Ajjeechaa qondaaltota mootummaa naannoo Amaaraa: Siyaasa Amaaraa akkamiin jijjiire?

Asaminew Tsigge
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Nairobi

Ajjeechaan qondaaltota Naannoo Amaaraa irratti erga raawwate torban kana waggaa tokko guuteera.

Ajjeechaa mootummaan 'fonqolcha mootummaati' jedhe kanaan Pirezidantiin Naannoo Amaaraa, akkasumas Itaamaazhor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee qondaaltonni jaha lubbuu dhabaniiru.

Qondaaltonni naannichaa nama waraanaa dhiifamaan gadhiifamen ajjeefamuu ibsaniin 'wareegamtoota' jedhu, tibbana yaadatanii oolaniirus.

Xinxaltoonni dhimma naannichaa hordofan ajjeechaan raawwate kallattii siyaasaa ummata Itoophiyaa keessatti baay'inaan lammaffaa ta'e, ummata Amaaraa, akka jijjiire amanu.

Haa ta'u malee, ajjeechaan seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessa hin baratamne kun siyaasa Amaaraa akkamiin jijjiire? Maaltus jijjiirame?

Qondaaltonni siyaasaa ajeechaan namoota paartii tokko keessa hojjetan gidduu raawwate ummata naannichaa keessa qoodinsa fiduu akkasumas 'gandummaa babal'isuu' isaa himu.

Gorsaa nageenyaa MM Abiy Ahimad kan turaniifi ajjeechaa booda naannicha bulchuu kan eegalan Obbo Tamasgeen Xurunah wanti raawwate ''godaannisa gurraacha'' itti ta'uu dubbatu.

''Naannichis paartiin keenyas waan guddaa dhabeera,'' jechuun miidiyaa naannichaaf dubbatan.

Namoonni siyaasaa naannicha bulchaa jiran kaanis, ajjeechaa booda wanti siyaasa naannichaa keessa uumame 'nu balleessuuf jedha' jechuun himu.

Maaltu jijjiirame?

Ajjeechaa dura naannicha keessatti ilaalchi farra - federaalaa akkasumas waraana leellisuu haalaan kan finiine ture.

Kana keessatti gaheen rogeeyyii miidiyaa hawaasummaa gubbaa hoggantoota mootummaa tokko lamatti qoodun walirratti ololaafi wal balaaleffataa turan salphaa hin turre.

Waggaa tokko booda yeroo ammaa kana kuni jijjiiramu himu Itti-gaafatamaan waajjiraa dhaaba Sochi Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) duraanii Obbo Ballaxaa Kaasaa.

''Sabboonummaa fi waan miidiyaa hawaasummaarra ture akka tasgabbaa'u godheera,'' jechuun BBC'tti himan.

Gama kaaniin immoo, ajjeechaan saboota kaan naannicha keessa jirataaniifi naannolee ollaa keessa jiran irratti gaggeeffamaa ture akka tasgabbaa'u gochuu isaa kan himan jiru.

Keessumaa, duuni B/J Asaamminaw Tsigee dubbii waraanaa Naannoo Tigraay waliin hammaateefi mudachuu malu hambisuu isaa xinxaltoonni nageenyaa amananis jiru.

Kunneen, walitti dhufeenya naannichi naannolee kaan akkasumas keessoo naannichaa keessa ta'u malan irratti jijjiirama fide ta'u kanneen himan jiru.

Kanneen siyaasa naannichaa dhiheenyaan hordofan wanti waggaa dura mul'ataa ture 'gara hamaatti akka qajeelu' dursanii kan hubatan turani.

Namni siyaasaa gameessi paartii Warraaqsa Dimookiraatawaa Saba Amaaraa (kan amma Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa jedhamu) Obbo Chuchuu Allabbaachaw kanneen keessaa tokkodha.

Ajjechaan raawwate ''siyaasa Amaaraa irratti rakkoo jabaa dhiisee darbe yaada jedhun qaba,'' jedhu.

''Siyaasa tokkumaa (kan ummataa) qoru keessa kan turame. Ammas rakkoon kuni guutummaa guututti furameera jechuun hin danda'amu.

''Siyaasichi dhukkuba gandummaa jedhamu baatee deemaa jira,'' jechuun himu.

Ajjechaa booda bakka B/J Asaamminaw Tsiggee bakka bu'anii kan hojjetaa turaniifi yeroo ammaa Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa Obbo Aganyahuu Tashaagaris 'qoodinsi' uumamuu dubbatu.

''Waxabajjii 15 booda rakkoon gandummaa uumame yoo nu balleessuuf ta'e malee nu hin fayyisu. Nu balleessa. Naannoo keenya xiqqoo godha.''

Itaamaazhoriin Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Sa'aara Mokonninis gaafa Baahirdaaritti ajjeechaan raawwate Finfinneetti ajjeefamuun isaanii ni yaadatama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itaamaazhoriin Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Sa'aara Mokonninis gaafa Baahirdaaritti ajjeechaan raawwate Finfinneetti ajjeefamuun isaanii ni yaadatama

Keessumaa ajjeechaa booda, Obbo Aganyahuun 'Sabboonummaan Amaaraa deemee deemee gooxirratti hirkate,' jechuun miidiyaa naannichaarratti dubbataniin qeeqani.

Ajjechaa kana qindeessuun B/J Asaamminaw Tsiggee dura - antummaan shakkamanis ammallee dhimmi ajjechaa sanaa wanti ifa hin taane jira.

Hanga yoonaa, haqa namoota du'anii ilaalchisee murteen dabarfmee hinjiru.

Gaaga'ama fide

Hoggantoonni naannichaa hoggantoota ajjeefamaniifi 'wareegamtoota' jedhanii waamaniif fuuladuratti, bakka qondaaltonni ajjeefaman 'hawwata turistii' gochuuf yaadaniiru.

Siyaasa Itoophiyaa kan xinxalu Nizaar Maanek siyaasni Amaaraa ammallee waan tasgabbii argate miti yaada jedhu qaba. Gama daangaa Sudaan, Naannoo Tigraayiifi Benishaangul Gumuuz rakkoon hin furamne akka jiru amana.

Ajjeechaan raawwate waan ijoo lama mul'ise qaba. Tokko, rakkoon suni hooggansa dhaaba naannichaa gidduu qoodinsi akka jiru qofa osoo hin taane rakkoo hamaan jiraachuu mul'ise.

Gama kaaniin immoo, ajjeechaan sun walta'uumsa Oromoofi Amaaraa [Oro-Maaraa] jedhamuufi dhaaba TPLF laaffisuuf yeroo mormi ummataa paartileen naannoolee gurguddoo biyyatti bulchan itti fayyadaman akka laaffatu taasiseera kan jedhan jiru.

Kanarra kan darbe, namoonni siyaasaa naannicha bulchanis ta'e mormituu akkasumas xinxaltoonni wanti ta'e ummata akkasumas siyaasa naannichaa lamatti qooduu isaa irratti waliigalu.

''Kanneen afran du'an dhaabbatichaaf murteessaa turani. Siyaasa Amaaraa irratti hogggantoonni kunneen dhabamuun hanqina hooggansaa fideera. Xiinsammuu ummataa miidheera,'' jedhu Obbo Chuchuun.

Obbo Chuchuun rakkoo mudaterraa siyaasichi ammallee akka qalbiitti hin deebine yaadu. Bakka duriitti deebi'uf 'hammana [waggaa tokko] fudhata jedhamee hin yaadamne,' jedhan.

Dubbii Himaan ABIN Obbo Xaahir Mohaammadis gaaga'ama guddaa fiduu dubbatu. Rakkoo wal amantee uumuu, tokkummaa ummataaf gufuu ta'uufi gaaffii ummatichaa 'dubbatti hambisuu' himu.

Jijjiirama dhufen wantoonni eegalaman gufatanii 'siyaasa zeeroorraa akka eegallu taane,' jechuun BBC'tti dubbatan.

Ajjeechaa raawwatee booda bulchiinsi MM Abiy Ahimad siyaasa naannichaa keessa miila jabeeffachuu isaa kan amanan ni jiru. Nizaar Maanek garuu yaada kanaan faallaa ta'e qaba.

''Sabboonummaan Amaaraa MM duraanii Mallas Zenaawwiifis rakkoo ture, Abiyyiifis akkanuma rakkoodha.

''Humnoota Naannoo Amaaraa keessa sabboonummaa leellisan faallaatti socho'un Paartii Badhaadhinaatin miseensotas ta'e deeggartoota dhabsiisuu mala,'' jechuun Nizaar Maanek ibsa.

''Miseensi waraanaa gameessi ajjeechaa booda to'atamanii himata malee gadhiifaman akka natti haasa'anitti Amaaraan ammallee akkuma wal qoodetti jira,'' jechuun BBC'tti hime.

line

Kan 'ajjesees', kan du'es gootaa?

Ajjeechaan erga raawwate waggaa tokko boodas kanneen du'anis ta'e ajjeesan maqaa tokkoon - goota, jedhanii kan waaman jiru.

Kuni kan ta'e B/J Asaamminaw Tsiggee ajjeechaa kana qindeessuufi raawwachuu isaanii qorattoonni yakkaas ta'e kanneen isaan waliin dalagaa turan osoo himaa jiraniiti.

Tokko ajjeesaa kaan immoo kan ajjeechaan irratti raawwate jedhanii ibsuun tokkummaa Amaaraa miidha jechuun ibsu kanneen sabboonummaa Amaaraa akka leellisan himan.

Ta'us, akkamiin namni ajjeechaan shakkamuufi kan ajjeechaan irratti raawwate ija tokkoon ilaalamu?

''Maaliif akka ta'e beektaa? Naannoo kana [Amaaraa] keessa siyaasa xiiqii keessa seenameera.

''Dhugaa osoo beektuu siyaasa xiiqi keessa sentee kan kooti kan jettu goota, kan koo miti kan jetteen immoo hadheessuun rakkoo keessa nu galchaa jira,'' jedhu Obbo Chuchuun.

Akka isaan jedhanitti 'waligalteerra waan hin gahamneef' rakkoon kuni ammas itti fufe.

''Kanneen du'an hundi obbolaa keenya. Dogongorri raawwateera. Gareen lamaanuu badiin kan waliiniti jedhutti dhufuu qabu. Ergasii booda haqni raawwachuu qaba,'' jedhan.

Kanaan achi rakkinichi 'carraan itti fufuu isaa bal'aa natti fakkaata' jechuun himu.

Haa ta'u malee, kanneen siyaasa ummatichaa xiinxalan ilaalchi kuni rogeessota, miidiyaafi namoota baratan bira malee ummata keessa seenera jedhanii hin amanan.

Ajjeechaa raawwatef gaheen miidiyaa hawaasummaafi miidiyaalee ifa galaadha. Sababa kanaaf, ilaalchi walqooduu kunis boru ykn iftaan ummata keessa hin seenu jedhanii yaaduun ni rakkisa.

Dr Ambaachaw Mokonnin

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Naannoo Amaaraa ajjeefaman, Dr Ambaachaw Mokonniin

'Gandummaa yaaddoo uume'

Siyaasa ummata Amaaraa kanneen hordofan bakkeewwan namoonni ajjeefaman irraa dhufan eeruun bakki kaan akka miidhametti, kaan immoo akka miidhetti haasa'an jiru.

'Akka tasaa ta'e kanneen du'an bakki dhaloota isaanii tokko' kan jedhan namni siyaasa ummatichaa hordofan tokko, ajjechaa booda ilaalchi wal qooduu akka hammaate himu.

Dhimma Itoophiyaa kan xiinxalu Niizaar Maanekis kana ibsa.

Ajjechaa bara darbe booda bulchiinsa naannichaa keessatti waldura dhaabbannaaniifi waldhibdeen hoggantoota 'Gondariifi Gojjamiiti dhufanii' deebi'e mul'achuu mala jedha.

Sababa kanaan qoodinsi uumamuu Itti - gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Amaaraa, obbo Aganyahuu Tashaagar miidiyaa biyya keessaaf dubbataniiru.

'Duuni Ambaachawin nama ganda wayii gaafa goonedha,' kan jedhan Obbo Tashaagar ''Namoonni kuni kan du'an ummata Amaaraatiifi'' jechuun gandatti waamun akka 'du'a lammataati' jedhan.

''Warri kuni qabsaa'ota ummata Amaaraati. Ijoollee Amaaraa hundaati. Ummata Amaaraaf yoo yaadna ta'e siyaasa xiiqii keessaa haa baanu. Humnoonni polotikaa walgargaaruu qabna'' jedhan.

Rakkoo kanas kan kaasan Obbo Chuchuun miidhaan gahe kan hundaati isa jedhuurratti waligalteerra gahamuu qaba jedhanii gorsu.

line

ABIN kaleessaafi har'a

Erga hundeeffame yeroo gabaabaa ta'us sabboonummaa Amaaraa leellisuun beekkamti kan horate Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) ajjeechaa booda miseensonni isaa hidhamanii turani.

Hidhaa booda xiinxaltoonni sochiin dhaabichaa 'laaffatuu' kan himan jiru. Qondaalli duraanii dhaabichaa ji'a saddeet hidhamanii hiikamuu kan himan Obbo Ballaxaanis 'dhibbaa qabaachuu' amanu.

Dubbii Himaan dhaaba ABIN Obbo Xaahir Mohaammadis hidhaa raawwateen ''dhaabni keenya miidhameera'' jedhu.

Ajjeechaan raawwachuu dura wal himannaafi wal dura dhaabbannaan dhaaba naannicha bulchuufi ABIN gidduu ture. Ilaalchi kuni hanga yeroo dhihootti waan itti fufe fakkaata.

Booda kana garuu ibsa baasaniin aangoon mootummaa akka dheeratu deeggaruun isaanii akkasumas ejjennoowwan dhaabichaa kaanin mootummaatti akka aanan akka ilaalamu taasiseera.

Taatewwan ijoo
Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa ajjeechaan raawwate taatewwan ijoo mul'isan

Sababa koronaavaayirasiin aangoon mootummaa dheerachuu dhaabbileen siyaasaa mormituu kaan yeroo morman ABIN garuu deeggareera.

Dhaabichi garuu 'wanti jijjiirame hin jiru' jedha.

''Tarii mootummaatu ejjennoo keenyatti dhufe jechuu kan dandeenyu malee, nuti ejjennoo mootummaa (fudhachuutti) hin deemne,'' jedhan Obbo Xaahir.

Dhimma aangoon mootummaa akka dheeratu deeggaruu isaanii yeroo ibsanis dhimma birmadummaa biyyaafi weerara koronaavaayirasii bu'uura godhachuun akka ta'e himan.

Gama kaaniin, yeroo ammaa dhaabni Naannoo Tigraay bulchu qofaatti filannoo akka gageessu ibseera.

Dhaabni ABIN immoo bakkeewwan 'seeraan ala qabaman' jedheefi Naannoo Tigraayitti argamanitti filannoon akka hin taasifamne gamanumaa mormuun ibsa baaseera.

Torban muraasa dura dhimma naannolee lamaa ibsa kan baase dhaabbanni Kiraayisis Giruup jedhamu immoo fuula duratti dhimmi daangaa naannolee lamaan walitti buusuu akka danda'u yaaddoo isaa ibseera.

Dhimmi ilaalcha waraanaa leellistoota sabboonummaa Amaaraa keessa dagaagee ture waldhabdee biraaf sababa ta'u malaa? Kana yerootu harkaa qaba.