'Yaalii fonqolcha mootummaa' kan qindeessan Asaaminew Tsiggee ajjeefaman

''Yaalii Fonqolcha mootummaa'' naannoo Amaaraa fi ajjeechaa aangawootaa qindeessaniiru jedhamuun kan shakkaman B/G Asaamminew Tsiggee ajjeefaman.
Qondaalli waraanaa kun, qarqara magaala Bahirdaar bakka Zanzaliimaa jedhamtutti rasaasa humnoota nageenyaan ajjeefaman.
Yaaliin kun fashaluun booda, miliqaanii akka ture kan himameef hoogganaan biiroo nageenyaa naannichaa kun, bara 2008 ttis ''yaalii fonqolchaa mootummaan'' himatamanii hanga waggaa darbe hiikamanitti hidhaa turan.
Kaleessa Naannoo Amaaraatti Itti gaafatamaan Ittaanaa Biiroo ijaarsa nageenyaa fi uummataa Obbo Gadabee Haayilu BBC'tti akka himaniitti, Asaamminew eessa akka jiran hin baramne ture.
Ganama kana osoo humnoota mootummaan walitti dhukaasaa jirani ganda dhiyeenya magaalaa Bahirdaar jirtu Zanzaliimaa jedhamtu keessatti ajjeefaman.
Eegduun Janaraal Se'are Mokonnin kan ajaajaa waaraanaa biyyattii ajjeeseera jedhame kan ganama har'aa of-ajjeesuun isaa himame lubbuun akka argame EBC'n polisii federaalaa waabeffachuun gabaaseera.
Egduun kun battala ajjeechaan raawwatameetti of ajjeessuu isaa Koomishinariin Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw Wiixata ganama ibsa kennaniin himanii turan haa ta'u malee galgala ammoo lubbuun akka jiru himame.
Sambata ibsa waajjira MM irraa kennameen eegduun kuni madaa'ee akka qabame himame ture, ibsi poolisii Wiixataa ganamaa garuu yeroosuma of ajjeesuu hima.
Galgala keessa ammoo lubbuun jiraachuun yoo himamu namootni hedduun gaaffii akka kaasan taasisee jira.
Wayita sana eegduun kun Janaraalota kunneen wajjin kan ture yoo tahu, lamaan isaanii dhukaasee ajjeese.
Eegdonni biroo achi turan nama haleellaa raawwate kanatti haa dhukaasaniyyuu malee hin ajjeesne.
Boodarra garuu gara kutaasaa galuun of ajjeeseeree jechuun komishinarichi ibsaniiru.
''Eegduun kuni jeneraal Asaamminewuun kan filatame yoo tahu. Of ajjeesuun isaa ergamni kennameef dirqama guddaa kan qabu tahuu dha. Kunimmoo ergama galaafatanii, of galaafachuu dha jedhameera.
Haleellaa Sambata waaree aanga'oota mootummaa naannoo Amaaraa irratti raawwatameen madaa'anii hospitaalatti yaalamaa kan turan abbaan alangaa naannichaa Obbo Migbaaruu Kabbadaas har'a boqotaniiru.
Gochaa yaalii fonqolchaati jedhame kanaan walumaa galatti namoonni torba lubbuu dhabaniiru.
















