoo dubbatan, namni rorroon bosona galche, hacuuccaa jibbee qawwee qabate 'Faannoo' jedhama jechuun ibsu.

Akka namoota kanaatti Faannoon humna jijjiiramaa hacuuccaan dhaledha. Waggoota dheeraaf ummata Amaaraa keessa kan ture ta'uu dubbatu.

Himannaa Faannoorratti jabaate

Garee hidhate kanarratti keessumaa Naannoo Oromiyaa keessatti himanni kan irratti dhagahamu jalqabe ALI ji'oota jalqabaa bara 2014 eegaleeti.

Jiraattonni aanolee Godina Wallagga Bahaafi Horro Guduruu Wallaggaa hidhattoonni Faannoo jedhanii waaman ajjeechaafi saamicha akkasumas manneeniifi midhaan isaanii gubuu himani.

Jiraataan Aanaa Jaardagaa Jaartee namoota badii irraan gahan keessa kan beekan akka jiran, kaan immoo dhalattoonni Amaaraa 'yaaddoo waan qabnuuf Abbayya gamaa Faannoo fidachuu' isaanii himu.

Suuraalee viidiyoo waraabamerraa kaafaman
Ibsa waa'ee suuraa, Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Limmuu Galiilaa manneen jireenyaa ganda Fiixee Baqqootti hidhattoota Faannoon gubatan jechuun jiraattonni himan

Sababni hidhattoonni Faannoo jedhaman kunneen haleellaa raawwataniifis hidhattoota 'ABO-Shaneef' dahoo kennitani, akkasumas ni deeggartu jechuuni. Jiraattonnimmoo kana ni waakkatu.

Haleellaawwan kanneen dura dhalattoonni Amaaraa godina lamaanuu jiraatan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoon yookaan 'ABO -Shanee' haleellaan saba qoode irratti raawwachuu himataa turan.

Ajjeechaa jumlaa irra deddeebiin Wallagga Lixaa dabalatee raawwateef jiraattonnii akkasumas aangawoonni Naannoo Oromiyaafi Amaaraa garee shororkeessummaan farrajame kana himatani.

Mootummaan lubbuu lammiilee nagaa tiksaa hin jiru jechuun hiriirri mormiis Naannoo Amaaraatti taasifamaa ture. Naannoon Amaaraas 'yeroo yerootti ibsa gaddaa baasuu nuffineerra,' jedhee ture.

Hidhattoonni WBO garuu badii kana hin raawwanne jechuun ni waakkatu.

Eegasii booda ture hidhattooti maqaa Amaaraan socho'an haleellaa raawwachuun kan himatamuu eegalani.

Haleellaa Faannoon himatameen namoonni ajeefamaniiru. Kumaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa yoo buqqa'an, manneen, qabeenyi hedduu barbadaa'eera.

Walumaagalammoo rakkoo nageenyaan gama Lixaafi Kibba Oromiyaa lammiileen kuma 600'tti siqan buqqa'uu qondaalli mootummaa baatii Guraandhala keessa BBC'tti himaniiru.

Booda kana Godina Shawaa Lixaa keessumaa Aanaa Daannoo fi Noonnootti haleellaa raawwateefi lubbuu lammiilee galaafateef jiraattonni akkasumas qondaaltonni hidhattoota Faannoo himatan.

Haleellaa irra deddeebiin raawwatu kanaan lubbuun lammiilee darbeera, manneenis gubataniiru.

Jiraattonni aanolee Wallaggaas ta'e Shawaa Lixaa badiin irra gahuu dubbatan 'isin Shaneedha' jedhanii haleellaan irratti raawwatuu himu.

Himannaa Faannoorratti dhihaatu kan gaafataman ajajaa Faannoo Goojjam ta'u kan himan Obbo Zammana Kaasee 'nuti kan beeknu hin jirani, jiru jennees hin amannu' jechuun deebisan.

Ummati Amaaraa bakkeewwan biyyattii garagaraa akka jiraatu eerun ummatichi wal obsee kan jiraatu malee, hidhatee, of ijaaree hawaasa waliin jiraatu kan lolu miti jechuun falmu.

Hoogganoota Faannoo Walloofi Shawaa keessaa tokko ta'u kan himan Obbo Abbaba Fantaaw dhalattoonni Amaaraa Wallagga, Matakkaliifi Naannoo Kibbaatii dhufanii isaan bira leenjii fudhatan akka jiran himu.

Obbo Zammanan garuu Naannoo Amaaraan ala dhufanii dhalattoonni Amaaraa isaan bira leenjii fudhatan akka hin jirre dubbatu.

BBC'n caasaa Faannoo aanota Wallagga Bahaafi Horro Guduruu akkasumas Shawaa Lixaa keessa sosso'u jedhaman argatee dubbisuu hin dandeenye.

Baatii tokko durammoo bakkee Shawaa Bahaafi Naannawa Amaaraa daangessutti haleellaa milishoota Oromiyaa 26 galaafateef aangawoonni Oromiyaa hidhattoota Faannoo himatani.

Qondaaltonni Naannoo Amaaraa garuu kana ni waakkatu.

Ebla keessa achuma Naannoo Amaaraa walitti bu'iinsa bakkee Aanaa Jillee Dhummuggaafi Efraataafi Gidim daangessutti lubbuu nama 20 ol galaafateef qondaaltonni Faannoofi Shanee himatan.

Jiraattonni Faannoo irratti himannaa dhiheessan Naannoo Benishaangul Gumuuz, Aanaa Dibaaxe keessaas dhagahamaniiru. Namoota butaman jedhaman keessaa lama ajjeefamuu, kaan miliquu himan.

Haa ta'u malee, aangawoonni Benishaangul Gumuuz akka Naannoo Oromiyaa ifatti komii dhiheessan hin qaban. ALI Fulbaana 2014 eegale humni addaa Naannoo Amaaraa Matakkalitti bobbaafameera.

Tuullaa midhaanii gubate

Madda suuraa, Komunikeeshinii Baakkoo Tibbee

Ibsa waa'ee suuraa, Xaafii haamamee hin dhahamin ALI Mudde bara 2014 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbeetti gubate qonnaan bultoonniifi dhalattoonni Amaaraa BBC'n dubbise 'Shaneetu' nu jalaa gube jechuun himatan

Naannoon Oromiyaa ajjeechaa Shawaa Bahaa booda garee Faannoo 'finxaaleyyii Amaaraa' jedhee waamurratti komii jabaa dhiheesse, Naannoo Amaaraas qeeqe.

Jalqaba baatii Ebla oppireeshinii waraanaa hidhattoota Oromiyaa keessa sosso'an irratti banuu yeroo ibses kanneen irratti xiyyeeffate keessaa tokko Faannoo ta'u ibse.

Paartileen Naannoo Amaaraa dhalattoonni Amaaraa Oromiyaa keessatti 'Shaneen' haleellaa irra gahuu ibsaa turan, waa'ee haleellaa Faannoorratti waan jedhan hin qabani.

Gareen mirga namoomaaf falman HRW fi Aminastiin Lixa Tigraay kan Naannoon Amaaraa kiyya jedhutti Faannoon sanyii dhabamsiisuu (ethnic cleansing) raawwate jechun himatani. Akka bahus gaafatani.

Gareen kuni ifatti himannaa kanaaf deebiin kenne jiraachuu baatus Mootummaan Naannoo Amaaraa himannaa kana balaaleffateera.

Dudduubee Faannoo

Sochiin Faannoo bakkeewwan Naannoo Amaaraa afuritti hundaa'ee jira. Kunneenis; Shawaa, Walloo, Gondariifi Goojjam keessadha. Taatullee, yeroon itti hundaa'eefi ergamni isaa gargari.

Obbo Zammana Kaasen walitti qabaa 'Humna Ummata Amaaraa Faannoo [Ye Amaaraa Hizbaawii Hayil Faannoo] ta'uu isaanii himu.

Baatiiwwan saddeet darbaniif Faannoo Goojjam jiru hundeessuufi ajajuun akka socho'an himu.

Yeroo hidhattoonni TPLF Naannoo Amaaraatti ce'un lola bananitti hiriiranii loluu himu. BBC'n maaliif maqaa 'humna ummata Amaaraa' jechuun of ijaartan jedhee gaafateera.

''Waraanni ummataa waan nutti banameef, waraana ummataa gaggeessuu qabna. Duulli ummataa nutti banameera, duula ummataan deebisuu qabna,'' jechuun deebisan.

Akka isaaniitti humni isaan ajajan Naannoo Amaaraa hundatti socho'a. Haa ta'u malee, caasaan cimaadha jedhan Goojjam keessa akka jiru dubbatu.

Hidhattoota Faannoo

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoonni Faannoo Lixa Tigraay kan Naannoon Amaaraa kiyya jedhu jiran sanyii dhabamsiisuun himatamaniiru

Caasaa biraa 'Faannoo Amaaraa Bahaa' jedhu immoo Faannoo Walloofi Shawaati walitti dhufee ijaare.

Garichaaf leenjiifi barnoota kennuu akkasumas dubbii himaa ta'un kan tajaajilan immoo Obbo Abbaba Fantaawidha.

ALI bara 2008 mormii ummataa ture hordofee Faannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa jala dhoksaan ijaaramanii socho'aa akka turan dubbatu.

Eegasii garuu ALI Hagayya bara 2011 finciltoonni Tigraay weerara raawwatuu isaanii hordofee Dasee irratti Faannoo Dasee hundeessuu isaanii ibsu.

ALI hanga bara 2011 meeshaa hidhatanii socho'aa akka hin turre ibsu Obbo Abbaban. Leenjiinis ALI bara 2014 lola TPLF waliin walqabatee eegalee malee dura akka hin turre himu.

Humnoonni Tigraay gara Naannoo Amaaraa seenuu isaanii hordofee ''adda waraanaa hedduu Kibbaafi Kaaba Walloo'' Raayyaa Ittisaafi Humna Addaa waliin loluu dubbatu.

Obbo Zammanan gama isaaniin ALI Hagayya bara 2013 eegalee Faannoo ijaaruu kan eegalan humnoonni TPLF gara Naannoo Amaaraa ce'uu isaanii hordofee ta'uu himu.

Taatullee ''bakkeewwan biraatti humnoonni ummata Amaaraa diinummaan farrajan of ijaaruu yoo eegalan'' ummata Amaaraa baraaruuf of ijaaruufi leenji'uun akka barbaachisu himu.

Kuni, galma gabaabaa ta'uu himu. Galma dheeraa waliin walqabatemmoo waggoota kurnan darbaniif ''siyaasni Itoophiyaa jibba Amaaraarratti xiyyeeffate'' jechuun himatu.

Kunis, hedduun isaanii qe'eerraa akka buqqa'an, akka baqataniifi du'an gochuu himu.

Barri ummanni Amaaraa akkuma lammiilee Itoophiyaa biroo hundi 'walqixxummaan jiraatan dhufutti' ummata dammaqsuun, ijaaruun akka barbaachisaa eerun walitti qabamuu himu.

Ajajoonni Faannoo bakkeewwan Naannoo Amaaraa garagaraa jiran akka wal quba qaban himu. Dabalataan, gaaddisa tokko jalatti walitti qabamuuf akka yaada qaban ibsu.

''Faannoo ajaja tokko jalatti ajajamu ni hundeessina jennee yaadna,'' jedhu Obbo Zammana Kaasen. Kuni yoom akka raawwatu garuu hin ibsine.

'Afaan qawwee haqatu duucha'

Humnoonni Tigraay Naannoo Amaaraa keessaa erga bahaniis ammallee miseensonni Faannoo haaraa galmaa'anii leenji'aa jiru. Kanaafis Obbo Zammanan yaaddoon waan jiruf akka ta'e ibsu.

Humnoonni TPLF ammallee bakkee Amaaraa kanneen akka Raayyaa gam-tokko, Waag hamma-tokko keessa akka jiran, akkasumas Walqaayit fi Humaraatti dahoo qotaa waraana ijaaraa jiru jechuun himu.

Obbo Abbaban gama isaaniin kan qophoofnu 'diinota Itoophiyaafiisi' jechuun ''hamma biyyi keenya nu barbaaddetti hamma humna keenyaa leenjina, hidhanna,'' jechuun ibsan.

Dabaluunis, humni addaas ta'e Raayyaan Ittisaa leenjii akka hin kennine dhorkee akka hin beekne ibsuun leenjii kennuun akka itti fufu himu.

Dursanii qophaa'un yaaddoo maqsuuf gargaara jechuun ''Faannoo galmeessuu, leenjisuufi hidhachiisuun,'' itti fufa kan jedhanimmoo Obbo Zammanadha.

Akka isaan dubbatanitti, qabsoon itti jiran kan ilaalchaati. Yoo kuni ta'e dhaaba siyaasaa maaliif hundeessitanii hin sochootani?

Ajajoonni kunneen rakkoon siyaasa Itoophiyaa ammaa 'haala amma jiruun siyaasa paartirra kan darbedha' jedhanii akka amanan himu.

Hidhattooti Faannoo finciltoonni Tigraay gara Amaaraa yeroo ce'an lolarratti hirmaachuu himan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattooti Faannoo finciltoonni Tigraay gara Amaaraa yeroo ce'an lolarratti hirmaachuu himan

'Dhaabi siyaasaa yeroo kanatti keessumaa gaaffiiwwan ummata Amaaraaf bu'aa quubsaa fida jennee hin amannu,' jechuun dubbatu.

Obbo Zammanaan isaan jalatti Faannoon meeqa akka leenji'e gaafatamanii ''kuma hedduu, boru immoo miliyoona hedduu taana'' jechuun himan.

Obbo Abbaban immoo ''Walloofi Shawaan guutuu leenji'eera jechuu dandeessa'' jechuun Walloo qofatti kuma kudhaniin kan lakkaa'aman leenji'uu himu.

Obbo Zammanan gaaffiiwwan kaasan humnoonni siyaasaa biroo qabsaa'anii yoo furame meeshaan barbaachisaa akka hin taane, hangasitti garuu qabsaa'uu akka itti fufan himu.

''Afaan meeshaa kan duuchu haqadha, akka lammiitti tokkummaafi walqixxummaan waldanda'anii jiraachuudha.

''Addunyaa tokko jilbeenfachiisee, kaan jilbeenfate jiraatu keessa afaan qawwee yeroo hunda banaadha, milaacciinis ni harkifama.''

Ajajoonni Faannoon ummata Amaaraaf nageenyi ni malaaf jedhan osoo kaayyoon isaanii galma gahe karoorri isaanii maal akka ta'e gaafatamanii, lamaanuu gara hojii keenyatti deebina jechuun himan.

Faannoo eenyutu tumsa?

Ajajoonni Faannoo bakka garagaraa jiraniifi BBC'n dubbise tumsa argatanirratti yaada adda addaa himu.

Obbo Abbaban walumaagala ajajafi hooggansa Raayyaa Ittisa Biyyaarraa akka fudhatan dubbatu.

Darbee darbee Humna Addaa Amaaraa irraa ajaja fudhachuun jirus dura aantummaan garuu raayyaan akka ajajaman himu.

Obbo Zammanan garuu eenyurraayyuu ajajas ta'e hooggansa akka hin fudhanne himu.

Hoggantoonni Faannoo Amaaraa Bahaa raayyaafi humni addaa naannichaa deeggarsa akka isaaniif godhe dubbatu.

Obbo Abbaban yeroo humnoonni TPLF Amaara seenan raayyaan qawwee 30, laawuncharii afur akka kenneef, akkasumas Naannoon Amaaraa dishqaa tokko akka isaan badhaase himu.

Yeroo ammaas bireeniifi sinaayipparii (kan fagoodhaa rukutu) dabalatee hidhachuu himu. Dabalataan, raayyaan deeggarsa galaallee akka taasisuf himu.

Obbo Zammanan garuu meeshaa hidhatan ibsuu hin feene. Qaami deeggarsa isaaniif taasisu ummata qofa ta'uu himu.

''Guutummaan guututti deeggarsi keenya ummata irraati,'' kan jedhan Obbo Zammanan, humna addaas ta'e raayyaa irraa deeggarsa meeshaas ta'e galaa argatanii akka hin beekne dubbatu.

Akka isaan himanitti, deeggarsi ummatarraa argatan meeshaafi maallaqaan ta'uu ibsan.

Obbo Zammanan mootummaan naannichaa yeroo adda addaatti Faannoon hidhannoo hin hiikkatu isa jedhan kaasun ''kana jechuun garuu ni leenjifna, hidhachiifna jechuu miti,'' jedhu.

Ijaarsi isaanii kan of danda'eefi adda ta'u isaa ibsuun alatti hin dubbanne.

Obbo Abbaban ijaarsa isaanii yoo ibsan birgedii B/Janaraal Asaamminaw Tsiggeen mogga'eefi dahoo jiru akka qaban himu. Kan booda jiru osoo ijaarame ''birgeedii hedduu' akka ta'u dubbatu.

Dabalanis, biyya keessaas ta'e alaatii deeggarsi ummatarraa argatan kan maallaqaafi meeshaa ta'u ibsan. Dhimma kanarratti Obbo Zammanan dubbachuu hin feene.

Presentational grey line

Yaaddoo, ejjennoo mootummaa

Hayyuuleen siyaasaa dhimma Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofan qaamoleen hidhatanii sosso'an Itoophiyaa keessa baay'achuu isaanii eeruun yaaddoo ibsu.

Biyya tokko keessa 'monopoly of legitimate violence' ykn tarkaanfi humnaa seera qabeessa fudhachuuf aangoon kan mootummaa qofa ta'u qaba jechuun himu.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gama isaaniin Raayyaan Ittisa Biyyaa humnoota hidhatanii sosso'an irraa meeshaa waraanaa akka hiiksisuu qabu dubbatanii turan.

Dhimma hidhattoota Faannoo irratti Mootummaan Naannoo Amaaraa deeggarsa malee mormii hin ibsine. Taatullee, ajaja jala akka seenan kana dura bira qabee dubbatee beeka.

Pirezidantiin naannichaa Dr Yiliqaal Kaffaala humnoonni TPLF yeroo Affaar keessa seenan dargaggoonni hedduu waamicha mootummaa hordofuun aarsaa kanfalu ibsan.

''Isaaniif kabaja guddaa qabna, beekkamtiifi badhaasa qopheessaa jirra,'' jechuun marii magaalaa Baahirdaar taasifamerratti dubbatan.

''Miseensonni Faannoo biyyaaf aarsaa kanfalan naannichaaf birqiidha,'' jechuun meeshaa akka hin hikkanne ibsan.

Humnoonni Tigraay naannichaa erga bahani booda kanneen Faannoodha ofin jedhan mul'achuu ibsan. Bakkeewwan adda addaatti maqaa Faannoon badii raawwate jedhan balaaleeffataniiru.

''Olaantummaa seeraa, nagaafi tasgabbiin naannichaa mirkanaa'uu,'' akka qabu himan. ''Biyya mootummaan jiru kam keessattuu, mootummaan ala ogummaan waraanaa hin jiru, hin jiraatu,'' jedhan.

Yoo jiraates balaa geessisu ibsuuf Somaaliyaa, Yamaniifi Liibiyaa eerun biyyi kanneen irree qaban jala buuti jechuun akeekkachiisan.

Leenjii Faannoon leenji'uuf naamusi waraanaa cimaa ta'e akka barbaachisu ibsuun, kanneen seeraan ala seera-alummaa dagaagsan maqaan Faannoo hin maluf jechuun qeeqan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa garuu 'finxaalessa osoo asii lollu, finxaalessa biraa guddisuun hin barbaachisu' jechuun Naannoo Amaaraa qeeqee ture.