'Namoota bakka tokkotti qubatan malee kanneen bakka bakkatti faffaca'an hin gargaarru'- Komishinara Sodaa Balaa

Maatii Harargee, Aanaa Sibuu Siree, Araddaa Baqqoo irraa buqqa'anii Adaamaa jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Maatii Harargee, Aanaa Sibuu Siree, Araddaa Baqqoo irraa buqqa'anii Adaamaa jiran

Godina Wallaggaa Bahaa gandoota baadiyyaa Aanaalee Giddaa Ayyaanaa fi Galiilaa Limmuu akkasumas Sibuu Siree keessa jiran keessaa hidhattootaan qe'eesaaniirraa buqqaafamuu jiraattonni BBCtti himan.

Jiraattonni bara 1995 wayita hongeen Harargee mudate Aanaa Sibuu Siree Araddaa Baqqoo Jimaa jedhamu qubsiifamanii hanga yoonaa achi jiraachaa turan, yeroo ammaa haleellaa hidhattootaa dheessanii qe'eesaaniirraa akka buqqa'an himu.

Maatiisanii waliin baqatanii magaalaa Adaamaa jiraachuu kan himan Obbo Abdallaa Yuuyyaa, rakkoon kun erga eegalee waggaa caaleera jedhan.

''Oomisha qonne hin gashanne. Boqqolloo, mishingaa, Lawuzii, Jimaa nurraa guban. Erga baqannee kaan gaaratti, kan humna qabu ammoo gara magaalaatti galee turreerra.

"Bakka keenyatti ni deebina jennee abdiin eegaa turre. Garuu haalli waan hammaateef dhiisnee achii baane,'' jechuun akkaataa itti baqatan ibsan.

Bara 1995 sababa hongeen Harargee mudateen Aanaa Sibuu Siree Araddaa Baqqoo Jimaa qubsiifamuu kan himan Obbo Abdallaan, ''qabeenyaa fi qe'ee akkasumas maatiin waggoota 27 oliif horatan nu jalaa diigamee bakka bakkatti facaanee jirra,'' jedhan.

"Namuu gargar faffaca'e''

Obbo Abdallaan abbootiin warraa kuma 14 caalan sababa rakkoo kanaan buqqa'uu quba qabaachuu himu.

Namni isaan waliin buqqa'anii amma magaalaa Hadaree jiraachuu himan Obbo Ibraahim Abdullaahii ammoo lakkoofsi namoota buqqa'anii kanaa ol ta'a jedhan.

''Araddaa Baqqoo Jimaa jedhamtutti namni hafe hin jiru. Qabeenyis qe'eenis hin jiru. Uummanni Harar achi qubatee tures, dhalattoonni achiis qe'ee gadhiisanii baqataniiru. Namuu gargar faffaca'e,'' jedhan Obbo Ibraahim.

Namoonni kunneen aanaasaanii qofa osoo hin taane, aanaa Gudayyaa Biilaa irraas namni baay'een qe'ee gadhiisee baqachuu akka quba qaban himan.

Buqqaatonni kunneen kaan gara Machaaraa, kaan gara Wallagga Lixaa fi kaan ammoo gara magaalota Adaamaa fi Finfinnee darbees gara Harar imalanii jiraachuu himan namoonni kunneen.

Qaamni walitti qabee isaan qubsiise akka hin jirree fi qe'eema namoota dhuunfaatti da'atanii jiraachuu kan himan buqqaatonni kunneen, ''mootummaan nuuf birmachuu qaba,'' jedhan.

Kanneen buqqa'an keessa dubartoonni fi daa'imman jiru

Jiraataa Aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Hangar Guutee kan ta'an, namni sodaa nageenyaaf maqaan isaanii akka ibsamu hin barbaanne, gandoota aanaasaanii jala jiran kanneen akka Fixi Baqqoo, Mandar siddistii, mandar ammistii, Bareedduu, Waajjaa fi Alii keessaa namoonni baqatanii dhumaniiru jedhan.

''Maatiin keenya buqqa'anii na bira jiran kan obboleessi koo irraa du'e, kan obboleettiin koo irraa duute, kan soddaan koo irraa du'e-hundayyuu walitti qabee naannoo namoota soddomaa oliin jiraachisaa jira. Maatiin hunduu faffaca'ee jira,'' jedhan.

''Aanaa Galiilaa Limmuu, Giddaa Ayyaanaa, Abee Dongoroo fi kanneen waldaangessan keessatti mannii fi midhaan gubatee dhumeera. Namni hedduun buqqa'eera,'' jedhan.

Jiraataan kun oomisha barana qotatan tokkollee akka hin galfatin jiran himan.

''Midhaan an qotadhe achumatti gubate. Isa hafe ammoo hidhattoonni ofumaa fe'atu. Humni nageenyaa isan dhaabus hin jiru.''

Aanaa Giddaa Ayyaanaa, ganda Fixi Baqqoo irraa hidhattootaan buqqaafamuu kan himan, jiraataan kan biraan qaama mootummaatti iyyatanis akka hin birmanneef himan.

''Rakkoon kun mudatuu wayita jalqaburraa mootummaatti iyyataa jirra. Bulchaa aanaa fi godinaatti irra deddeebiin iyyanneerra. Yeroof nuti hin dandeenyu nuun jedhan. Qabeenyi keenya hundi gubateera. Namnis nurraa dhumeera. Reenfa namaallee kaafachuu hin dandeenye.''

Erga ALI Sadaasa 19, bara 2014 qe'eesaaniirraa baqatanii amma yoonaa ala jiraachuu kan himan jiraataan kun, gargaarsa homaatuu akka argataa hin jirree fi qe'eesaaniitti deebi'uuf akka hawwii qaban himan.

''Erga qe'ee keenyarraa baqannee qaamni mootummaa nu gargaare hin jiru. Yeroo tokko Yuuniversitii Wallaggaarraa dhufe jedhanii waan akka Zayitaa fi uffata qorraa wayii nuuf kennanii turan. Nuti gargaarsa namaa hin feenu. Qe'ee keenyatti deebi'uu barbaanna,'' jedhan.

''Mootummaan nageenya keenya nuuf eegee akka qe'ee keenya jiraannu feena. Yoo raayyaan ittisa biyyaa argamuu dadhabe humni addaa naannoo Oromiyaa nageenya keenya nuuf eeguu qaba.

"Nuti namoota gargaarsa kenninu malee warra gargaarsa eeggatu hin turre. Qondaaltonni nuti gaafanne humna dabalataa nu barbaachisa deebii jedhu qofa nuuf kennanii callisan.''

Jiraataan ganda Fixi Baqqoo kan biraan abbeerri/obboleessi abbaa hidhattootaan jalaa ajjeefamuu himu, qe'eensaanii waan barbadaa'eef baqatanii magaalaa Hangar Guutee mana namaa dhokatanii jiraachuu dubbate.

Waa'ee ajjeechaa buqqaatii kanaa mootummaan maal jedha?

Komishinarri Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir mootummaan kanneen dawoo buqqaatotaa jiran malee kanneen bakkaa bakkatti faca'anii mana namootaatti gugatanii jiraniif gargaarsa hin godhu jedhan.

Naannoo Oromiyaa godinaalee sagal keessatti namoonni kuma 591 fi 590 ta'an sababa rakkoo nageenyaan buqqa'uu himan.

Kanneen keessaa, namoota bakka rakkoon nageenyaa jiru keessa jiranirraa kan hafe, namoota kuma 468 fi 141 ta'aniif deeggarsi godhamaa jira jedhan Obbo Musxafaan.

Kunneen godinaalee Wallaggaa arfan fi Gujii lamaan ilaallatas jedhan.

''Warra sababa rakkoo nageenyaa buqqa'an kunneeniif midhaan kuntaala kuma 148 fi 258 hanga torbee darbeetti kennameefii jira. Kanneen mana nama dhuunfaa jiran gargaaruun hin danda'amu. Kan gargaarru warra dunkaana godhatanii keessa qubatanii fi manneen barnootaa keessa qubatanii jirani. Namoota sababa rakkoo nageenyaa qe'eerraa buqqa'an kanneen hongeedhaan miidhamanirraa gargar baasnee hin ilaallu,'' jedhan.

Hararoota Aanaa Sibuu Siree irraa buqqa'anii magaalota akka Adaamaa, Ciroo, Harar fi gara Wallaggaa Lixaatti baqatan jiraachuu quba akka hin qabnee fi kanneen haala kanaan buqqa'an gargaaruuf qophii akka hin taanes himan Obbo Musxafaan.

Guutuu Oromiyaatti namoonni miiliyoona 4 fi kuma 163 fi 809 gargaarsa midhaan nyaataa fi kaan barbaadu jedhan qondaalli kun.

Bulchaa Bulchiinsa Godina Wallaggaa Bahaa kan turan Obbo Alamaayyoo Tasfaayee haleellaa uummatarratti raawwatuuf humnoota finxaaleyyii Amaaraa, ABO-Shanee fi hidhattoota Beenishaangul Gumuz-Beenin jedhaman himatan.

Haleellaa ifatti kan raawwate 'Finciltoota Amaaraati'' jechuunis balaaleffataniiru hoogganaan kun.

Humnoota kunneenirratti haleellaa gaggeessaa jiraachuusaas hima bulchiinsi godinichaa.

Jiraattonnis haleellaa hamaa kan raawwachaa jiran hidhattoota Amaaraa ta'uu fi hedduunsaanii kan dhiyeenya bakka biraarraa dhufan ta'uu himatu.

Godina Wallaggaa Bahaa aanaalee uummanni irraa buqqa'ee fi ajjeechaan raawwataa jiru keessa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhan-kan mootummaan 'Shanee' jedhuun baay'inaan akka socho'an garuu himaniiru jiraattonni.

Mootummaan shanee waliin jirtu jedhee akka isaan qoollifatee fi hidhattoonni-mootummaan finxaaleyyii Amaaraa ittiin jedhus maqaama kanaan haleellaa irratti gaggeessaa jiraachuus himan.

Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Obbo Shaafii Huseen hidhattoonni Amaaraa haleellaa tibbanaa keessa qooda qaban warra achuma jiraatan ta'uu himu.

Ta'us, ''yeroo humni mootummaa socho'u bakkaa bakkatti socho'u,'' jechuun qaamoleen kuni bakkaa bakkatti akka soso'an akeekan.

Qaamoleen hidhataniifi maqaa sabaa dhahan haleellaa gamaafi gamanaan raawwataniin ummanni waggootaaf waliin jiraatu akka wal shakku, akka walirratti garagalu taasiseera.

Obbo Shaafi Huseen wanti mudataa jiru fedhii siyaasaarraa kan maddedha jechuun ibsan.

Hidhattoonni lamaan rakkoo godinoota Wallaggaaf himataman ergamni isaanii gargar ta'us galmarratti walgahaan qabu jedhu qondaalli olaanaa nageenyaa kuni.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajjirri gargaarsa namoomaa qindeessu OCHA, Godinaalee Wallaggaa Bahaa fi Lixaatti buqqaatonni 250,000 caalan kanneen gargaarsa barbaadan ta'anis garuu gargaarsi ga'aan godhamaafii hin jiru jedhe.

Abbootiin warraa qe'eesaaniirraa buqqa'an 37,000 caalan da'oo fi meeshaalee gargaarsaa barbaadu, garuu erga Amajjii bara darbeetii gargaaramaa hin jiran jedhe dhaabbati kun.

Naannawa kanatti akka fedhan socho'anii gargaarsa kennuun rakkisaa waan ta'eef daa'imman, harmootiin hoosisan, akkasumas haadholiin ulfaa rakkoo hanqina nyaata madaalawaaf saaxilamanii jiraachuus ibseera.

Meeshaalee wal'aansa fayyaa fi kaan garas geejjibsiisuun sochii hidhattootaan gufachuu fi lammiileen naannawa kanaa hanqina bishaan dhugaatiifis saaxilamuu ibseera OCHAn.

Haala rakkisaa kana keessatti barattoonni kumaatamatti lakkaa'aman maneen barnootaa cufamuurraan kana ka'e miidhamuus ibseera.