Daafii godaansaa: 'Ilmi isaanii na gudeedee ulfa ji’a jahaa waliin gara biyya kiyyaatti na ari’an'

Alam Kumaa

Madda suuraa, Sheger info

Yeroo garaa garaatti lammiileen Itoophiyaafi kaan hojiif gara biyyoota Arabaa imalan rakkoo fayyaa, hawaasummaafi diinagdeef ni saaxilamu. Kan dhaqanii lubbuu dhabaniis jiru.

Odeessi kun seenaa Shammarree Oromoo tokko kan sababa godaansaatiin kallattiin jireenya ishee jijjirameefi bu’aa bahii hedduu keessa darbitedha.

Seenaa ishee akka itti aanutti nutti himte.

Presentational grey line

Seenaa Ijoollummaafi diigamuu maatii…

Maqaan kiyya Alam Kumaati. Kanin dhaladhee guddadhe Shawaa Lixaa naannawa magaalaa Ambootti.

Yeroo ani ijoollee turedha abbaankoofi haatikoo wallolanii kan wal hiikan. Sana booda obboleessi kiyya hangafaa nabiratti baratta, natu siguddisa jedhee Finfinneetti nafudhate.

Gaafan gara Finfinnee dhufu umriin kiyyaa waggaa saddeet ture. Obboleessi kiyya kun haadha manaa qaba. Isaan bira waggaa lama akkuman taa’een haadha manaasaa tanaan waliigaluu dadhabne.

Isaan bira taa’ee barumsa jalqabee turus haalli manichaa natti ulfaachaa waan deemeef mana obboleessa kiyyaa kanaa bahee deemuufin murteesse.

Yeroo kana Finfinnee keessa mana obboleessa kiyyaa kanaan ala eessayyu, nama kamuu hin beekun ture. Wantin murteessee bahe garuu manichumaa deemuun qaba kan jedhu qofaadha.

Yeroo sana reefuun umrii waggaa kudhanii keessa seene. Uffata kiyya qabadhee calliseetuman boohaa aspaaltiirra deemaa ture malee garan deemus hin beekun ture.

Yeroo kana dubartiin tokko isan boo’aa deemu na argitee nadhaabdee nagaafatte. Ani garuu ishee amanuu hin dandeenye tarii waa nagochuufii laata jedhee sodaadheen dhiisee deeme. Isheen garuu nabiraa hin hafne.

Maal taate jettee nagaafatte. Ittan hime. San booda ‘Hin boo’in ani mana keenyattin sifudhadhee gala. Yoo barbaadde abbaafi haadhakoo bira teessee baratta. Yookan ammoo firakee siibarbaaadeen sigeessa’ naan jette.

Saan booda gara mana maatiisheetti nafudhattee galte.

Maatii haaraafi jireenya haaaraa…

Finfinnee naannoo Shiromeedaa jedhamuun beekamudha manni maatiishee. Yeroon mana isaanii gahu aabbaafi haadhasheetu jira ture. Isheen waan hunda isaanitti himtee maatiidhaan wal nabarsiifte.

Abbaafi haatishees baayyee gammadanii fuula ifaadhaan ture kan nasimatan. Lamaan isaaniituu namoota gurguddoofi nama isaan gargaarus waan hin qabneef hedduu gammadani.

Akka intala isaaniitti akka naguddisan, barumsaa kiyyas akka nabaarsiisan waadaa naaf galanii jireenya haaraa isaan biratti jalqabe.

Barumsa kiyya barachuun jalqabe. Yeroon barumsaa deebi’u ammoo abbaabbaafi immaammaan gargaara. Isaan akkuma abbaa kiyyaafi haadha kiyyaattin ilaala. Isaanis akkuma intala isaaniitti najaalatu turan.

Kutaa lamaa hanga saddeetii isaanuma bira taa’een baradhe. Booda mana barumsaatti dorgommii fiigichaatu ture. Isarratti dorgomeen mo’aadhe.

Fedhiin fiigichaa kun nakeessatti dabalaa waan deemeef shaakala jalqabeen booda mana barumsaarra daarbee kutaa maaagaala Gullallee bakka bu’een dorgomaa ture.

Osuman kanaan jiruu guyyaa tokko magaalaa Adaamaatti dorgommiin waan tureef isarratti hiirmaachuu deemeen gufadheen kufe. Lafee miila kiyyaarra miidhaan gahee baqaqsanii yaaludhaanin faayye.

Ergasii leenjisaan kiyya kana booda fiiguu akkan hin dandeenye waan natti himeef hawwiin karaa ispoortii fiigichaatiin qabaadhe karaatti hafe.

Imala gara biyya Arabaa…

Abdii kanan irratti godhadhee ture fiigicharraa adda bahuun baayyee na aarsee ture. Saniin alatti ammoo namootni naguddisan kunneen maanguddoota soorama bahan waan ta’aniif waanuma mana kireessan irraa argataniin nujiraachisu.

Kanaaf jecha maalifan isaanirrattis ba’aa taha? Biyya Arabaa deemee isaanis nan gargaara Ergasii as deebi’een barumsa kiyya ammoo bakkan dhaaberraa itti fufa jedheen murteesse.

Abbaabbaakoo mariisisee jennaan akkan barumsa baradhu fedhii qaba ture garuummoo erga deemu malee jettee deemi jedhee naaf heyyame. Kanin deeme Beeruut ture.

Beerut ergan gahee mana namaa hojjechuun jalqabe. Wagga saadiif haaluma gaariidhaan nagaanin hojjechaa ture. Maatiin bira taa’u sun homaan jedhan namuma gaarii turan.

Warri ani bira taa’u sun mucaa dargaggeessa qabu ture. Guyyaa tokko maatiin manaa deemnaan humnaan qabee nagudeede.

Waanti ta’e kana haadhaasaatti himachuufis nan sodaadhe. Yeroo isa wajjin waldhaansoorra ture kan namammadaa’e fuulakoorratti argitee nagaafattee ture isheen. Ani garuu nan dhokse.

Mucaan isaaanii kun ergasii manaa bahee badee gara biraa jiraachaa ture. Achumaan guyyaa tokko baayyee nadhukkube. Nahooqqisiisas ture. Hojjachiistuun kiyya mana yaalaan sigeessa naan jettee nafuutee deemte.

Bu’aan qorannoo mana yaalaa akkan ulfa ta’e ibsa ture. Hojjachiistuun kiyya tun hedduu rifaaaatte. Eenyurraa ulfoofte waardiyyaa karra eegurraayii naan jette? Itti himuma dideen callisee ture.

Boodarra isheen mudditee naqabnaan dhugaa jiru ittan hime. ‘Mucaa keetirraayin ulfaa’en’ jedheen. Isheen kana hin amanu jette.

Mucaan ishee kun manaa bahee gara biraa jiraachaa waan tureef bilbiltee waamtee gaafatte. Innis eeyyeen dhuguma jedhee amane.

Hojjachiistuun kiyya kun amma waan tokko gochuu qabda naan jette. ‘Gochi kun waan maqaa kiyyas kan ilma kiyyaas balleessu waan ta’eef mana yaalaa deemtee baasuu qabda’ naan jette.

Ani ammoo yoo barbaadde wajjumaan na ajjeesi yookan gara biyya kiyyaatti na ergi malee akkana hin godhu jedheetan dide. Mucaan ishiitis daa’imni kun haa dhalaatu nan guddisa jedheen.

Ergaasii yeroo firoonnishee dhufan akkan gadi hin baaane natti himtee ji’a ja’an guute.

Gaafa ji’a ja’a ta’uufi ulfikoos baayyee guddachaa deemu asitti dahuu hin qabdu kana booda gara biyya keetittan si erga naan jette. Boruma ganaman tikkeetii kuteen si erga jettee namuddite.

Erga akkas ta’ee si’a tokko bilbila nabilbilchiisi jedheeniin warra naaguddisan Abbaabbaa birattin bilbile. Rakkoon waan namuudateef boru gara biyyaa dhufuufin jedhan jedheen.

Abbabbaan baayyee rifate. Fayyuma ta’ii naaf koottu intalakoo buufata xiyyaaraatti si’eegeen sifudhadha naan jedhe.

Imala gara biyyaa ulfa ji’a jahaa wajjin…

Galgala yeroon Buufata Xiyyaara Boolee gahu Abbabbaan konkolaataa kireeffaatee na fudhachuuf dhufeera.

Buufata xiyyaaraa keessaa yeroon gadi bahu ogguma na argu ni rifate. Kan dur na dhungatu nadubbisuuyyuu didee lafa laale.

Osuma nan dubbisin konkolaaataa kireeffatee dhufe keessa seennee Shiromeedaa mana isaanii geenye.

Guyyaa sana Abbabbaan hedduu akka natti gaddetu natti dhagahame. Gaafa sana waan inni naan jedhe yoomiyyu hin dagadhu.

‘Ani kana miti kanan sirraa eegu. Ani kanan sirraa eegu akka ati guddattu, akka mana bitattu, akka konkolaataa bitattu. Ani akka ilmoo kiyyaatti siguddisee ati ilmoo baattee natti dhuftee na salphiste’ naan jedhe.

Manas geenyaan dallaneetuma na jibbe. Kanan booda mana kiyya dhiistee bahu nidandeessa naan jedhe. Hamma kana obboleessi kiyyas maatiin kiyyas jiraachuma kiyyayyuu namni beeku hin jiru.

Abbaan na guddise kun borumtumasaa manaa na ari’uu barbaadee ture, garuu Immaammaan, haati na guddiste ‘Haa teessu yoo xiqqaate hamma daa’ima kana deessutti nubira turtee sana booda baatee mana haa barbaaaddattu’ jettee naa falmite.

Booda warri ollaa keenyaafaan dhufanii biyya Araba yeroo deeman wanni akkanaa ni mudata, intala keessani sintu guddise eessatti ariitu jedhaniinii jennaan hangan dahutti akkan isaanuma bira turu naaf heeyyamani.

Maallaqni waggoota sadiif walakkaa hojjedhe…

Abbaafi haati kiyya isaanuma waan ta’eef ani yeroo mindaan kiyya bahu jaluma jalaanin isaanumatti ergaa ture. Abbabbaa akkuma abbaa kiyyaatti waanin ilaaluuf birrin ergu keessaa hamma ta’e itti fayyadamanii hamma ta’emmoo akka naaf olkaa’anin itti himaa ture.

Waanin qabu isaanumatti ergaa waanin tureef gaafan dhufu ani maallaqa homaa hin qabun ture.

Isaan maallaqan waggaa sadiif walakkaa isaaniif ergaa ture mana isaaniifaa ittiin haaroftan. Akkan ani yaade maallaqan ergerraa naaf ol hin keenye. Hundumasaa ofumasaaniitiif itti fayyadamaniiru.

Daa’imman lakkuun dahe…

Mooraa isaanii keessa kutaa tokko naaf kennanii hangan dahutti achi ture. Akka tasaa mooraa sana keessa kireeffatee kan galu hakiimni tokko nijira achuma mana keessatti yeroon dahu akka tasaa isatu nagargaare.

Ijoollee dhiiraa lakkuun dahe. Ergasii ji’a tokkoofi torbee lama yeroon guutu amma deesseertaa bakka barbaadde deemuu dandeessaa jedhanii mana isaaniitii nabaasan.

‘Kana booda ijakee arguu hin barbaadu bakka barbaadde deemuu nidandeessa’ naan jedhe namni ani akka abbaatti ilaaluufi maallaqa kiyya kan waggaa sadiif walakkaaa isaa ergaa ture.

Daa’imman lakkuu lama kan ji’a lamallee hin guutne qabadhee bakkan deemun wallaale. Lafatu naan mare guyyaasana.

Namni olla keenya jiraatuufi Kotobee hojjetu tokko waan jiruuf maqaa eessuma kiyyaa itti himeen naannoo sanaa akka naaf barbachisu godhe.

Booda karaa nama namaatiin eessuma kiyya kana bilbilaan argadheen waanin keessa darbeefi keessa jiru hundumaa ittan hime.

‘Alagaan yoo sigate ani dhiiga tiyya singatu daa’immankee qabadhuutii koottu yoo rakkannes wajjumaan raakkanna’ naan jedhe. Sammuunkoos boqonnaa argate.

Ijoolleekoo lakkuu qabadheen isa birattin gale. Sana booda isaan daa’ima kiyya naaf qabu animmoo guyyaa guyyaa mana naamaa deemeen uffata miicee daa’imman kiyyaaf daabboo bita.

Eessumni kiyya kun anaafi daa’imman kiyyaa kana baayyee gargaare. Yoon rakkadhe nawajjin rakkatu.

Gaafa isaan hin jirre ijoolleekoo lakkuu kana tokko fuulduratti tokkommoo duubatti baadheen lafa hojiifaa deema.

Namoonni yeroo na argan ‘hojjettuu Faranjii wayiiti’ naan jedhu. Kaan ammoo ‘osoo akkas taatuu biyya Arabaa kanatti xalaata keenya Gibtsirraa diqaalaa deesse, diina nutti guddisti’ naan jedhu. Hundumaa dhagaheetuman bira darba ani.

Ijoolleenkoo abbaa isaaniitti waan bahaniif lamaan isaaniituu bifan adiidha. Namootni tokko tokko ana qofa osoo hin taane daa’imman kiyyalleen waan hamilee tuqu natti dubbatu. Waggoota ja’aaf gidiraa hamaa keessa darbeen ijoolleekoo ammaan gahe.

Jireenyikoo hedduu gaddisiisaadha. Yeroon humna dhabee hamileenkoo nabu’u ijoolleekoo dhokadheen mana cufadheen boo’a. Waaqni maalif qorumsa kaana hunda keessa na oofe jedheen gadda.

Abbaan ijoollee kiyyaa wajjin qunnamtii hin qabnu. Ijoollee kootiif haatis abbaanis anuma. Amma garuu ijoolleenkoo guddachaa hammuma dhufan waa’ee abbaasaanii na gaafatu.

Eessumakoo kan amma isa bira dahannee jirru kanadha abbaan keessanin jedhaan. ‘Nuti adiidha abbaan keenya maalif gurraacha’e’ jedhaniimmoo na gaafatu. Kunis rakkoo biraa natti ta’eera.

Namootni karaatti yeroo nu argan ijoollee Faranjii, warra Gibtsii faa nuun jedhu, nuti Itoophiyaanota mitii? jedhaniifaa kan na gaafatan; kun kun natti ulfaata.

Amma ijooleenkoo barumsa jaalqabaniiru. Namootni nagargaaran tokko tokko yeroo argaman uffatan bitaaf. Anis mana namaa hojjedhee waan humnikoo danda’e guutaaafiin jira.

Ijoolleekoo waaqaatu naaf kenne. Dararaa hamaa keessa darbus ijooleekoo yeroon ilaalummoo waan hundumaa nan dagadha. Baayyeen gammada.

Dhaamsa dubartootaaf…

Jireenya ani keessa darberraa ijoolleen biyya kootii yoo dandeessan biyya namaa hin deeminaa. Biyya ofiitirratti rakkaatanii jiraaachuu wayya. Waan maatiin isin gorsu dhagahaa.

Itoophiyaarratti hojjetanii buddeena nyaachuu kan gahu hin jiru. Wanti biyya ofii gahu hin jiru. Ani osoon biyyakoo jiraadhee waan kun hundi narra hin gahu ture. Yoon iyyelleen asitti ollaatu na dhaqqabaaayyu.

Yoo dirqama biyya Araba kana deemuun qaba jettanimmoo of eegannoo godhaa. Qoricha ulfa ittisu fayyadamaa ofeeggannoodhaaf. Namni nun tuqu jettanii of hin dagatinaa. Biyya namaatitti yoo miidhamtes homaa wanti gootu waan hin jirreef.

Biyyaa gaafa bahamu yookan nuuf darba yookan nutti darba jenneeti murteessinee kan deemnu. Of eeggannoo godhaa. Yoo rakkoon sinirra gahe dafa gara biyya keessaniitti deebi’aa malee murtee hin taane hin murteesinaa.

Oduu kan biroo kanaan walfakkaatan: