‘Ijoollee abbaa hingalleef karra ilaalaa jirtu’ -Hadha Warraa Dr. Ambaachoo

Ambaachaw Meekonnin(PhD)

Waggaa har'aa, Waxabajjii 22, 2019 Naannoo Amaaraa Magaalaa Bahirdaaritti aanga’oonni ajjeefamanii turani.

Namoota ajjeechaa kana qindeesseera jedhaman keessaa Asaaminoo Tsigee, dabalee taatee guyyaa sanaatiin naannichi anga’oota mootummaa olaanoo afur dhabdee ture.

Isaan keessaas yeroo sanatti pirezidaantii Naannoo Amaaraa kan turan Dr Ambaachoo Makonnin tokko.

Isaan waliinis sadarkaa itti aanaa pirezidaanitiitti kan turan Abbaan Alaangaa Waliigalaa Naannoo Amaaraa obbo Migbaaruu Kebbedee, fi gorsaa Ijaarsa Uummataa pirezidaantichaa kan turan Obboo Azaza Waasee halleellaa guyyicha mana maree naannichaa keessatti raawwatameen ajjeefaman.

Ajjeechaa guyyaa sana raawwatameen, naannicha qofa osoo hintaane maatiin Dr Ambaachoo illeen isa dhabusaanitiin caba qalbii keessa hinbaanee keessa buuseera. Waggaa kana maatiin Dr Ambaachoo attamiin dabarsan?

Presentational grey line

Dr Ambaachin maatiin attamiin yaadataa jira? Gaaffiiwwan kanaafi kkf biroo ilaalchisuun BBC haadha warraa Dr Ambaacho kan ta’an aaddee Yeshume Damisaash waliin turtii taaseera. Dr Ambaachoofi aaddee Yeshumeen gaa’ilaan waggoota 29’f waliin jiraachuun ijoollee shan horataniiru.

Dr Ambaachoo kan pirezidaantii naannoo Amaaraa turan, waajjirrii hojiisaanii Magaalaa Baahirdaari wayita ta’u, maatiisaanii garuu Finfinnee jiraatu. Kanaafu, Dr Ambaachoon wayita deemanis ta’e wayita hojii itti deebii’an akka hindubbannee himu aaddee Yeshumeen. Kunis sababii maatii hinyaachisu jedhuun akka ta’e himu.

Manni jireenyaa Dr Ambaachoo kan magaalaa Finfinneetii kessumaan dhabamee hinbeeku. Haaluma kanaanis guyyaa Sambata duraa Waxabajjii 22, 2029 maatiin isaan gaafachuu dhufan mana guutanii turan. Hanga ilmi adaadaa aaddee Yeshum bilbilaniifiitti maatii waliin nagaafi kolfaa turan.

‘‘Innis bilbilee Baahirdaariitti dhukkaasa ture naan jedhe. Achiin Ambaachoofan bilbile. Bilbilli isaa hinhojjatu’’ jechuun haala jalaqaba ture himu haatii warraasaanii.

Itti aansees raga argachuuf bakkeewwan adda adddaatti bilbilanillee deebii akka hin argatiin himu.

‘‘Isaan booda akka na dhukkubuus, akka natti qorruu natti dhagahamu, akka na kirkirsuu fa’i na taasise. Qaamni kiyyaa na gogee ture,’’ jedhu guyyicha yoo yaadatan.

Wanti tokko uumamusaa qalbiisaanii itti himee kan ture aaddee Yashuum, takka turanii Dr Ambaachoon miilarra rukutamuun wallaansaaf gara Finfinnee dhufaa jiraachuu dhagahan.

‘‘Miidhaamee lubbuun haa hafu. Ijoollee kiyyaaf nuuf haa jiraatuun jedhe. Akkasumatti alkanichi dhiphinaan dabarse,’’ jedhu.

Suura maatii

Bariisaa guyyaa Dilbataa Waxabajjii 23, 2019 hospitaala itti geeffamee adda baasuun dhaqanii bira dhaabbachuuf osoo asiifi achi bilbilaa jiranu, Dr Ambaachoon ajjeefamu isaa maatiifi firoota irraa itti himame.

Kan isa booda seenaa ta’e hafe jedhu Aaddee Yeshumeen haalicha wayita ibsan.‘‘Gadda guddaafi kan qalbii nu cabseetu nurra gahe. Nuyi maatii dhiisii qalbii hedduutuu cabee ture du’a isaatti. Gaddi baayyee cimaatu nurra qaqqabe.‘‘Maatiin du’a Ambaachootti baayyee qalbii cabe. Miidhamneera.''

Du’a isaa ani mataankoo fudhachu hindandeenye ture,’’ jechuun BBC’tti himan.

Keessattu ijoolleetti himuun baayyee itti cimee akka ture kan dubbattan Aaddee Yeshumee, ‘‘Ijoolleen guddatan dhimmicha hubachu danda’u, garuu ijoollee dhallattuu abbaa hingalleef karra eegaa jirtuutti himuun baayyee cimaadha,’’ jedhu.

Mucaan isaanii dhumaa waggaa afur. ‘‘Yeroo hunda ‘abbaan kiyya hindhufuuyii’ jechuun gaafatti. Lakkii hojii deeme hindhufu yoo jedhamtu, waaqni akka naaf fiiduuf kadhannaa taasiseera jetti hanga ammaatti. Dhufuu jedhee sitti himeera yoon jedhuun hingalamaafi. Ammalleen ni dhufa jettee eeggataa jirti,’’ jedhu aaddee Yeshumeen haala ijoolleesaanii yoo himan.

‘‘Ilmi kiyya waggaa 13 yoo ta’u, baayyee waan beekuuf hin dubbatu. Kan baayyee hubamees isa. Baasee dubbachuu baatulleen cabni qalbii irra gahe fuula isaarraa ni beekama,’’ jechuun duutii Dr Ambaachoo attamiin maatii akka miidhe himu.

Dr Ambaachoon kabajaafi jaalallii maatiisaaniif qabaataa turan olaanaa ta’u kan himan haatii warraasaanii, waan hojjatamu manatti fidanii guyyaa dhufanittilleen jidduutti yeroon ijoolleesaanii waliin dabarsaa turan hangam kan jaalalaafi baacoon guutame akka ture himu. Dr Ambaachoon ajjeefamuu isaatiin guyyoota muraasaan dura waan jedhaniinii ture garuu gonkumaa kan hindagannee ta’u himu.

‘‘Akkuma tasa xaba keessa ‘ati bee cimaadha, ijoollee kee ni guddifatta’ naan jedhe du’uuf torban yoo hafu. Anis qoosaan akkasii natti hintolu, lammata akkas naan hinjedhiin jedheen. Achiin itti lollaan qosaatti geeddare, achumaan dhiifne.''

Maal yaadee ykn maaltu itti dhagahamnaan akkas akka jedhe naaf hingallee ture,’’ jedhu Aadee Yeshumeen. Naannoo Amaaraafi Mootummaa Federaalaa keessatti itti gaafatamummaa olaanaa irratti hojjataa kan turan Dr Ambaachoon, dhiibbaan hojii olaanaafi eddoodhaa eddootti socho’uun hojjataa turan.

Ta’us garuu qaawwa argataniin maatii waliin yeroo dabarsuu akka filatan haatii warraasaanii ni himu. Ijoollee isaaf jaalala abbummaa kennuu, barsiisuufi gorsuuf guyyaa tokkoyyu duubatti kan hinjennu Dr Ambaachoon, cimoofi kan ofitti amanan gochuuf yeroo hunda akka gorsaa turan ni yaadatu.

Ijoolleen isaanis abbaasaanii dhabuufi kaan isaanii amma amma dhufa jechaa karra ilaalu malee hanga ammaatti waan nyaataniifi dhugan dhabanii kan hinbeekne ta’u himu.

Keessattuu taatee guyyaa ajjeechaan itti raawwatame sana yoo himan ‘‘akkuma ummata Itoophiyaa biraattiin dhagahe, Jeneraalichatu ajjeesse (Asaaminoo Tsigee)'' jedhu.

''Innis ajjeeffame jedhame, kanuma. Haqni ammo akkuma lammii Itoophiyaa kamiittuu eegama. Ani haqa argadheera hinjedhu. Kan isa duuba jiru ammas hinqulqulloofne. Innis qofaasaa hinraawwatu.''

Qofaasaas miti kan ajjeesse. Eenyuu duuba akka ture kan bare hinjiru,’’ jechuun dhimmichi kan hinxumuramne ta’u dubbatu.

Presentational grey line

BBC: Ofii dhumaaf Dr Ambaachoo waliin waa’ee maalii haasoftan?

Aaddee Yeshuumee: Baayyee hinyaadadhu garuu dhihee bari’ee ani lakkii si ajjeessuun jechaanii ture.

BBC: Maaliif ture kan akkasi jechaanii turtaniif?

Aaddee Yeshuumee: Namni tokkotuu bilbilee natti hime.

BBC: Maal jedhee sinitti hime?

Aaddee Yeshuumee: Ergaa Ambaachootti himtu jechuun akka ajjeeffamu natti hime. Achiin naheen, ‘ati eenyuu? Jennaaniin ‘eenyuummaan kiyya maal siif godha. Nama Kanaan garuu ofi eeggadhu jedhiin’ naan jedhe. Achiin dubbichii waan na yaachiseef akka of eeggatuuf itti hime.

Itti himnaan ‘lakkii Yeshuumee akkasiin of dhiphisaa dhukkubsattuu akka hintaane. Ani maal silan godheef na ajjeessu? Maalan balleesse na ajjeessu?’ naan jedhe.

Kanan yaadadha….haalli du’asaa kan baayyee nama gaddisiisuudha. Anis hanga du’aatti akkuman gubadhettin jiraadha. Nama biyya kiyya jedhee, isaafuu nama waraqaafi peennaa qabatee jiru ajjeesuun, dhagahamees argamees hinbeekamu.

Presentational grey line

Seenaa biyyaa keessattis kun waan haaraadha. Gochi ajjeechaa guyyaa Waxabajjii 15, 2019tti Naannoo Amaaraafi Finfinneetti aanga’oota Mootummaa olaanoofi ajajaa Raayyaa Ittisa biyyaa guyyaa tokkichatti itti mudatee, biyya bira darbee mata dure oduu addunyaa ta’e ture.

Taatee kunis naannoo Amaaraafi siyaasa biyyaarratti godaannisa kan kaa’e ta’u kan dubbatan Aaddee Yeshumeen, abbaan warraasaanii garuu kan hanna tuffattan akka turan himu. ‘‘Ambaachoon saantima mootummaa sharfee kan hinbarbaanneefi nama sammuufi harkaan qulqulluu ture.

Kanaanis mataakoo olqabadhe akkan deemu na taasiseera,’’ jechuun attamiin hojii abbaa warraasaaniitti akka boonan dubbatu.

‘‘Haadha warraa Dr Ambaachoo yoon jedhamu. Akkan haadha warraa hattichaa hinjedhamne beeka’’ kan jedhan Aaadee Yeshumeen, du’a Dr Ambaachootiin maatii saa qofa osoo hintaane guutuun biyyaa dhiidhimu amanu.

Dhimmoota wayita aangoorra tureetti Dr Ambaachoo caalaa dhiphisaa ture keessaa tokko buqqa’insa ummataa akka ture himu. Innis sana sirreessuuf bakkeewwan rakkoon turan hunda tasgabbeessuuf hojjataa ture.

Haa ta’u malee ‘’qaamoleen hoggansa isaa hinjaalannee ammo achiin dhukaasa, garanaan ammo dhohiinsa, gama biraatiin ammo gubuu hojiisaanii taasifatanii turan. Kun ammo baayyee isa dhiphiisaa ture,’’ jechuun haala abbaan warraa isaanii keessa turan yaadatu.

Bara aangoorra turanittis nagaafi tasgabbii buusuun ummata hiyyuummaa keessaa baasuuf goota halkanii guyyaa dhiphachaa ture malee mudaa omaa kan hinqabne ta’u dubbatu.

''Abbaa warraa koo nama nagaa, danboobaafi kan nama jaalatu ture,’’ kan jedhan, kabaja malee kan isaa olii kan hinsodaannefi kan isaa gadii kan hintuffanne ture’ jechuun ibsan.

Jaalala namaaf qaban irraa ka’uunis manni isaanii mana aanga’aa motummaa tokkoo hinfakkaatu kan jedhan Aaddee Yeshumeen, kessummaan mana saaniitii dhabamee kan hinbeekne akka ta’e himu.

Dr Ambaachoon namoota rifoormii waggoota lamaan dura dhufee keessatti gumaata olaanaa taasisan keessa tokko ta’utu himama.

Keessattuu MM Abiyyi Ahimad mudamusaattis Dr Ambaachoon baayyee gamaddanii akka ture haatiwarraa isaani ni dubbatu.

Aadde Yeshumeen hojjattu motummaa yoo ta’an erga abbaan warraa isaanii ajjeeffamanii boodas kanfaltii soramaa argataniin ijoolleesaanii guddifataa jiru. Manaa kiraa motummaa keessa kan jiran yoo ta’u, dursi taanaan mindaa ji’aa lamaan argataniin alatti jireenya hafaa kan hinbarre ta’u dubbatu.

‘‘Durattis taanaan jireenya hafaa waan hinbarreef jireenyuma baramee sana jiraachu itti fufneerra’’ jedhu.

Gama motummaafi paartii irraa deeggarsii taasifamuufii kan himan Aaddee Yeshuumeen, ammas maaticha gargaaruuf yaaliiwwan taasifamaa jiraachuufi maqaa Dr Ambaachootiin faawundeeshinii hundeessuuf yaadni jiraachu ibsu.

‘‘Ammaaf walta’iinsa faawundeeshinichaaf taasifamuuf mootummaafi uummata gaafanna malee nuti galata Rabbii ni jiraanna’’ jedhu.

‘‘Ambaachoon barataa cimaa Fiiziiksiifi Herreega jaalatu ture.''

Faawundeshiniin yaadame kunis, kan barattoota dameewwan barnootaa kanaaf feedhii qabaniif deeggarsa taasisuufi isaaf yaaddannoo dhaabuurratti kan yaadameedha.

Inni yeroo hunda namootaaf waan gaarii waan yaadaa tureef maqaasaatiin hojii tola oltummaa ni hojjanna jedheen yaada,’’ jedhu.

Duutii Dr Ambaachoo maatii irratti madaa hinfayyinee dhiisuu isaatiin alattis, du’a haadha isaatiiflleen maada ta’u amanu. Aaddee Yeshuumeen akka jedhaniitti, Dr Ambaachoon maatii isaatiif ilma jalqabaa waan tureef nama haadha isaa kunuunsuufi abdii ture. ‘‘Du’a isaa erga dhagahaniin booda jiraachu hindandeenye.

Kanaanis nyaataafi dhugaatii diduun of miidhaniiru,’’ jechuun attamii duuti Dr Ambaachoo du’a haadha isaatiif akka madda ta’e himu. Kana malees ijoolleen xixiqqoon osoo jaalala abbaasaanii hinquufiin hafaniiru jedhu. ‘‘Miidhaan inni olaanaan ijoolleen isaa jaalalaafi gorsa isaatiin guddachu dhabuudha.

Haadha qofaan guddachuun baayye cimaadha. Biyyaafi ummataaf osoo jedhuu osoo ijoollee isaatiif hintaa’iin akka baheetti ajjeeffamuunsaa baayyee na gaddisiisa,’’ gaabbii itti dhagahamu ibsu.

Guyyaadhu ajjeechaan kun magaalaa Bahirdaaritti raawwatameettis, Finfinneetti ammoo ogganaan raayyaa ittisa biyyaa kan turan Jenaraal Sa'aara Makoonnin akkasumas waliin kan turaniifi Janaraal sooramaa kan bahanii turan Gazaa’ii Abarraas alkanuma sana ajjeeffamanii turan.