Yaalii Fonqolcha Mootummaa: 'Aanga'oota mootummaa biroo ajjeesuufis karoorri ture'

Heera fi alaa biyyaa

Madda suuraa, FBC

Gocha ajjeechaa magaalota Baahidaarii fi Finfinneetti Sanbata darbee raawwatame alattis, qaamolee dhimmicha raawwatan angaa'oota mootummaa kan biraas ajjeessuuf kaayyoo akka qaban himame.

Qaamoolee mootummaa adda addaa keessaa walitti babbahuun ''yaalii fonqolcha mootummaa'' taasifamee fi ajjeechaa raawwatame akka hordofuuf 'Humni Waloo Nageenyaa fi Haqaa' ibsa Kamisa galgala baaseen, qaamoleen gochicha raawwatan ''ajjeechaa walfakkaatu aanga'oota mootummaa biraa irrattis raawwachuuf karoorfatanii turan.'' Jedha.

Humni Waloo kuni dabaluunis, namoonni haala ''yaalii fonqolchichaa,'' fi ajjeechaatiin walqabate shakkaman 250 ta'an to'annoo jala oolfamusaanii beeksiseera.

Akkasumas namoota kanneen keessaa 212 Naannoo Amaaraatii yoo ta'an kanneen 43 ta'an ammoo Magaalaa Finfinneetti to'atamusaanii beksiseera.

Kana malees, meeshaalee waraanaa fi rasaasni hedduun qabamuusaa dabaluun ibseera.

Gocha Sanbata darbe raawwatameen, karoorrii fi sanadoonni halleellaa biraa raawwachiisuuf dandeessisan qabamuun qorannoon irratti gaggeefamaa jiraachuu Humni Waloo Nageenyaafi Haqaa ibseera.

Asaamminew Tsiggee waa'iloota isaa waliin ''yaalii fonqolchichaa'' taasisuun erga miidiyaan himamee guyyoota lamaan booda dhukaasa humnoota nageenyaa waliin taasifameen ajjeefamera.

Gocha ajjeechaa fi ''yaalii fonqolchichaas '' innii fi waa'iloonni isaa raawwachusaaniitiif ragaa qabatamaan jiraachu himuun ''yaalii taayitaa humnaa fi meeshaa waraanaatiin qabachuuf' qindaa'ee ta'u himeera.

Kana malees, Janaraal Asaaminaw fi waa'iloonni isaa ''gara bal'inaa fi dhiifama mootummaa gara moggaatti dhiisuun, biyya ganuun, ummataa fi ummata walitti buusuun, aangoo humnaa fi karaa qaxxaamuraan biyyaa fi ummata keenya bittinsuun socho'eera,'' jechuun himateera.

Humnichis ibsichaan ''sochii shororrkeessuummaa kamiyyuu hin obsinu'' jechuun akeekkachiiseera.

Akkasumas ajjeechaan janaraal Sa'aara mokonnin fi hirriyyaan isaanii Janaraal Gazaa'ii Abarraa mana keessatti magaalaa Finfinneetti raawwatameen ajjeefameera jedhamee kan shakkammee eegduun janaraalichaas eenyummaansaa ifa taasifameera.

Haaluma kanaanis Hunmi Waloo kun ibsa isaatiin ajajaa kudhanii Masaafint Xigaabuu Makonnin janaraaloota lamaan ajjeessun shakkamuu ibsameera. Erga ajjeechicha raawwateen booda rukutamuun to'annoo jala oolfamuus himeera.

Walitti hidhama ajjeechaa magaalaa Baahirdaarii fi Finfinneetti raawwatame jiduu jirus gadi fageenyaan qorataa jirras jedheera.

Garee waloo haalicha ilaalchisuun ibsi kenne kunis Humna Ittisa Biyyaa, Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa, Tajaajilawwan Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa akkasumas Poolisii Federaalaa irraa kan walitti babba'an ta'u himameera.