‘Hanga yoonaa haqa hin arganne - Maatii Janaraalota ajjeefamanii

Janaraal Se'aaree Mokonniiniifi M/Janaraal Gezaa'ii Abarraa

Madda suuraa, PMO/ETV

ALI Waxabajjii 15, 2011 galagala Pirees Sekreetaariin Waajira Ministira Muummee obbo Nugusuu Xilahuun Naannoo Amaaraatti ''fonqolcha mootummaa'' yaalameen Pirezidantii naannichaa dabalatee aanga'oota mariirra turan irratti haleellaan raawwatame jechuun miidiyaa biyyaalessaarratti ibsa kennan.

Sa'aatiiwwan muuraasa boodas MM Abiy Ahimad ibsa dabalataa kennuuf miidiyaatti bahuun ibsa kennaniin haleellaa Naannoo Amaaraatti raawwatame to'achuuf manaa hojjechaa kan turan hoogganaan humna waraanaa Itoophiyaa Jeneraal Sa'aare Mokonniin fi michuu isaaniirratti haleellaan qaqqabuu himan.

Biyya ce'uumsarra turte kana keessatti ajjeechaawwan aanga'oota mootummaa olaanoorratti raawwatame kun naasuu guddaa uume.

Waggaa har'aa ajjechaa raawwatameen kanneen lubbuu isaanii dhabaniif sirni yaadanno bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kan gaggefame yoo ta'u, Finfinnee keessa daandiin Riqicha Riwaandaa ka'ee hanga Atilaas jirus maqaa Janaralaa Sa'aareen moggaafameera.

Daandiin kun waggaa har'aa bakka Janaraal Se'aareen biqiltuu itti dhaaban ture.

Kune erga ta'ee waggaan tokko darbuus haqni akka hin argamne maatiin Janaralaa Sa'aaree Mokonniniifi M/Janaraal Gezaa'ii Abarraa ni dubbatu.

Biyyaaf janaraalonni oolmaa oolaan dagatamaniiru jedhu.

Taateen sun akkam ture?

Gaafa ajjeechaan raawwate Janaraal Sa'aareen sirna biqiltuu dhaabuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee qopheesserratti Kantiibaa Itti aanaa Taakkalaa Uumaa waliin hirmaatanii turan.

Yeroo manatti deebi'an dirqamni hooggansa isaanii barbaadu dhalachuun itti himame.

Taatee Baahirdar bilbilanii kan Janaraal Sa'aareetti himan MM Abiy ta'uu dubbatu hatii warraa isaanii koloneel Tsiggee Alemaayehu.

M/J Gezaa'iin wayita dhufaniis Janaraal Sa'aareen mana keessaa bilbilaan haasa'aaa akka turan himu.

Sa'aa 3:12 irratti taatee kana ilaalchisee Televeziyooniin Amaaraa maal gabaasaa akka jiru akkan hordofu dubbaneet ani gara saaloonii darbe.

Anaa gara Saalonii darbee Chaanaalii barbaadaa jiru rasaasni tokko dhuka'e. Achiis irra deddeebiin dhukaafame.

Fiigee yeroon dhaqu lamaanuu bakka jiranitti rukutamanii gurbaan ajjechaa san raawwate ammoo miilla Se'aaree jalatti kufeen arge.

Janaraal Gezaa'iin battalamutti ture kan lubbuun keessaa bahe. Janaraala Sa'aare garuu eegdonni gara Hospitaala dhiyeenyatti argamu Hospitaala Waashingitanitti geessanii turan'' jechuun haala ajjeechaan kun itti raawwatame yaadatu koloneel Tsiggeen.

Eegduun Janaraal Sa'aaree miilla isaanii jalatti kufee ture tasa bakka kufee ka'ee fiigee miliquuf yoo yaalu eegduu biroo waliin walitti dhukaasuun miliquus yaadatu.

Haatii Warraa M/Janaraal Gazaa'ii Abarraa Aadde Ababaa Zamikaa'eel ammoo abbaan warraa isaanii ALI bara 2005'tti soorama erga bahanii booda bara obbo Hayilamaariyaam Dassaalany aangoorra turan deebi'anii hanga lubbuun isaanii darbettii hojii mootummaa hojjeechaa turanii jedhan.

Dilbata ganama gara Maqaleetti imaluuf karoorfatanii akka turaniifi Sanbata Janaraal Sa'aaree dubbisuuf deemanii lubbuu isaanii dhabuu Aadde Ababaan ni yaadatu.

''Dhimma hojiif ture kan deeme. Gidduutti bilbileen hin dhiisifattaa? jedheen. Tole Sa'aaratu bilbila qabatee jira hin fixne. Dhufe naan jedhe. Haasaa keenya isa xumuraa ture.

Turees bilbileefiin bilbillisaa hin ka'u. Booda bilbilamee natti himame'' jechuun haala ture yaadatu.

Ajjeechaan kun erga raawwatamee har'a waggaa tokooffaa isaati.

Daandii Janaraal Se'aareen moggaafame

Madda suuraa, EBC

Haa ta'u malee, waggaa tokkoon duubas ajjeechaa kana ilaalchisee wanta miidiyaa hawaasarratti dubbatamuun alatti wanti beekaniifi dhagahan akka hin jirre Koloneel Tsahaay BBC'tti himaniiru.

''Dhimmi kun anaaf dararaa guddaadha. Sa'aareefi Gazaa'iin ummata osoo tajaajilanii ibiddaan gubatan. Namni ajjeechaa raawwate qabameera jedhama.

Gama haqaan maaltu hojjetamaa akka jiru wantin beeku hin jiru. Manni keenya dukkanaaaheera. Onneen keenya dukkanaa'era.''

''Itti dabaluunis Sa'aareen abokaatoofi nama waaye isaa gaafatu dhabeera. Nuti humna keenyaa ol waan ta'eef eenyuun akka gaafannuu wallaallee, ani cinqameen jiraa,'' jedhu.

Haati warraa Meejar Janaraal Gazaa'is ''biyya mootummaan Federaalaa, Raayyaan Ittisaafi tikaa jirutti hooggantoota olaanoo kan eenyu ajjeese kan jedhu? maaliif ajjeefaman kan jedhu irratti deebii argachuu malla ture. Maatiidhaaf callifni kun du'a caala'' jedhan.

''Eega miidhamni kun nurra gaheen booda abbaan aangoo hanga ammaa nu gafate hin jiru uummatni Itoophiyaa haa faradus'' jedhu