Aanaa Noonnoo: Haleellaa hidhattootaan lubbuun namaa darbe, manneen 40 ol gubatan

Mana gubate

Madda suuraa, Komunikeeshinii Aanaa Noonnoo Silk-Aambaa

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti haleellaa hidhattoonni raawwataniin lubbuun namootaa baduu fi manneen jireenyaa qonnaan bultoota 40 ol fi beeladoon gubachuu waajjirri Komunikeeshinii Aanichaa beeksiise.

Haleellaa A.L.I Ebla 02, 2014 gandoota Aanichaa Alii Aboo Saree fi Huleegeetaa Karrayyu jedhamanitti raawwatame kmanneen jireenyaa qonnaan bulaa 46, beeyladooti mana keessa turan gutummaatti barbadaa'u Waajjiri kominikeshiinii kun himeera.

Dabalataan ammoo Ebla 04,2014 Godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti finxaaleyyiin Amaaraa miidhaa lubbuu fi qabeenyarraan gahaa jirachuu Obbo Alamaayyoo Warquu bulchaan Aanaa Noonnoo waabeefachuun waajirichi beeksiiseera.

Haleellaa walfakkaataa hidhattoota 'fiinxaleeyyii Amaaraatu' ABO Shaneen miidhaa nurraa gahaniiru jechuun halkan dahoo godhatanii A.L.I Bitootessa 27 bara 2014 raawwatanis aanichatti ganda Hurrumuu Qorkeetti maatii tokko keessa namoonni afur yoo ajjeefaman, namoonni 6 biroo ammoo madaa'uus Waajjirri Komunikeeshinii Aanicha gabaasa fuula feesbuukii isaarratti baaseen.

Kanaan duras dhuma baatii Sadaasaa keessaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo gandoota shanitti haleellaa walfakkaataa raawwateen namoonni ajjeefamuu BBC jiraattootaafi buulchan aanichaa Obbo Waarqinaa Furgaasaa dubbisuun gabaasuun keenya ni yaadatama.

Jiraatoonni saba Amaaraa naannoolee Oromiyaa bakka garaa garaatti argaman gama isaanitiin yeroo garaagaraatti hidhattoota garee 'Shanee' jedhamaniin haleellaan akka irratti raawwatatu kan himatan yoo ta'u, kana haaloo bahuuf akka namoota nagaa irratti haleellaa raawwatan qondaaltoonni motummaa fi jiraattoonni ni diubbatu.

Taatee tibbanaatiin walqabatees namootni yakkicha raawwachuun shakkaman torba to'annoo jala kan oolfamuu fi kanneen hafan barbaadamaa jiraachuu Waajjirri Komunikeeshinii Aanichaa himeera.

Qonnaan bulaan Aanichaa ganda Alii Aboo Saree BBC'n dubbise Obbo Duulaa Bayyuu manni isaanii akkasumas kan abbaa isaanii haleellaa Sanbata galgala raawwatameen jalaa gubachuu himu.

Waajjirri Komunikeeshinii Aanichaa manneen 46 gubachuu haa himu malee, qonnaan bulaan kun akka jedhanitti ganda isaanii qofaatti manneen gubatan 100 ol ta’u.

Haleellaa hidhattoonni raawwatan kanaan mana, beeyladootaa fi miidhaan isaanii jalaa gubachuu kan himan qonnaan bulaan kun, "harka duwwaan hafe" jedhu.

"Boqqolloo kuntaala 37, xaafii kuntaala 16, uffanni otoo hin hafiin mana koo faana gubate, lubbuukoo malee waantin qabu homtuu hin hafne," jedhan.

Manni, horii fi qabeenyi qonnaan bultoota ollaasaanii biroo horatan haaluma wal-fakkatuun Sambata darbe galgala naannoo sa’aatii tokkootti hidhattootaan jalaa gubachuu himu Obbo Duulaa Bayyuu.

"Namoonni horii, miidhaanii fi manni isaanii gubatee bakkeetti hafan," jedhan haala ture wayita ibsan.

Gaafa sana haatii isaanii balaa qe’eesaaniirra qaqqabe jalaa lubbuun ooluuf otoo baqatanii kufanii miidhama qaamaaf saaxilamuu kan himan Obbo Duulaan, hospitaala Walisootti wal’aansarra akka jiran dubbatu.

Horii mana keessatti abiddaan gubatan

Madda suuraa, Komunikeeshinii Aanaa Noonnoo Silk-Aambaa

Ibsa waa'ee suuraa, Horiin qonnaan bultootaa mana keessatti abiddaan gubataniiru

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa hidhattoota miidhaa namaafi qabeenyarraan qaqqabsiisuun shakkaman torba hangaa yoonatti to’atamuu gaazexaa motummaan kan ta'e Bariisaatti himaniiru.

Hidhattoonni kun aanaa Ammayyaarra gara Aanaa Noonnootti ce’uuni haleellaa kana raawwatani jedhu.

Qonnaan bulaan manni jalaa gubate maal jedhu?

Obbo Duulaan akka jedhanitti, Jimaata darbe A.L.I Eebla 01 bara 2014 jalqaba manneen jireenyaa dhalattoota saba Amaaraa Aanicha keessa jiraatanitu gubate.

Eenyu mana isaanii akka jalaa gube akka hin beekne kan himan qonnaan bulaan kun "manneen jireenya 6 gubachuu argeera" jedhu.

Namoota manni isaanii jalaa gubate dhaqanii jajjabeessuufi miidhaa isaanirra gahetti gadda isaanii akka ibsaafii turanillee himu.

Guyyaa itti-aanu hidhattoonni sabaan Amaara ta'an dhukaasa eegalani jedhu Obbo Duulaan. Namoota dhukaasa banan keessa, kanneen naannicha waliin jiraatanillee akka turan dubbatu, "kaan isaanii iddoo biraatii konkolaataan gara sanatti dhufan" jedhan.

"Galgala sana jalqaba manneen halaala jiranitti ibiddi qabachuu arginee, otoon manatti hin deebi’iin boroorraan dhukaasa nurratti banan, achumaan baqanne" jedhan.

Midhaan tuullaa gubate

Madda suuraa, Komunikeeshinii Aanaa Noonnoo Silk-Aambaa

Ibsa waa'ee suuraa, Midhaan tuullaa gubate

Jiraatan dubbisne kun ''qawween waan nurraa funaanameef ofirraa dhorku akka hin dandeenye'' jedhan.

Bara darbe yeroo haleellaan walfakkaataan aanichatti qaqqabee ture, bulchaa aanichaa kan turan Obbo Warqinaa Furgaasaa qawween harka hidhattoota Shanee akka hin seenneef funaaname jedhanii turan.

Aanaa Noonnoo keessatti haleellaan hidhattootaan raawwatamu irra deddeebiin kan mudachaa jiru yoo ta'u, dhalattoonni saba Amaaraa Aanichaa fi Aanaalee ollaa keessa jiraatan Waraanni Bilisummaa Oromoo kan isaan 'Shanee' jechuun waaman haleellaa irratti raawwachuu himatu.

Hidhattoonni sabaan Amaara ta'an wal gurmeessuun tarkaanfii haaloo ba’iinsaa fudhataniin lubbuun namoota hedduu yoo darbu, manneen jireenyaa dabalatee, qabeenyi qonnaan bultootaa manca'eera.

Haleellaa tibbana raawwatame kanaan Abbootiin Warraa 35 dawoo malee hafuu kan himu bulchiinsi Aanaa Noonnoo, namootni kunneen gargaarsa akka argatan koree ijaaree hojjechaa akka jiru beeksiseera.