Itoophiyaa bara 2011: Warra bara xumuramaa jiru keessa lubbuu dhaban, bara waliin yaadataman

Namoota bebbeekamoo

A.L.I barri 2011 xumuramuuf guyyoota muraasatu hafa. Bara xumuramaa jiru kana keessa biyyattiin namoota maqaa guddaa qabaniifi biyyaaf oolmaa oolan hedduu dhabde. Muraasa duubatti deebine yaadanna.

Hoggantoonni ykn namoonni beekamoon kuni dhukkubsatanii ykn immoo harka namaatti kan du'anillee ni jiru.

Girmaa W/Giyoorgis

Pirezidantiin duraanii Itoophiyaa afaan hedduu dubbataniifi waggoota 12'f biyyattii tajaajilan A.L.I Muddee bara 2011 ture kan boqotan.

Yeroos akka ibsametti dhukkubsatanii yoo ta'u owwaalchi isaaniis bakka qondaaltonni mootummaa olaanoo Pirezidantii duraanii Dr Nagaasoo dabalatee bakka argamanitti raawwate.

Pirezidantii duraanii Itoophiyaa Girmaa Waldagiyoorgis

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Girmaa W/Giyoorgis waggoota 12'f pirezidantii ta'un Itoophiyaa tajaajilan Mudde darbe ture kan boqotan

Ogeessi duraanii aviyeeshiniifi waraanaa Obbo Girmaan kayyoon isaanii guddaa bara dulluma isaanii hojjechuu fedhan Itoophiyaafi Eertiraa araarsuu akka ta'e kana dura BBC'tti dubbatanii turan.

Kunis, erga MM Abiy aangootti dhufani as biyyoonni lamaan araara buusaniiru. Kanas ijaan arguu danda'aniiru.

Umriin ajajaa dhibbaa Girmaa W/Giyoorgis 95 ta'uf torban lama yeroo hafetti du'un isaanii ni yaadatama.

Nagaasoo Gidaadaa (PhD)

Pirezidantiin jalqabaa mootummaa federaalawaa Itoophiyaa Nagaasoo Gidaadaan (PhD) A.L.I bara 1987- 1994'tti Itoophiyaa waggoota jahaf pirezidantii ta'un tajaajilaniiru.

Dr Nagaasoo Gidaadaa

Kana dura BBC'n qe'ee pirezidantoota lamaanii daawwatee ture. Pirezidanti Girmaan aangoo irraa erga ka'anii booda gargaarsi mootummaa isaaniif taasifamaa ture.

Faallaa kanaatiin garuu pirezidant Nagaasoon homaa mootummaa biraa gargaarsa akka hin arganne himaa turan.

Ergasii Mootummaan Naannoo Oromiyaa qarshii fi konkolaataa kennuufis sana dura gara caalu deeggarsaaf haadha warraa isaanii akka rakkisan dubbatu.

Pirezidant Girmaan du'ani ji'oota muraasa booda ture Pirezidant Nagaasoonis kan du'an.

Rakkoon fayyaa isaan qunnamee osoo jiru Ebla bara 2011 jala bultii ayyaana Du'aa Ka'uutti biyya Jarmanitti boqotan.

Owwaalchi isaaniis Finfinnee bakka MM Abiy dabalatee maatiifi kaan argamanitti taasifameera.

Janaraal Sa'aare Mokonnin

Janaraal Sa'aare Mokonniin erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufani as ture Itaamaajor Shuumii Waraana Itoophiyaa ta'un Janaraal Saamoraa Yuunus kan bakka bu'an.

Janaraal Sa'aara Mokonnin

Madda suuraa, PMO

Ta'us turtii waggaa tokko booda ajjeechaa qondaaltota mootummaa olaanoo A.L.I Waxabajjii bultii 15 magaalaa Finfinneefi Baahirdaaritti raawwaten akka ajjeefaman mootummaan ibseera.

Namoota maqaa guddaa qabaniifi biyyattiin waggaa bara 2011 dhabdee keessaa kan adda godhu Janaraalli maqaa gaarii qaban kuni manuma isaanitti ajjeefamuu isaaniiti.

Waggaa dura Waxabajjii bultii 16 bara 2010 hiriira deeggarsaa MM Abiy addabaabayii Masqalaa waamame irratti yaaliin ajjeechaa MM Abiy irratti akka raawwate ibsamee ture.

Ajjeechaa waggaa isaatti raawwaten janaraala Naannoo Tigraay irraa ta'aniifi Rayyaa Ittisa Biyyaa keessatti Rifoormii gaggeessuun kan maqaan isaanii ka'u lubbuu dhabaniiru.

Qondaalli waraanaa kun guyyaa gaafa du'an Kantiibaa Itti - aanaa magaalaa Finfinnee waliin biqiltuu dhaabaa yeroo turan miidiyaan mootummaa biyyattii gabaasee ture.

Ajjeechaa Waxabajjii bultii 15 galgala raawwaten isaan qofa osoo hin taane qondaalli duraanii waraanaa mana isaanii turan Meejar Janaraal Gazaa'i Abarraallee du'un isaanii ni yaadatama.

Ajjeechaan kuni Itoophiyaa ijoo dubbii addunyaa kan taasise yoo ta'u riiformii MM Abiy erga gara aangootti dhufani raawwatan duubatti deebisa laata jedhamee shakkamee ture.

Ajjeechaan kuni ajjeechaan magaalaa Baahirdaaritti ta'e sa'aatii muraasa booda Finfinneetti raawwate.

Loltuun ajjeechaa kanaan shakkameefi ajjeechaa kanas ajajaan raawwate jedhame yeroo ammaa mana yaalaa akka jiru mootummaan ibsuun isaa ni yaadatama.

Ambaachaw Mekonnin (PhD)

Namni bulchaa Naannoo Amaaraa turan kun muudamanii osoo baay'ee hin turini kan ajjeefaman. Walgahii qondaaltota kaan waliin yeroo taasisaa turanitti ture ajjeechaan kuni magaalaa Baahirdaaritti kan raawwate.

Ajjeechaa kanaan kan lubbuu dhabe pirezidantii naannichaa qofa osoo hin taane gorsaa isaanii Obbo Izaz Waazee dabalata.

Dr Ambaachaw Mokonnin

Madda suuraa, FBC

Gaafa ajjechaa sanaa kan madaa'an Abbaa Alangee naannichaa Obbo Migbaaruu Kabbada immoo guyyoota lama booda lubbuu dhabaniiru.

Mootummaan gaafa ajjeechaan raawwate galgala fonqolchi mootummaa raawwatu isaa ibsus maaltu akka ta'e barun rakkisaa ture. Kanaaf, sababni tokko intarneetiin akka adda citu ta'u isaati.

Ajjeechaa kana raawwachuun kan himataman Hogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenyaa naannichaa Birgaader Janaraal Asaamminaw Tsiggeedha.

Mootummaan sagalee bilbilaa isaan erga ajjeechaa raawwatan jedhamee booda hogganaa miidiyaa naannichaatti dubbatan ummataaf ifa godhee ture.

B/J Asaamminaw ajjeechaan gaafa Sambataa raawwatee gaafa Wiixataa osoo bajaajiin baqatanii magaalaa Baahirdar dhihoo ganda Zanzalimmaa jedhamutti humnoota nageenyaan ajjeefamuu ibseera.

Qorannoon xumuraa ajjeechaa kana irratti taasifamaa jiru hanga yoonaa ummataaf ifa hin taane.

Artiistoota keessaa

Sirna awwaalchaa artisti Laggasaa Abdii
Ibsa waa'ee suuraa, Sirna awwaalchaa artisti Laggasaa Abdii

Artistii beekamaa fi hangafaa Oromoo Laggasaa Abdii yeroo dheeraaf dhukkubsachaa erga turanii booda Onkoloolessa darbe umurii waggaa 80'n addunyaa kanarraa kan boqatan.

Laggasaa Abdii aartii Oromoo fi Itoophiyaa keessatti maasinqoo taphachuudhaan nama bakka olaanaa qabu dha. Abbaa 'baandii nama tokkoo' jedhamuunis beekamu.

Artiistiin gameessi kun mana Tiyaatiraa Hagar fiqir, Tiyaatira Biyyaalessaa, Tiyaatiraa fi Aadaa Magaalaa Finfinnee, Orkeestiraa Poolisii, Kiburzabanyaa fi kanneen biroo keessatti yeroo dheeraaf hojjetaa turan.

Iteenash Girmaa

Madda suuraa, OBS

Ibsa waa'ee suuraa, Iteenash Girmaa

Gama aartii Oromoon gaafa ilaalle weellistoota bara 2011 lubbuu dhaban keessaa Weellistuu Iteenash Girmaa fi weellisaa Daadhii Galaan kaasuu dandeenya.

Weellistuun ayyaanni waggaa gaafa dhufe walleen ishee sirriitti dhagahamu weellistuu Iteenash Girmaa Waxabajjii bara 2011 keessa ture dhukkubsattee kan duute.

Abbaa warraa ishee fi weellisaa kan ta'e Dammaraa Laggasaa waggoota shanan darbaniif kaansarii harmaan dhibamaa akka turte BBC'tti himeera.

Ta'us, yeroo ogeessonni yaalaaf jecha harma irraa muruuf jedhan akka didde kan maatiin himan.

Weellisaa Daadhii Galaan

Madda suuraa, TUFAA WADAAJOO

Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa Daadhiin ajjeefame 'xinnaa guddaan hidhannoo waan qabuuf sirba tokkotti yoo xinnaate rasaasa 50-60tu dhuka'aa ture,' jedha namni waliin ture

Gama kaaniin, weellisaa Daadhii Galaan baatii Guraandhalaa keessa ture kan lubbuun isaa darbe.

Jalqaba irratti eebba hoteelaa irratti dhukaasa gammachuuf dhukaafamen akka lubbuun dabarte gabaafamus boodarra ajjeechaan isaa kan itti yaadame raawwate akka ta'e himame.

Namtichi weellisaa Daadhii Galaan ajjeesuun shakkame hidhaa umrii guutuu irratti murtaa'us maatiin murtiin kun garaa akka hin geenye himuun isaanii ni yaadatama.

Ajjeechaa namoota beekamoo jenne isinii dhiheessineen alatti garuu waggaa dabarsine bara 2011 keessa lammiileen bakkeewwan adda addaatti waldhabdees ta'e balaa uumamaan lubbuu dhaban hedduudha.