Dhaddachi ajjeechaa Janaraal Se'aareefi M/J Gezaa'ii qoratu maatiif banaa ta'e

Madda suuraa, PMO/ETV
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi dhimma ajjeechaa Janaraal Se'aaree fi M/J Gezaa'ii Waxabajjii 30 irraa kaasee maatii miidhamtootaafi miidiyaalee muraasaaf banaa akka tu'u murteesse.
Dhaddachii ajjeechaa kana qoratus hojii isaa akka itti fufu Manni Murtee kun ibsa har'a baaseen beeksisee jira.
Manni murtee kun weerarri Covi-19 dhalachuu hordofee Mannee Murtii gariin cufamuu isaaniitiin dhaddachi dhimma ajjechaa janaraalota kanaa qoratu adda citee akka ture akeekeera.
Ibsa isaa har'aa kanaan garuu Abbaan Alangaa waliigalaa dhaddachi kun akka itti fufu gaafachuu isaatiin adeemsi ragaa baatota dhagahuu akka itti fufu murteesseera.
Himatamaaniis mana hidhaa keessa taa'ee adeemsa kana Pilaazmaan akka hordofu murtaa'eera.
Haati warraa Janaraal Se'aareefi kan Meejar Janaraal Gezaa'ii Abarraa waggaa tokkooffa aajjeechaa kanaa ailaalchisee BBC'n yoo dubbisuun wantoota miidiyaa hawaasarratti haasa'amuun alatti adeemsichi maalirra akka gahe quba hin qabnu jedhanii ture.
Gama haqaan maaltu hojjetamaa akka jiru wantin beeku hin jiru. Manni keenya dukkanaaaheera. Onneen keenya dukkanaa'era'' jedhan Hati warraa Janaraal Se'aaree Koloneel Tsahaay.
''Itti dabaluunis Sa'aareen abokaatoofi nama waaye isaa gaafatu dhabeera. Nuti humna keenyaa ol waan ta'eef eenyuun akka gaafannuu wallaallee, ani cinqameen jiraa,'' jedhu.
Haati warraa Meejar Janaraal Gazaa'is ''biyya mootummaan Federaalaa, Raayyaan Ittisaafi tikaa jirutti hooggantoota olaanoo kan eenyu ajjeese kan jedhu? maaliif ajjeefaman kan jedhu irratti deebii argachuu malla ture. Maatiidhaaf callifni kun du'a caala'' jedhan.
Dhaddachi kun guyyaa afur booda bakka maatiin miidhamtoota argamanitti kan itti fufu akka ta'e Manni Murtii Olaanaa Federaalaa beeksisee jira.














