Nageenya Oromiyaa: 'Uummanni Oromoo hundi 'Shaneedha' jedhanii dararaa jiru'- Bulchaa Kiiramuu

Godinaalee Wallaggaa Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee hedduu keessatti hidhattoonni gosa garaagaraa lubbuu namaa balleessuufi qabeenya gubuu, akkasumas lammiilee nagaa qe'eerraa buqqisuun hammaachuu jiraattonniifi qondaaltonni mootummaa ibsaa jiru.
Namoonni aanaalee Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaafi Limmuu Galiilaa keessaa buqqa'an rakkoo hamtuu keessa jiraachuu himu.
Aanaa Kiiramuu magaalaa Haaroo irraa maatiisaanii waliin baqachuun magaalaa Kiiramuu jiraachuu kan himan Obbo Abdiisaa Yaadataa, ''amma jiruun keenya du'aafi jireenya gidduudha,'' jechuun BBCtti himan.
''Erga Fulbaana 30, 2014 hidhattoonni Amaaraa waraana qe'ee keenyatti bananii qe'eerraa baqannee faffacaanee bakkee jirra. Guyyaa sana namoota 22 nu jalaa ajjeesanii kaan madeessan. Qabeenyi keenya baaburri midhaanii, horiin, midhaan achumatti nu jalaa barbadaa'e. Guyyaama tokkotti harka duwwaatti hafne.''
Maatii sagal qabaachuu kan himan Obbo Abdiisaan, qamadiin ji'a saditti kiiloon 25 kennamuufiin ala waan ittiin maatii jiraachisan akka hin qabne himu.
''Nuti qe'ee keenyatti deebi'uu barbaanna. Garuu mootummaan kanneen yakka raawwatan duuka bu'ee seeratti hin dhiyeessine. Naannoo keenyas hidhattoota kunneen irraa qulqulleessuu hin dandeenye. Yooma lafa duwwaa keenyatti deebina jennellee hidhattoonni kunneen ammas miidhaa nurraan ga'u,'' jechuun ammallee yaaddoo keessa jiraachuu himan.
Gandoota 16 Aanaa Kiiramuu keessa jiran keessaa magaalaa Kiiramuurraan kan hafe ganda hunda keessaayyuu uummanni buqqa'eera kan jedhan Obbo Abdiisaan, waliigala namoonni kuma 45 ol buqqa'uu himan.
Mootummaan namoota qe'eerraa buqqa'anii bakkeetti faffaca'anii jiraniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisu, akkasumas garee meeshaa hidhatanii uummata dararan sakatta'ee seeratti akka dhiyeessu ta'uu baannaan tarkaanfii akka fudhatu gaafatan.
Magaalaa Haroo Ganda 01 irraa buqqa'uun amma magaalaa Kiiramuutti baqatanii akka jiran kan himan Aadde Birhaanee Kabbadaa, erga Fulbaana 30, 2014 haleellaa hidhattootaa baqatanii qe'eerraa buqqa'anii jireenya ulfaataa keessa jiraachuu himan.
Guyyaa sana maatiinsaanii namni sagal akka dhumaniifi ijoolleesaanii torba qabatanii baqachuun hanga yoonaa mana namaa kadhatanii akka bulaa jiran himan.
''Kan jiraannu barandaa namaati. Ani qoraan gurgureen maatii saddeet jiraachisa. Gargaarsi mootummaan nuuf kennu ji'a saditti qamadii kiiloo 25. Jireenya namaa keessaa baanee jireenya horiin gadii jiraataa jirra.''
Mootummaanis gara qe'ee keessaniitti deebi'aa jechuu mlee fala biraa nuuf hin barbaanne. Nutimmoo yoo deebines waan itti deebinu hin qabnu. Hidhattoonnis ammallee jiru. Ammallee yaaddoo qabna,'' jedhan.
Qondaaltonni mootummaa naannichaa uummanni hidhattootaan dararamaa jiraachuu deddeebi'anii kaasu, haleellaa lammiilee nagaarra ga'aa jiruufis Finxaaleyyii Amaaraa, hidhattoota 'ABO Shanee' ittiin jedhuufi hidhattoota Beenishaangul Gumuz himatu.
"Oromoo hunda akka Shaneetti fudhachuun saba walitti buusu"
Rakkoo lammiileen himataniifi furmaatasaarratti Bulchaa Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Waaggaarii bira bilbillaan hin kaasan.
Bulchaan Aanaa Kiiramuu Obbo Balaay Dassaalee ammoo yaada OBN'f kennaniin gareen Faannoo kan isaan finxaaleyyii jedhanii waamaniifi 'Dirijjit' jedhamu haleellaa uummatarratti raawwachaa jiraachuu himan.
''Gareen kun ganda hunda keessatti caasaa qabu. Gandoota akka Haaroo, Somboo, Caffee Guddinaa fi Baagin jedhaman keessatti ijaaramaniiti kan haleellaa geessisan,'' jedhan.
Akka Obbo Balaay jedhanitti, hidhattoonni kunneen hawaasi Oromoo hundi, akkasumas gaggeessaan mootummaa sadarkaan jiru hunduu 'Shanee' akka ta'etti hawaasa qabsiisuun sabni Amaaraa saba Oromoo akka jibbuuf hojjetu.
''Hidhattoonni kunnen aanaa keenya qofa keessatti kan gurmaa'an miti. Lixa Goojjamirraas ni dhufu. Uummata Oromoo nagaa buqqisu, ajjeesu, qabeenyasaa saamu. Akkanni deebi'ee hin dandamanne godhu,'' jechuun gocha garee kanaa ibsu.
Haleellaa hidhattootaa kanaan uummanni aanichaa kuma 56 fi 78 qe'eerraa buqqa'ee iddoo adda addaatti faffaca'ee rakkachaa jiraachuu kan himan Obbo Balaay, yoo xiqqaate lubbuun lammiilee 115 darbuus himaniiru.
Hidhattoonni kunneen uummata nagaa haleeluu, qabeenya gubuufi saamuu itti fufaniiru kan jedhan anga'aan kun, mootummaan Finxaaleyyiin Amaaraa fi 'Shaneen' akka hin dararreef yaalii taasisaa jirra jedhan.
Akka Obbo Balaay jedhanitti, finxaaleyyiin kunneen saba Amaaraa da'oo godhatanii haleellaa waan raawwataniif uummata nagaa Oromoo fi Amaaraa mariisisuun gandoota muraasa keessatti milkaa'aniiru.
Garuu gandoota naannoo Amaaraan waldaangessan keessatti ammallee finxaaleyyiin Amaaraa daangaa ce'anii uummata dararuu ittuma fufaniiru jedhan.
Rakkoon kana guutummaatti mariin furuun waan dadhabameef hidhattootarratti tarkaanfiin fudhatamuu akka eegalames ibsan.
Namoonni haleellaa hidhattootaan gandoota aanichaa keessaa buqqaafaman waan meeshaa harkaa hin qabneef ofirraa qolachuu akka hin dandeenyellee himu.
Aanaa kana ganda Burqaa Sooromaa keessaa buqqaafamuu OBN'tti kan himan Obbo Darasuu Gammadaa, ''finxaaleyyiin Amaaraa loon 12 na jalaa fudhatan. Isaan nurratti dhukaasu, nutimmoo harka duwwaa jirra. Rakkoo akkasii keessa jirra,'' jedhan.
Jiraataa kan biraan ganduma kana keessatti horiin 17 hidhattootaan jalaa fudhatamuufi waliigala gandasaanii sana keessaa horiin 90 ta'u saamamuu himan.
Godinuma kana aanaa Giddaa Ayyaanaa keessattis ajjeechaa, saamichiifi buqqaatiin lammiilee nagaa mudachaa jiraachuu waajjirri kominikeeshinii aanichaa ibseera.
Hanga ammaatti humnoota finxaaleyyii Amaaraa jedhaman kanaan lubbuu lammiilee 152 darbuu fi manneen 251 gubachuu waajjirichi eereera.
Hoogganaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Olumaa Dassaalee hidhattoonni kunneen uummata buqqisuun qe'eesaa dhaaluuf fedhii qabaachuu himanii, uummannis qaamleen nageenyaas kana eeyyamuu hin qabu jedhan.
''Finxaaleyyiin saditu jiru. Finxaaleyyii Amaaraa, ABO Shanee fi Sosochii Dimokiraatawaa saba Gumuz jechuun kan of moggaase. Kun hunduu uummata keenya buqqisuu fi ajjeesuutti jiru. Finxaaleyyii kunneen saba isaan bakka buuna jedhanirraa adda baasuuf hojjetaa jirra,'' jedhan.


















