Mucaa kadhattoota qaroo dhabeeyyii ta'an akka karaa agarsiisuuf butame

Illustration showing Samuel Abdulraheem as a boy guiding a blind beggar

Madda suuraa, Alamy

Saamu'eel Abdulraahem umurii waggaa torbaatti bakka taphatuu butamee fudhatame. Guyyaa sanas biyya nagaadha jedhee mana warrasaa Naajeriyaa magaalaa Kaanootti argamuutti bishikilitii ofuun taphataa ture.

Abaan Saamu'eel haadha warraa afur irraa ijoollee 17 kan qaban yoo ta'u, inni garuu guyyaa sana guddiftu isaa waliin qofaa ture.

Xabatee deebii'ee dhufa jedhamee eegamus, waggoota jahaaf bakka buuteensaa dhabame.

Barbaacha:

''Bakka inni jiru arguuf wanti nuti hin raawwatnii hinturre'' jetti oboleettinsaa angafni Firda'us Okese.

Jalqaba akkuma obboleessi ishee badeen itti hin himamne ture. Wayita isheen yuunvarsitii irraa manatti bilbiltu isa dure jalqaba kaasuun kan itti aasa'aa ture. Innis kana baayyee jaalata ture.

Garuu wayita deddeebiin bilbileetti miseensi maatii gara biraa bilbila kaasun isaanii shakkii wayii itti ume. Dareen booda guyyaa tokkoos Firdaa'us osoo eenyuttu hinhimiin gara mana warrashee galte. Achiinis abbaanshee dhugaa gaddisiisaa waa'ee dabuu obbolossa ishee itti himan.

Oboollee ishee jaalatamaan erga bade ji'a tokko guteera.

Samuel Abdulraheem and his mother when he was a toddler

Madda suuraa, Abdulraheem family

Ibsa waa'ee suuraa, Saamu'eel osoo hin badiin dura haadha isaa waliin kan ka'an yoo ta'u erga badeen booda dafee itti hin himamne ture.

"Jalqaba irratti, abbaan koo guddiftuun akka hidhamtu taasisee ture. Garuu qorannoon booda gadhiifamte,'' jetti Firda'us.

Haati Saamu'e abbaa Saamu'eliin wal hiikanii waan turaniif, baduun mucaashee dafee akka itti hin himamne yaalame ture. Wayita bilbiltu hundaa sababa garaa garaa kennuuf turan maaliif Saamu'el akka hindubbifneef.

Booda garuu, eessumni akka waan hinollee itti himu taasifame.

Qorannoo cimaa polisitiin alattis, maatiin gaazexaatti beeksiisa baasuun akkasumas namoota barbaadan bakka garaa garaatti erganii turan.Warra waa beekulleen gaafataniiru. Garuu Saamu'el argachu hun dandeenye

Yeroon boodas abbaan maatiin akka du'usaa amanuun hirmii baafatu gaafatanii hundu bo'eefi.

Iyya obboleettii

Firda'usi garuu fudhachu didde. Waraqaa qorannoo yuunvarsitii ishees obboleessa ishee badeen moggaasfte. Heebbifamtee waggaa tokko booda gara Kibba Leegosiitti hojii barbaachaaf imalte.

Booda keessas Kirisitaana waan taateef waldaa wangeelaa 'Winners Chapel' jedhamuuf Naajeriyaa keessatti waldaalee guddaa jedhaman keessaa tokkotti hirmaachu eegalte.

Illustration showing Firdausi Okezie recognising her brother

Bara hunda baatii Muddee waldittiin walgahii guyyaa shanii kan hirmaattoonni addunyaa mara irraa dhufanii gaggeeffatti.

Qophii kanarrattis miseensoonni waldichaa barbaadan akka waan gurgurachu barbaadan agarsiifataniif dallaa keessatti eddoon ni kennamaafi.

Firda'us hanga bara 2000tti hojjii hinqabaannees, ufata aadaa haatiishee tolchite gurgurachuuf eddoon akka kennamuuf iyyatte. Bakkicha amaaxiin hanga hojjatuufittis teessee osoo eegataa jirtu ture, sagalee kadhataa 'maaloo waaqaaf jedhaatii nagargaaraa' jedhu dhaggeesse. Achi mil'attees.

Kadhatichis harkasaa cimsee saggee mucaa uffannaa tarsa'aafi surree gabaabdu offate tokko irra kaa'eeteera.

Firdaa'usi ol kaafte iyyite. Mucaan kadhataa ijaan hinagarree daandii agarsiisaa jiru obboleessa shee isa badeedha.

Mucaa butame

Saamu'el amma nama waggaa 30ti. Maatii isaa irraa attamiin akka butame amma sirriitti hinyaadatu. ''Wantiin yaadadhu baaburaan deemu kiyya qofaadha.''

Innis butamuun dubartii meeshaa dhidhattu fi qarqara Leegoos bakka kadhattoonni hirina qaamaa qaban itti heddumatan jiraattu tokkotti geeffame.

Dubartiittinis akka kadhataa ijaan hinagarree daandii agarsiisuuf guyyaatti neeraa 500 (doolaara 5)n kireessite.

Naajeeriyaa keessattis qaroo dhabeeyyiini ijoollee dhiiraafi shamarraniitiin daandii agarsiifaman daandiirra baayyeedha. Keessattu bakka konkolaataan itti baayyatuutti foddaa konkolaataa irraan ykn waldaafii masijiida irra deemuun kadhatu.

Dubartiittii waliinis Saamu'el qofaasaa guddoo keessa bula ture.

Yeroon booda ammo, ijoolleen dhiiraa shan kan biraa dallicha keessatti fidamuun qaro dhabeeyyiitti kireefamusaanii hima.

Saamu'elis yeroo sanatti akka waa'ee maatiisaa hinyaadneef wanti ta'e kennamuufi hinhojatamiin hinollee shakka.

Illustration showing a yard with blind beggars and their guides

''Yeroo sama miira qabaachu kiyya hinyaadadhu'' jedha. ''Anis robotii irribaa ka'uun kadhataa naanneesu qofan ture baqqaa. Qarshii funaanu, nyaata nyaachuun rafuu, kanuma hojiin koo yeroo hundaa.''

Jireenya garbaa

Kadhattoonni garaa garaas yeroo torbanii hanga ji'aatiif isa kireeffataniiru.

Dhuma guyyaa hundaattis, Saamu'eliifi kadhatichi wal cinaa bakkeewwan ummataa adda addaa bulaniiru.

''Akkuma garbaan ture'' jedha. ''Kanaafuu deemuun barbaada ykn kanan hojjachu barbaada jechu hindanda'u. yeroo hunda asuma ta'un qaba.''

Yeroon deemaa waan jiruuf, Saamu'el hiriiyoota muraasa horateera. Kanaafuu darbee darbee galgala ijoollee kadhattuu kan biraa waliin xabata.

"Yeroo baayyee nan beela'a. Guyyaa gutuu hajjachuun erga dadhabeen booda nyaataaf gadi teessa'' jedha.

"Kadhattoonni hamoodha jedhee hinyaadu. Isaani ni ka'u, daandiiwwan namoonni irra darbaniirratti kadhatu.''

Guyyaa guyyaanis Saamu'e kadhaataa waliin daangaa Leegos tokko kan biraa deemaa ola.

"Isaanis hanga danda'ameefiitti maallaqa hadduu argachuuf yaalu.''

Dinqiitu ta'e

Muddee 2000 kadhataanni daandii agarsiisu akka Waldaa 'Winners Chapter' bakka itti obboleessttiinsaa isa itti argatteetti sagantaa jiru dhagahe.

Jalqaba obboleettiin isaa yoo obbolessa ishe arguu harkaa qabachusheetti naatee turte.

''Lafarrattin kufe'' jetti.

Saamu'elis saggeen isaa gara mirgaa kadhaataa sanaan cimfamee qabamu hubate. Akka jecha tokko hin dubbanneef dhorkame. Haalichi obboleetiinsaa Firda'us imimaaniin akka dhiqamtu taasise.

"Yeroo natti fudhata malee naman ani bakka ta'eetti beekudha. Nama naan firoomtu wayitt taate,'' jedhee yaadu saa dubbata Saamu'el.

Lubni waldichaa Deevid Oyedepo Saamu'eel qabuun kadhannaa taasiseef

Madda suuraa, @davidoyedepoministries

Hirmaattoonni walidichaaf waan intalli obboleessa ishee waggootaaf jalaa bade arguun iyyiteef hubatan.

Achinis Saamu'el achi baasuun akka dhaqnasaa dhiqatu taasisan. Uffannaa haaraa erga kennameefiin boodas gara waltajjiitti baasuun kadhannaan taasifameef.

Obboleetiin isaas attamiin akka waggaa jaha dura badee turefi amma attamiin akka argattee itti hirmaattootatti himte.

Yeroo baqachuu

Firdoos obboleessa ishee barbachaaf jecha dhama'uun isheefi isaa baraaruu dhabuutti akka gaabite har'alleen dubbattee jirti.

Osoo inni hin baraariin dura daa'imni xiyyaan haaraan tokko dalicha keessatti fidamee akka ture Saamu'eel dubbata.

Jalqabarratti mucaan haaraa sun osoo adda hinkutiin booyaa ture. Akkuma tasaas ni calise, Kaanifi Saamu'el muciichaaf wanti ta'ekennamuuf akka hinollee shakka.

Samuel Abdulraheem Firdausi Okezie

Madda suuraa, Firdausi Okezie

Ibsa waa'ee suuraa, Saamu'el erga argameen booda waggaa lamaatti gaa'ila obboolettii isaarratti suuraa ka'e

Barataa

Barnoota idilee osoo hin argatiin waan tureef, waggaa jaha booda Saamu'eel barnoota hin qabu ture.

Firdoos xaarii mana barnootaa obboleessa isheetiif argachuuf goote hin milkoofnee. Namoonni hedduun barnoota sadarkaa tokkoof umuriin obboleessa ishee deeme dubbatu ture.

Abdii dhumaarra osoo jirtu, barsiisa mana barumsaa kan nama guyyaa kadhannaa sana waltajjii Waaldaarratti isaan arge argite.

Isaanis beekum Firdoos barumsa kophaa isaatti akka barsiisuun walii galan.

Samuel Abdulraheem

Madda suuraa, Samuel Abdulraheem

Ibsa waa'ee suuraa, Saamu'el Abdulraheem barnootaan cimaa ta'e

Turtii ji'a sadii keessatti Saamu'eel barnoota sadarkaa tokko keessatti kutaa tokkoffaa gara kutaa afraffaa ce'e. Waggaa keessatti immoo qormaata gara barnoota sadarkaa lammaffaa lufe.

Saamu'eel barnoota sadarkaa lammaffaa waggoota sadii qofa kan dabarse. Kunis yeroo umuriin isaa 17 tureti. Yeroo sanitti qormaata seensa yunivarsiitiif ofitti amaamummaa qaba ture.

Qormaata sanirrattis akka mana barumsichatti qabxii ol'aanaa galmeessisuun gara yunivarsiitii Ahamaduu Belloo kan Zaariyaa keessatti argamutti Keemikaala Inginaariingii barachuuf seene.

Turtiin mana barnoota isaa garuu itti fufuu hin dandeenye.

Yeroo inni abbaltii hojjachuun baratoota biroo gargaaruu bartoonni ni argu ture. Kunis waggaa afraffaarratti yeroo inni waaraqaa deebii barata tokkorratti deebii barreessu qabamuun mana barnootati ari'ame.

'Haloo hin qabanne'

Illustration showing Samuel Abdulraheem riding on a bike aged seven

Saamu'eel amma hojii ijaarsaa keessatti to'ataa ta'uun hojjata..

"Guyyaa tokko yoo mallaqaan of danda'e barnoota kootti deebi'u barbaada," jedha Saamu'eel. Dabalataan immoo dandeettii koompiitar waan qabuufi Koompiitar Saayinsiis barachuus barbaada.

Kana malees Saamu'eel waa'ee keessa darbeef haaloo omaa hinqabu. Waggoonni sun hundi akka namootaaf gaarii ta'u akka isa barbsiisan amana.

"Baroota sanas akka haala jireenyaa tokkoottiin ilaala. Haaloo hinqabadhu''

Yaadannoowwan beelaa keessa darbe garuu attamiin akka kadhattoota yaaduu fi daandii agarsiiftootaa itti hubatu baayyee geedareera. Gunkumaa maallaqa hinkennuuf amma.

''Maallaqa kennuufiirra nyaata yoo biteef jaaladha. Sababiinsaas duratti yeroosana nama maallaqa naa kennu irra isa nyaata naaf kennu wayya ture. Sababii maallaqichi kadhaataaf gala malee ana bira hindhufneefu..''

Saamu'elis seenaa isaa kana qooduudhaanis namoonni akka kadhattootaafi daa'imman daandii isaa agarsiisaniif xiyyeefannaa kennan abdata.

''Kanataa nama ta'e walinin yoo argan, daa'imtu sun gargaarsa akka barbaaddu yaadu qabaatu'' jedha Saamu'el. Kanaafuu ''Califtanii maallaqa kennuun bira hindarbiinaa.''