Janaraal Asaaminew Tsiggee eessa jiru?

Sanbata galgala Naannoo Amaaraatti ''yaalii fonqolchaa''fi ajjeechaa taasifame duuba jiru jedhamanii kan shakkaman Birgaadiyeer Janaral Asaaminew Tsiggee eessa akka jiran akka hinbeekamne aangaa'oonni naannichaa ibsanii turan.
Naannichatti ittaanaa Itti gaafatamaan Biiroo ijaarsa nageenyaa fi uummataa Obbo Gadabee Haayilu BBC'tti akka himaniitti, Asaaminew eessa akka jiran hinbaramne.
Sanbata aanga'oonni naannichaa wayita walgahiirra jiranitti Janaraalichi humnoota hidhataniin dabaalamee gara walgahichaatti ol seenuun jalqaba dabaaltota preezidaanticha irratti dhukaasa erga bananiin booda, itti aansuun aanga'oota walgahicharra turanitti dhukaasuun namoonni lama du'u, kaan miidhamuu dubbatan Obbo Gadabeen.
''Haleellichi haala cimaan kan qindaa'eedha'' kan jedhan Obbo Gadabeen, waajiraalee nageenyaa, poolisii, Preezidantii fi waajira ADP irratti haleellaa raawwachusaanii himaniiru.
''Nuf haleellichi kan hin eegamiin ture'' kan jedhan ittigaafatamaan kun, tibba sanatti yeroo humnootiin nageenyaa naannicha to'achuuf yaalii taasisanittis Birgaarad Janaraal Asaaminew, akka miliqan ibsanii, Preezidantichaafi gorsaa isaaniiin alattis dabaaltoonnis kan ajjeefaman ta'uu himan.
Haala amma jiruun lakkoofsi namoota ajjeefamanii adda bahee akka hinbeekamnes dubbataniiru.
Magaalaa Baahir Daariitti haalli kan tasgabbaa'e fakkaatus ajjeechaa raawwatameen walqabatee garuu naasuun uumamuu himaniiru Obbo Gadabeen.
''Preezidaantichi nama halkaniifi guyyaa warra kaaniif hojjatu turan. Haala akkanaatiin galaafatamuunsaanii baayyee nama gaddisiisa, jechuun BBC'tti himaniiru.














