Fiixee Baqqoo: Mandara Oromiyaa haleellaa abiddaan onte kanatti suuraan saatalaayitiirraa kaafame maal agarsiisa?

Suuraalee saatalaayitii magaalaa Fixiibaqqoo fi naannawashee agarsiisu, Amajjii 16, 25 fi 28, 2022 kahe

Madda suuraa, Planet Labs PBC

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraalee saatalaayitii magaalaa Fixiibaqqoo (kan diimaan marfamte) fi naannawashee agarsiisu, Amajjii 16, 25 fi 28, 2022 kahe
    • Barreessaa, Elias Hordofa
    • Gahee, BBC Afaan Oromoo

Ta'iin guyyaa Wiixataa Amajjii 24 bara 2022 ganda baadiyyaa namoonni muraasni keessa jiraatan kanatti raawwate, ollaa kanaafi jireenya jiraattotaa guddoo jijjiire.

Gaaf sana guyyaa keessaa naannoo sa'aa 11'tti dargaggoonni hidhatan gareen gurmaa'anii gara ganda Fiixee Baqqoo jedhamtu fi Lixa Oromiyaatti argamtu galuun dhukaasa banan, manneenitti ibidda qabsiisuu eegalan.

Uummanni gaafas lubbuusaa oolchuuf baqatee faffaca'e, haga ammaatti qe'eetti hin deebine - lubbuun namootaas dabruun gabaafameera.

Kuni kan tahe Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Limmuu Galiilaa, ganda Fiixee Baqqoo [Fixibaqqoo] jedhamtutti.

Jiraattota mannisaanii jalaa gubateefi buqqa'anii jiran, suuraalee fi viidiyoowwan BBCf qoodaman, akkasumas suuraaleen saatalaayitii gubbaa kaafaman argannerraa tahii guyyaa saniifi guyyoota biroo raawwate mirkaneessuu dandeenyeerra.

line

Jiraattonni Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessa jiraatan qaamoleen hidhatanii socho'an adda addaa sadiin manni, midhaaniifi qabeenyi irraa gubachaa jiraachuu irra deddeebiin himatu. BBC'n odeessaalee kana himan yeroo garagaraatti gabaasaa tureera.

Jiraattonni dubbisne hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo-WBO kan mootummaan ABO-Shanee jedhee shororkeessummaan farraje, hidhattoota Faannoo kan naannoo Amaaraa irraa leenjiifi hidhannoo waraanaan Oromiyaa keessa socho'aniifi qaamolee nageenyaa mootummaan rakkoo irra gahu himatu.

Suuraalee viidiyoo waraabamerraa kaafaman
Ibsa waa'ee suuraa, Manneen jireenyaa ganda Fiixee Baqqootti hidhattootaan gubatan

Fiixee Baqqootti maaltu tahe?

Jiraataan ganna 55 Obboo Guutaa [nageenyaaf maqaan jijjiirame] magaalattii keessatti dhalatanii kan guddataniifi ammatti achii baqatanii dahoo keessa maatii isaanii saddeet wajjin jiran, waan guyyaa sana tahe akkanaan himu.

''Meeshaa gurguddaa kan hidhatanidha. Alaabaa warra Ginbot 7 jedhamu sana qabu. Warri ulee baatan ulee isaanitti maratanii, warri kaan addatti hidhataniitu kan isaan arreedan (fiigan).''

Akka maanguddoon taateen kun wayita raawwatu ijaan argeera jedhan kun himanitti, hidhattoonni 'Amaaraa' kunniin galgala sa'aatii 11tti kan achi gahan, hanga sa'aa 3tti haleellaa raawwachaa turan jedhu.

''Amma sa'aatii sadiitti achi keessatti deddeebi'anii sirbaa turanii, halkan bahan. Waan guban gubanii, waan fudhatan fudhatanii [deeman]... waan isaanitti tole fudhatanii, isa hafemmoo qottoodhaan faffalaxanii, televijinii diida baasanii, mi'a mana sagadaa jiru gadi guran... Isa gubate gubanii, isa gubachuu dide ammoo caccabsanii sa'aatii sadii keessa bahan.''

Maanguddoon kun dhuunfaatti manni isaanii jalaa gubachuu fi qabeenyaan 'hangana hin jedhamne' jalaa barbadaa'uus himan.

''Boqqolloo hektaara sadii tahu kan sassaabame achumatti gubate. Manakoo jalaa motora fudhatan. Mannikoo mi'a manaa guutuu wajjiin gubate. Lubbuudhumaan baanekaa...''

Suuraa viidiyoorraa walitti darame
Ibsa waa'ee suuraa, Viidiyoon achitti waraabameefi BBCf ergame akka mul'isutti manneen gariin gubatanii mul'atu

Suuraan saatalaayitaa maal mul'isa?

Dhiyeenya kana bulchiinsa magaalaa tahuunshee kan himamu Fiixee Baqqoon, qonnaan beekamti. Laftishees qonnaaf mijataa kan taheefi oomishni kanneen akka boqqolloo, boloqqee, fi lawuziin fa'i bal'inaan itti oomishamu.

Gaafa taateen kun yeroo jalqabaaf dhuma Amajjii keessa mudatutti, oomishni gariin oyruurra ture, kaan ammoo sassaabamee tuulameera.

Obboo Guutaan ''oyiruuma irratti otoo boqqolloonsaa hin cabiin, gara investara shaniitu jalaa gubate. Hektaara 300fi 400 ol kan qaban tokkoo tokkoon isaanii akkuma jirutti gubate,'' jedhu.

Suuraan saatalaayitii dhaabbata Planet Labs jedhamu irraa argannes kanuma mirkaneessa. Suuraaleen sadan arganne kun kan qulqullina olaanaan guyyoota Amajjii 16, 25 fi 28, 2022 ALA kahanidha [ALI'tti ammoo Amajjii 8, 17 fi 20, 2014 jechuudha].

Kan Amajjii 16 irratti kaafame, magaalaa Fixibaqqoo kan oomisha qonnaan marfamtee jirtuufi suuraalee yeroo kaanirraa adda hin taane mul'isa - lafa gubate muraasa ganda gama bitaan jiruun alatti.

Suuraa saatalaayitii magaalaa Fixiibaqqoo fi naannawashee agarsiisu, Amajjii 16, 2022 kahe

Madda suuraa, Planet Labs PBC

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa saatalaayitii magaalaa Fixiibaqqoo fi naannawashee agarsiisu, Amajjii 16, 2022 kahe

Akka jiraattotarraa odeeffanneetti, akkasumas suuraalee fi maxxansaaleen miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanfamanifi suuraan saatalaayitii akka agarsiisutti haleellaan manneeniifi qonnarratti ibidda qabsiisuu inni hamaan kan raawwate guyyaa Wiixataa - Amajjii 24 yookaan A.L.I bultii 16 irra ture.

Suuraan ittaanee arganne, borumtaasaa gubbaarraa saatalaayitii achirraan darbuun kan kaafame - innis Amajjii 25 ture. Suuraa kanaan magaalaan badiyyaa kuniifi naannofni ishee gurraacha'ee, gubatee mul'ata. Inumaa wayita aarri gara waaqaatti ol aaru kaafamuu danda'eera.

Gubaatiin inni hamaafi guutummaatti ganda kanaafi naannawashee mancaase kan mul'atu suuraa bultii 28 kaheen. Lubbuun namaa, manneen hedduufi oomishni hektaara dhibba hedduutti lakka'amu manca'eera.

Suuraa saatalaayitii magaalaa Fixiibaqqoo fi naannawashee agarsiisu, Amajjii 25, 2022 kahe

Madda suuraa, Planet Labs PBC

Ibsa waa'ee suuraa, Gama bitaan aaratu mul'ata - Suuraa saatalaayitii magaalaa Fixii Baqqoo fi naannawashee agarsiisu, Amajjii 25, 2022 kahe

Suuraan armaan gadii kunniin ammoo mala ittiin mirkaneeffanne biraa agarsiisa - suuraa/viidiyoo nuuf ergameefi waan kaartaarraa mul'atu wal simsiisuun, akkasumas jiraattota magaalaa sana beekanirraa gargaarsa gaafachuun dhugumatti wanti kun iddoo kanatti raawwachuu mirkaneeffanneerra.

Viidiyoo manneen abiddaan barbadaa'an agarsiisu BBCf ergamerraa suuraalee fudhchuun, haala teessuma lafaa Google Earth waliin wal-simsiisuun manneen abiddaan gubatanii barbadaa'an kunneen magaalaa Fixibaqqoo keessa ta'uu mirkaneessuu dandeenyee jirra.

Suuraa jalqabaa kanaa gaditti mula'tu kanaan iddoowwaniifi agarsiiftuuwwan sadii haalluu garagaraan itti marsine, teessuma lafaa Google Earth gubbaa jiruun walsimsiisuu dandeenyeerra. Suuraan Google kun erga kahe kan ture tahus, waan lafarra jiruun walitti duuda.

Kana qofaan hin dhiisne, suuraa kanaa gadi lammaffaa jiruufi kan taatee kanaan booda kaafameenis wal simsiisuu dandeenyeerra. Manneen fuulduratti mul'atan, daandii qal'oo gara keessaa maqxuufi daandiin guddaan magaalattii keessa qaxxaamuree dabru gara bitaatti maquu isaatiin dhuguma suuraan kun bakka kanatti kahe jennee akka amannu godheera.

Viidiyoo achitti waraabameefi suuraa saatalaayitii duraanii

Madda suuraa, BBC/Google Earth

Viidiyoo achitti waraabameefi suuraa saatalaayitii haaraa

Madda suuraa, BBC/Planet Labs PBC

'Hidhattoonni' kun maal barbaadu?

Maanguddoon kun akka jedhanitti gareen hidhattootaa kun gaaffiin isaanii ''laficha gadhiisnee akka baanuufi,'' kan jedhu tahuu himu.

'''Biyyi kun biyya keenyadha. [Gammoojjii] kana nuu gadhiisaa. Naannoo Guttin/Angar Guutee kana qabatee, Ukkee, Gidda kanaa gaditti kan Amaaraadha,' nuun jedhan.'' Akkuma godinni addaa Naannoo Amaaraa keessa jiru, asittis godina addaa Amaaraa akka jedhamu barbaadu jedhan maanguddoon kun.

Dabalataan ammoo dhimmi waldhibdee biraa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO-Shanee ittiin jedhuun kan walqabatu akka tahes ni himu.

''Shaneen as keessa deddeebi'ee rakkoo nurraan gahaa jira. Isaan barbaanna, isintu jiraachisa,'' nuun jedhan.

Jiraattonni saba Amaaraa naannoolee Oromiyaa bakka garaa garaatti argaman gama isaanitiin, yeroo garaagaraatti garee hidhattootaa 'Shanee' jedhamaniin haleellaan akka irratti raawwatu himatu.

Hidhattoonni aanga'ootni mootummaa 'fiinxaleeyyii Amaaraa' jechuun waaman ammoo kana haaloo bahuuf akka namoota nagaa irratti haleellaa raawwatan qondaaltoonni mootummaa fi jiraattonni ni dubbatu.

Qaami hidhate kun caasaa itti waamamu argachuun waan dhibeef yaada gamas jiru odeessa kana keessatti dabaluun hin danda'amne.

Himannaawwan jiraattoonni naannoo Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti sababa lola WBO fi mootummaa akkasumas hidhattoota Amaaraa gidduutti deemuun irra gahaa jiraachuu himatan kanaaf, sadarkaa naannichaatti deebii argachuuf yaaliiwwan taasifne hin milkoofne.

Jiraattonni ammatti maalirra jiru?

Ammatti magaalaan Fixibaqqoo oontee jirti. Erga haleellaan kun jalqaba ji'a Amajjii keessaa raawwateen booda, ergasiis marroo biraan haleellaan kaan raawwatamaniiru.

Namni gaafas buqqa'e qe'eetti hin deebine. Iddoowwan garagaraatti faca'anii dahoo keessa jiru - kaan fira qabutti siqee, kaan ammoo dahoowwan qophaa'an kanneen akka mana barumsaatti galaniiru.

Obboo Guutaanis tahe namni nuti dubbisne biraan, erga haleellaan kun raawwatee ji'oonni taranis fala hin arganne jedhu.

''Deeggarsi arganne waa tokko hinjiru. 'Warri manni isin jalaa gubate maqaa keessan galmeessaa' nuun jedhanii turan. Hooggantoonnis baqatanii iddoo biraa jiru waan taheef, bilbillee maqaa laanne. Haga ammaatti waan tokko... sagalee mootummaa tokko hin dhageenye,'' jechuun Obboo Guutaan komatu.

Maanguddoon kun dabaluun yeroon ammaa kun waqtii qonnaati jechuun, deemaniillee lafasaanii qotachuu akka hin dandeenye himu.

''Naannoo keenyatti amma bokkaan roobuu jalqabeera. Dhokannee deemnee laga keessa [qotanna] jennaan, isaan arreedanii nama hari'u. 'Deebitanii lafa kana hin qottani. Waanta akkasii yaada keessan keessaa baasaa...' jedhanii ifatti dubbachaa jiru.''

Abbaan ijoolleesaanii wajjiin baqatanii jiran kun, gara fuuladuraafis yaaddoo guddaa akka qaban himu.

''Nuunoo bitaa nutti gale, waan yaadnuyyuu in wallaalle... kan itti himannus hinqabnu... malasaa wallaalle,'' jechuun gadda guddaan dubbatu.

Taateewwan manneen gubachuu, qabeenyi barbadaa'uufi lubbuun namaa darbuu kan Fixibaqqoo callaa miti, waggoota dhiyoon asitti haleellaawwan hammeenyaa akkasii, iddoowwan biyyattii garagaraatti qaamolee garagaraan raawwatamaa jiraachuu ragaaleen ni mul'isu.