'Haleellaan Wallaggatti raawwatamu walitti bu'iinsa sabaatti geeddaramu mala' - KMNI

Haleellaan Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horro Guduruutti raawwatamu gara walitti bu'iinsa sabaatti guddachuu akka malu Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akeekkachiise.
A.L.I Fulbaana 30, bara 2014 Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu magaalaa Harootti haleellaa raawwatameen lammiileen nagaa hedduun yoo ajjeefaman, kumaan kan lakkaahaman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
Mootummaan haleellaa magaalaa Harootiin lakkoofsi namoota ajjeefamanii 15 ta'uu yoo ibsu, jiraattonni fi rogeeyyiin lakkoofsi kun 50 ol akka ta'e himu.
Jiraattonni BBC'n dubbise haleellaa kana kan raawwate hidhattoota naannoo Amaaraa irraa daangaa ce'uun dhufan yoo ta'u, kan ajjeefaman dhalattoota saba Oromoo ta'uu himu.
Miidiyaalee fi rogeeyyiin naannoo Amaaraa gama isaaniin haleellaa kana kan raawwaate hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo ta'uu fi kan ajjeefamanis dhalattoota saba Amaaraati jedhu.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ammoo halleellicha 'ergamtoota TPLF saba Amaaraa fi Oromoo walitti buusuuf' raawwatan jedheera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa maal jedhe?
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa Wiixata waaree booda baaseen haleellaa Fulbaana 30, bara 2014 magaalaa Haroo ganda Addis Alam jedhamtutti raawwateen namootni nagaa hedduun ajjeefamaniiru jedhe.
Haleellaa hidhattoonni 'ABO-Shanee' jedhaman lammilee nagaa irratti raawwataniin namoonni nagaa ajjeefamuu kan ibse komiishinichi, ajjeechaa kana hordofuun jiraattonni karaa al-idilee gurmaa'anii meeshaa waraanaa hidhatan, kan achuma jiraatanii fi naannoo ollaa irraa dhufan haleellaa raawwataniin lammileen nagaa hedduun dabaataan ajjeefamuu himeera.
Sana dura Hagayya 12 bara 2013 A.L.I Godina Horro Guduruu aanaa Amuruutti jiraattonni 'haleellaa ofirraa qolachuuf meeshaa waraanaa hidhachiifaman ykn akka hidhatan isaaniif hayyamamuu' himan haleellaa raawwataniin namoonni nagaa hedduun ajjeefamaniiru jedha komiishinichi.
Haleellaawwan kunneen saba irratti xiyyeeffachuun yeroo kaan dhalattoota saba Amaaraa, yeroo kaan ammoo dhalattoota saba Oromoo irratti kan raawwataman waan ta'aniif, saboota lamaan jidduutti muddama uumee, jiraattonni yaaddoo saboota lamaan jidduutti walitti bu'iinsi uumamuu mala jedhu keessa jiru jedhe.
Walitti bu'iinsawwan aanaalee godina Wallagga Bahaa gara garaa fi aanaa Amuruu godina Horro Guduruu keessatti yeroo adda addaa uumameen walumaa galatti namoonni kuma 43 ol qe'eerraa buqqa'uus beeksiseera.
Dabalataan, sababa haleellaawwan kanaatiin daandiiwwan waan cufamaniif jiraattonni tajaajilawwan hawaasummaa akka fayyaa argachuuf rakkachaa jiraachuus ibsichi himeera.
Haleellaawwan kunneen kan raawwataman humnooti mootummaa bakkeewwan kana gadi dhiisanii bahuu hordofeeti kan jedhe komiishinichi, humnooti mootummaa dhaabbiin bakkeewwan kanatti ramadamee eegumsa akka godhu gaafateera.
"Rakkinichi bifa geeddaratee walitti bu'iinsa sabaa akka hin taanee fi guutummaatti nagaa fi tasgabbiin hanga deebi'uutti, humni nageenyaa gahaan ramadamee nageenya jiraattotaa tiksu qaba" jedhan komiishinarri komiishinichaa Daani'eel Baqqalaa (PhD).
Kanaafis humni nageenyaa naannoo fi federaalaa qindoominaan hojjechuu akka qabu dubbatan.
Namootni sababa haleellaawwan kanaatiin buqqa'anis gara qe'ee isaaniitti akka deebifaman mootummaan haala mijeessuu qaba jedhan.
Haleellaawwan irra deddeebiin godinoota Wallaggaa keessatti raawwatamaniin lubbuun namoota nagaa hedduu darbaa jira.
Haleellaawwan kanaaf mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gaafatamoo taasisa. WBO gama isaan haleellaa kana keessaa harka akka hin qabneefi qorannoon walabaa akka godhamu irra deddeebiin gaafataa ture.
















