'Qabeenyi koo battala tokkotti daaraa ta'uun abdii koo dukkaneesse'-Shamarree biyya Arabaa kan qe'een maatii gubate

Suuraa Mastuu fi mana gubate

Madda suuraa, Mastuu Mitikkuu

Ibsa waa'ee suuraa, Qabeenya gubate keessaa tokko mana shamarree Mastuu Mitikkuu ijaarsistedha

Kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti manneen jiraattotaa fi qabeenyi, loltoota mootummaa dabalatee qaamolee hidhatanii socho'aniin gubataa jira.

Rakkoon akkasii Godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallaaggaa Bahaatti akka heddummatu qondaaltoota mootummaafi jiraattoota dubbifnee gabaasuun keenya ni yaatama.

Biyya Dubaay kan jirtu shamarree Mastuu Mitikkuu qe'een maatiif ijaartee fi qabeenyi isheen biyyatti ergatte battala tokkotti jalaa gubamuun akka abdiishee dukkaneesse himte.

Godina Horroo Guduruu Aanaa Jimmaa Gannatii keessatti kan dhalatte shamarree Mastuu Mitikkuu, balaan kun maatiishee mudachu himti.

Imala godaansaa, kaayyoo ganamaa...

Maatii harka qalleeyyii keessatti waan dhalatteef akka hiriyootashee carraa argattee yerooshee daree barnootaatti dabarsuu hin dandeenye.

Wayita hiriyoonnishee dareetti carraa barnootaa dhandhaman isheen ammoo umurii ijoollummaan haala jiruu maatiishee dhiphatti.

Umuriishee waggaa 13tti gara biyya Arabaatti imaluuf kan murteessiteefis kanumaafi.

Maatii homaa harkaa hin qabne irraa dhalattee dallaalaaf maallaqa ittiin deemtu kaffaluurraa qormaati ishee eegaluu himte.

''Dallaalaaf waanan kaffalu argachuuf baayyeen dhiphadhe. Ta'us itti cicheen waggaa sagal dura Dubaay seene,'' jechuun rakkoon jalqabarraa ishee duukaa jiraachuu himte.

Wayita achi geessu ammoo warri isheen bira deemte [Araboonni] daa'ima jechuun waajjiratti akka ishee deebisanii fi tattaaffii yeroo dheeraa fudhateen booda hojii eegaluu dubbatti Mastuun.

Jiruushee keessatti qormaati hedduun ishee mudatus kaayyoo jiruu maatiishee jijjiiruuf hedattetti cichuun rakkoo dagattee hojiisheetti xiyyeeffatti.

''Waanin yoomiyyuu hin daganne keessaa gara jalqabaa wayitan Dubaay seene akkaan na dhukkubee ture. Araboonni an biraa hojjedhu mana yaalaa na geessuu didan. Shayee qofa dhugi ni fayyitaa jedhanii natti qoosan,'' jechuun mudannoo hin daganne himte.

Mastuun rakkoo qofa osoo hin taane bu'aa ba'iin jireenyaa barnoota guddaa akka isheef kennes dubbatti.

''Osoo namoonni dandeessee hojii hin hojjettu naan jedhanii akkan hojjechuu danda'u agarsiiseera. Kutannoo fi ofitti amanamummaan akka barbaachisu hubadheera.''

''Ofii kiyyaas guddadhee qabeenya horadhee, maatii kiyyas rakkoo keessaa baasee wayitan argu baayyeen gammada. Namoonni umrii kiyya ilaalanii hojii hin dandeessu naan jechaa turanillee deebi'anii na hawwan. Kun muuxannoo baayyee na gammachiisuudha,'' jechuun barnoota mana barumsaa caalaaa jiruusheerraa hedduu akka baratte himte.

Shamarree Mastuu Mitikkuu kaayyooshee ganamaa fi galmashee galgalaa walsimsiisuuf yeroo haala abdachiisaa keessa jirtutti taateen abdii kutachiise ishee mudachuu dubbatti.

''Kaayyoon kiyya ganamaa jiruu maatii kiyyaa jijjiiruuf qabadhee waggaa sagal dura ka'e wayita naaf milkaa'uutti jirutti hunduu na jalaa fashalaa'e. Qabeenyi an horadhe hidhattootaa battalatti daaraa na jalaa ta'e,'' jechuun gadda guddaa keessa seentee dubbatti.

Hidhattoota kanneen ishee humnootii motummaatti haa jettu malee BBC garuu kana addatti hin mirkaneeffanne.

Maaltu mudate?

Maatiinshee qonnaan bultoota harka qalleeyyii hojii qonnaa fi loon horsiisuun waan argataniin jiruusaanii gaggeeffataniidha.

Tattaaffii shamarree Mastuun garuu jiruu fi jireenyi maatiishee jijjiirameera.

Mastuun biyya Arabaatii kan hojjetaa turte qofaashee miti, obboleettiinshee quxiuus waggaa shan ishee waliin turteetti.

Kophaashee hojjettee jiruu maatiishee jijjiiruun wayita itti ulfaatu obboleettisheef haala mijeessitee ofitti waamtee waliin hojjechuun humna waliif ta'an.

Amma waan argatan gara maatiitti erguu eegalan, wayita humna horatanittis maatiif mana balbala afurii ijaaran.

Mana ijaaruu qofa osoo hin taane meeshaalee daldalaa fi mana keessaa hedduu Dubaay irraa fe'anii mana ijaaran keessatti kuufataa turan.

''Yoon humna godhadhe deebi'een biyya kiyya keessatti hojjedhee jijjiirama jedheen meeshaa daldalaa fi kaan ergataa ture. Humna kiyya waggaa sagalii biyyumattin ergadhe. Bara baraan biyya ormaatti ergamaa jiraachuu keessaa of baasuuf baayyeen carraaqaa ture,'' jette Mastuun.

Mastuu fi obboleettiinshee waan karoorfatan guuttachuun osoo gara biyyaa deebi'anii hojjetachuuf qophaa'aa jiranii manni ijaaranii fi qabeenyi isaanii hundi hidhattoota mootummaan duraa gubachuu dhagahan.

Akka shamarreen kun jettutti qaamoleen nageenyaa mootummaa yeroo garaagaraatti abbaashee Obbo Mitikkuu 'shaneedha' jechuun hordofaa turan.

Harmeeshee fi obbolootashees rakkisaa turuu kan himtu shamarreen kun, inumaa kanaan dura harmeeshee qabanii birrii 100,000 kaffaltee akka baasiste dubbatte.

Godinaalee Horroo Guduruu fi Wallaggaa Bahaa keessa hidhattoonni socho'an [kan eenyuu akka ta'an adda baasuun rakkisaa ta'us] nama ugguranii yookiin hidhanii birrii gaafachuun dhiyeenya kana baramaa dhufuu BBC odeeffateera.

Mootummaan rakkoo godinaalee kanneenitti mudatuuf finxaaleyyii Amaaraa, Waraana Bilisummaa Oromoo 'shanee' jechuun waamu fi hidhattoota Beenishaangul irraa dhufan himata.

Uummanni ammoo hidhattoota mootummaa dabalatee hidhattoota eeraman hundaan dararamaa jiraachuu himata.

''Humni koo waggaa sagalii battala tokkotti daaraa ta'e''

ALI Bitootessa 17, 2014 hidhattoonni mootummaa 'shanee' barbaanna jechuun qe'ee maatiishee Aanaa Jimmaa Gannatii Ganda Gaamoo Nagaroo keessatti argamu erga seenanii booda abbaashee manaa dhabanii qe'ee fi qabeenya hunda barbadeessanii akka deeman himte Mastuun.

Himannaa humnootii motummaa irratti ka'u irratti deebii argachuuf yaaliin qaamoolee motummaa Oromiyaa sadarkaa adda addaarratti argaman dubbiisuuf taasifne nuuf hin milkoofne.

''Mana seenanii erga midhaan nyaatanii booda harmee kootiin shaneen fi abbaankoo eessa akka jiran gaafatan. Bakka hojii akka jiru itti himte. Isaan garuu manatti boba'aa firfirsuun qe'ee gubanii deeman. Mukeen fi atikiltiin qe'ee keessaa qabeenyaa fi mana waliin daaraa ta'e,'' jetti.

Kanaafuu ammaa miseensonni maatiishee faffaca'anii akka jiran himti.

''Abbaa koo erga guyyaa sanaa eessa akk jiru hin beeknu. Haati kiyya waan reebamteef hospitaalatti gilookosiidhaan jiraatti. Namni ishee yaalsisus bira hin jiru. Obboloonni kiyya bakka qubatan dhabanii rakkataa jiru,'' jechuun haala maatiishee ibsiti.

Haaluma walfakkaatunis baruma kana keessa godinaalee Oromiyaa akka Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaafi Wallagga Bahaa keessatti qonnaan bultoota mannii fi qabeenyi isaanii hidhattoota WBO kan mootummaan ABO-Shanee jedhuun, hidhattoota Faannoo kan naannoo Amaaraa irraa dhufuun Oromiyaa keessa socho'aniifi qaamolee nageenyaa mootummaan jalaa gubate jedhan dubbisuun gabaasuun keen ni yaadatama.

''Battala tokkotti abdiin koo dukkanaa'e''

Obboleettiishee waliin ta'uun qabeenyi isaan horatan abdii kenneefii akka ture kann himtu shamarree Mastuu Mitikkuu, ''Qabeenyi umurii ijoollummaa keenyaan horanne battala tokkotti wayita daaraa ta'u abdii keenya dukkaneesseera, jette.

''Nuti akka namoota kaanii qarshii asitti hin qusanne. Maatii keenya biratti deebinee biyya keenya keessatti hojjetachuuf kaayyoo waan qabnuuf biyyumatti ergachaa turre. Battala tokkotti bakkan waggaa sagal dura ture, zeerootti na deebisan.''

Akka shamarreen kun jettutti wayita isheen biyyaa baatu yoo xiqqaate maatiinshee mana keessa jiraatan baadiyyaadhaa qabu, amma garuu homaa hin qaban.

Himannaa humnootii motummaa irratti jiraattootaan ka'u kanaaf qaamni motummaa deebii nu kennuu yoo argamneetti kan keessumeessinu ta'a.