Haleellaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti raawwateen lubbuun namootaa darbe

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo gandoota shanitti haleellaa gaafa Jimaataa raawwateen namoonni ajjeefamuu jiraattonniifi qondaalli mootummaa BBC'tti himan.
Haleellaa guyyaa Jimaata darbe hammaateen namoota du'aniin alatti, kanneen madaa'an akka jiraniifi hawaasni gandoota baadiyyaa qe'eerraa buqqa'usaanii maddeen BBCn dubbise mirkanneessan.
Jiraattonniifi bulchaan aanichaa akka jedhaniitti, maddi ijoo rakkinichaa erga 'hidhattoonni Shanee' saba Amaaraa aanicha keessa jiraatanirratti haleellaa raawwataniin booda jarreen ammoo hawaasa nagaa irratti haleellaa raawwatan jedhan.
Jiraattonni BBC'n dubbise qawween waan irraa funaanameef ofirraa dhorku akka hindandeenye yoo himan, Bulchaan Aanaa Obbo Warqinaa Furgaasaa qawween harka hidhattoota Shanee akka hin seenneef funaanamuu mirkaneessan.
Jiraataan ilmi isaanii jalaa ajjeefame lakkoofsi namoota haleellaa raawwataniin du'anii danuu ta'u dubbatu. Qabeenyi isaanii maca'uufi manneen jireenyaa gubatuulleen hime.
Gareen dubbii kan kaasuun himatame Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Itoophiyaa ABO - Shanee jedhee waamu hanga ammaatti taatee kanarratti wanta dubbate hin qabu.
Yeroo ammaa haalicha tasgabbeessuudhaaf humnoonni nageenyaa federaalaafi naannoo seenuufi qondaaltonnis bakka rakkoon gahe dhaqanii furuuf socho'aa akka jiran ibsameera.
Sababni maali?
Jiraattonniifi buulchan aanichaa Obbo Waarqinaa Furgaasaa hawaasni Oromoofi Amaaraa Aanaa Noonnoo, nagaan waliin jiraachaa turuu dubbatu. Ta'us, taateen dhihoo raawwate waldhabdee akka uume himu.
Aanaan Noonnoo aannaalee Shawaa Lixaa keessaa tokkoo yoo taatuu, Magaalaa Finfinneerraa fageenya gara 200km irratti argamuutti.
Ga'eessi Aanaa Noonnoo kan maatiifi qabeenya bakka waldhabdeen itti uumame kanaa qabaachuu dubbatanii fi yeroo ammaa Finfinnee jiran BBC'tti akka himanitti, sababni taatee kanaa jalqaba haleellaa hidhattoonni raawwatanidha.
''Garee Shanee ummata Amaaraa irratti ajjeechaafi qabeenyaa barbadeessuu raawwatee ture. Sana booda Shanee jechuun Oromoodha jechuun, [sabi Amaaraa] Oromoo naannoo sana jiran irratti tarkaanfii fudhachuu jalqaban,'' jedhan.
Jiraataan biraa kan ilmi isaanii tokko ajjeefameefi miseensa milishaa ta'anis waan walfakkaataa himu.
''Shaneen haleellaa kan raawwate ganda keenyatti osoo hintaanee ganda biraa keessaatti ture. Amma sababii kanarraa kan ka'e isuma jarreen namootuma qe'ee jiran irratti haleellaa raawwatan.
''Duguuggaadhuma sanyii godhan,'' jechuun waan raawwate dubbatu.
Bulchaan Aanaa Noonnoo Obbo Warqinaa Furgaasaa gamasaanitiin, jalqaba hidhattoonni WBO kan mootummaan ABO - Shanee jedhee waamuufi dhihoo TPLF waliin qindoomina horatan dubbii akka eegalan himu.
''Shaneen jalqaba seentee jiraattoota meeshaa hiikte. Namoota saba Amaaraa afur ajjeefte. Shanaffaarrattis gurbaa tokko ajjeessuun konkolaataasaas guban. Isa booda dhimma lafaatiin walqabatee namoonni haaloo bahuun keessa wal mimmiidhan jechuudha.''
''Kanneen du'an saba lachuu keessaati,'' jechuun dubbatu Obbo Warqinaan.
''Maqaa Oromootinis qabsaa'u ABO - Shaneen Oromoo bakka hin bu'u. Gama biraatiin, akka waan Oromoon Amaara ajjeeseetti fakkeessuudhaan humni finxaaleyyii Amaaraafi shiftaan tokko tokko boosona keessa bahanii ummata keenya rukutan,'' jechuun himan.
Maaltu ta'e?
Lubbuun badaa fi qabeenyi barbadaa'aa jiraachu kan himan jiraataan BBCn dubbise, ''Kan ani beeku hanga nama 18 du'usaaniti. Namoonni baadiyyaa keessatti bakka tokkotti awwaalamanii jiru, magaala keessas yeroo birmannaa dhaqan kan duddu'an jiru,'' jedhu jiraataan kun.
Rakkoon jiru bubbuleera kan jedhan jiraataan kun, garuu tibbana 'bifa geeddarachu' himan.

Jiraataan aanichatti Ganda Mattuu Sillaasee jedhamuufi ofiin du'arraa hafanilleen qabeenyi isaanii manca'uu himu.
''Ilma kiyya kan waggaa 27tu du'e. Fuudheera, mucaa tokko godhateera. ... qabeenya horii qabullee najalaa warasanii deemani,'' jechuun qabeenyi isaaniillee manca'uu dubbatu.
Akka jiraataan kun jedhanitti, lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 22 yoo ta'an, kan lubbuun hin argamiin jaha, kan rukutamanii ciisaa jiran ammoo namoota afur.
Dhimma lakkoofsa namoota du'anii kan gaafanne bulchaan aanichaa, ''Lakkoofsi namoota du'anii 20 oli. Nama afuri kan madaa'e. Mana yaalaa jiru,'' jedhan.
Ta'us haleellaan baatii tokko dura Onkololeessa bultii 12 eegaluufi yeroo adda addaatti lubbuun namootaa darbuu himan. Ta'us, gaafa Jimaataa addatti namni meeqa akka lubbuu dhaban odeeffannoo erga walitti qaban booda akka mirkanneessan waadaa galan.
Jiraattonni BBCn dubbise kunneen gandoota Jimaata darbee haleellaan keessatti raawwatameerraa buqqa'anii bakka tokkotti walitti qabamanii jiraachu himu.
Kanneen miidhaaan irra gahee ammallee yaala hin arganne jedhu jiraataan miseensi maatii isaanii ajjeefame kun. ''Namoota rukkutaman afuriif riifariin nama afuriif barraa'ee walaanamaa jiru.''
Daandiin cufamuu jiraattonni aanichaa dubbatanilleen, aanga'aan motummaa garuu daandiin banaa ta'uu himu. Ta'us, garuu sababa rakkoo nageenyaan abbootiin qabeenyaa konkolaataa akka sochosaa hin jirre ibsan.
'Meeshaa nurraa hiikan'
Komiin jiraattonni dhiheessan tokko, guyyoota muraasa dura meeshaa mootummaan waan nurraa hiikeef ofirraa ittisuu dadhabne kan jedhudha.
''Meeshaa nurraa guuranii nu ficcisiisanii,'' jechuun torbee lamaan darban keessa meeshaan guuramuu ibsuun komatu.
Bulchaan Aanaa dhimma kanarratti BBCn gaafatee meeshaan hiikamuu mirkaneessuun, garuu sababni akka namoonni muraasni himan miti jechuun waakkatu.
''Dura diinni [hidhattoota] gandoota torba keessaa milishaa keenyarraa meeshaa hiike. Meeshaan diinni hiiku kun immoo deebi'ee ummata keenya ittiin waraana.
''Meeshaan harka diinaa akka hin galleef jecha gandoota yaaddoo nageenyaa qaban keessaa poolisiin meeshaan gara kuusaatti akka deebi'u godheera.
''Isa kanammoo hawaasni mootummaan meeshaan hiikee akka isaan saaxilaman fakkaatee itti mul'ate. Wanti nuufis akka komiitti kaasan jira.
''Nuyi akka bulchaa ummataatti ummata keenyarraa meeshaa hiiknee roorroofi rakkoon akka ummatarra gahu wanti goone gonkumaa hin jiru,'' jedhan bulchaan aanaa.
'Nagaan bu'aa jira'
Ammaan tanas haalli naannichaa tasgabbaa'aa akka jiru kan dubbatan bulchaan aannichaa, namoota marisiisuun gara qee'eetti akka deebii'an taasifamaa jira jedhu.
''Tasgabbaa'aa jira jechuu dandeenya. Tokkoffaa humni nageenyaa waan galeef hojii nageenyaa hojjetaa jira. Nutis akka hooggansa siyaasaatti hawaasa mari'achiisaa walitti fidaa jirra.''
Erga haleellaan kun raawwate booda bakka rakkoon dhalateetti humnoonni poolisii Oromiyaafi humni federaalaa bakkichatti akka argame OBN Hoogganaa Poolisii Humna Addaa Oromiyaa Zoonii G/Galeessaa Komaandar Shaalloo Galataa waabeffatee gabaaseera.

Madda suuraa, OBN
Qondaalli poolisii kun hidhattoota badii kana raawwatan jedhan irratti ''tarkaanfiin araarama hin qabne,'' ni fudhatama jechuun isaanii gabaafameera.














