Sochii Biyyaalessaa Amaaraa: Ajjeechaa aangawoota malee, fonqolcha mootummaa miti

Madda suuraa, Dassaalanyi Caannee FB
Ibsa motummaan federaalaa yaaliin fonqolcha motummaa Naannoo Amaaraatti yaalame ture jechuun baaseen wal qabatee, hedduun attamiin fonqolchi sadarkaa naannootti gaggeefama jechuun gaafataa jiru.
Qaamoolee haala gochiichi itti ibsame morman keessaa Paartii Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa (ABN) tokko.
Dhimmuma kanarrattis Dura Taa'aan Paartii Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa (ABN) Obbo Dassaalany Caannee ''Fonqolcha jechuuf tokkoffaa raga gahaan hinjiru. Sadarkaa lammaaffaatti naannichatti kan raawwatame haleellaa aanga'oota olaanooti'' jedhan.
Kanaaf sadarkaa naannootti fonqolcha jechuun ni danda'amaa? jechuun gaafatu.
''ABN'' wayita ammaa kanatti eenyu akka haleellicha raawwateefi duba ta'uun eenyu akka qindeesse raga walitti qabaa jiraachu kan himan obbo Dasaalanyi, du'a aanga'ootaa fi janaraalotaatiin gaddi itti dhagaahamuu maqaa Paartii isaaniitiin ibsaniiru.
Komishinara poolisii dabalatee, aanga'oonni Naannoo Amaaraa taateen kun 'haleellaa aanga'oo olaannoorratti raawwatame jechuun ibsaa jiraachuu kan himan Obbo Dasaalanyi, motummaa Federaalaa ''fonqolcha motummaa'' jechuun fayyadamuun kan bitaa namatti galuudha jedhaniiru.










