Filannoo Itoophiyaa 2021: Aarsaa kanfallee filannoo kana milkeessineerra jedhe poolisiin

Poolisoota magaalaa Finfinneetti saanduqa meeshaalee filannoo qabateef eegumsa taasisan, Waxabajjii 22, 2021

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisoota magaalaa Finfinneetti saanduqa meeshaalee filannoo qabateef eegumsa taasisan

Godina Shawaa Lixaa aanota garaa garaatti haleellaa hidhattootaan raawwate jedhee poolisiin ibseen lubbuun polisootaa darbuu ibsame.

Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa jahaffaa guyyaa Wiixataafi Kibxataa Itoophiyaatti gaggeeffamaa ooleera.

Akka Oromiyaatti odeeffannoo hanga yoonaa polisiin ibseen filannoon nagaan raawwatus bakkeewwan Godina Shawaa Lixaa tokko tokkotti haleellaan raawwateera.

Ajajaan Poolisii godinichaa Komaandar Adaree Tolaa ibsa miidiyaaleef gaafa Kibxataa kennaniin ''aarsaa kanfalleerra'' jechuun ibsan.

Haleellaa qaamota hidhataniin raawwate jechuun poolisiin himeen guyyaa Wiixataa Aanaa Dirree Incinniitti konkolaachisaan yoo ajjeefamu qondaalli nageenyaa aanaa tokko madaa'anii lubbuun hafaniiru.

Gaafa Wiixataa lammiileen Itoophiyaa filannoo taasisan irratti godinichuma Aanaa Liban Jaawwiitti haleellaa raawwateen poolisii dabalatee namoonni sadii ajjeefamaniiru.

Torban darbemmoo achuma godinicha keessa Aanaa Meettaa Walqixxeetti haleellaa namoota riqicha ijaaraa turan irratti raawwateen lubbuun namoota sagal darbee ture.

Haleellaa kanneenif mootummaan hidhattoota 'Shanee' jedhee waamuufi paarlaamaan Itoophiyaa galmee shororkeessummaa keessa galche itti gaafatamaa taasise.

Gareen kuni ajjeechaa akkasumas badiiwwan garaa garaaf himatama. Ta'us, himannaawwan kana ni haala.

Aanaa Dirree Incinniitti maaltu ta'e?

Bulchaan Aanaa Dirree Incinnii Obbo Cimdii Raggaasaa BBC'tti akka himanitti ambulaansiin Itti gaafatamaa Bulchinsaafi Nageenyaa Aanaa Dirree Incinnii qabattee deemaa jirtuurratti haleellaan raawwate.

Bakki haleellaan raawwate kuni ganda Guyyamaa Dabballee jedhamu yoo ta'u ''bosona wayii keessa darbu'' jechuun dubbatan.

Bakkichi bakka buufanni filannoo jiru miti jedhameera. Hojiif adeemaa turan jechuunis ibsan.

Kanaanis konkolaachisaan Indaalkaachaw Cimdii jedhamu yoo ajjeefamu qondaalli nageenyaa Obbo Waaqumaa Futtaasaa jedhaman ''baay'ee rukutamanii'' miidhamaniiru.

Kanaan achi wanti aanaa isaanii keessa keessumaa ''buufata filannootti wanti ta'e hin jiru'' jechuun dubbatan.

Ajajaan qajeelcha poolisii godinichaa Komaandar Adaree ''Aanaan Dirree Incinnii aanaa nagaa qaban keessaa tokko turte'' jechuun hidhattoonni bakkaa bakka akka socho'an eeran.

Magaalaa Amboo
Ibsa waa'ee suuraa, Ajajaan Poolisii Shawaa Lixaa Komaandar Adaree Tolaa ''aarsaa kanfalleerra'' jedhan

Aanota Godina Shawaa Lixaa afur

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo jedhanii of waaman, filannoo biyyattiin gootu danquuf socho'aa turuu poolisiin hima.

Garee ''farreen nageenyaa'' jechuun ibsan ''godina kana iddoowwan baay'eerratti ni socho'u'' jechuun miidiyaaleef dubbatan.

Durumaa yeroo filannoo alanaa ''aanota lama keessa yaaddotu ture,'' kan jedhan qondaalichi yeroo filannoo aanota godinichaa afur keessa yaaliin filannoo danquu tureera jedhu.

Kunneenis Aanaalee Liban Jaawwii, Midaa Qanyii, Dirree Incinniifi Ada'aa Bargaa ta'uu eeran.

Aanaalee Midaa Qanyiifi Ada'aa Bargaatti hidhattoonni filannoo dura ''fageenyarra ta'anii dhukaasuun ummanni akka sodaatu godhamaa tureera'' jedhan. Ta'us, filannoon rakkoo malee xumuramuu himan.

Aanaa Liban Jaawwii ganda Agal Gubbootti naannawa buufata filannootti haleellaan raawwatuus filannoon adda hin citne jedhan.

''Maddiidhaan bosona qabdi. Shakkiin kuni ture,'' kan jedhan Komaandarichi ''Osoo filannoon adeemsifamaa jiru dhufanii jeequuf yaalaniiru. Ta'us, tarkaanfiin fudhatame.

''Tarkaanfii humni nageenyaa qindoominaan fudhateen odoo homaa hin gubiin odoo waan tokko hin geechisin, nuus aarsaa kaffaluu mallu kanfallee filannoo kana milkeessineerra,'' jechuun himan.

Haa ta'u malee, lakkoofsa namoota aanichatti ajjeefaman ifatti hin dubbanne.

''Aarsaa kanfaluun hojii qaama nageenyaati'' kan jedhan qondaalli poolisii kuni hidhattoonni ''Sochii haa godhan malee hin milkoofne,'' jechuun ibsan.

''Yeroo ummata jeequudhaaf socho'an isa kana ittisuudhaaf qaamni nageenyaa keenya iddoo tokko tokkotti aarsaa kanfaleera. Kan madaa'an jiru, aarsaa kan kanfalan jiru.

''Poolisoota keenya, milishaa, bulchinsaafi nageenya, hamma konkolaachisaatitti aarsaa kanfaluudhaan filannoo kana milkeessineerra,'' jechuun miidiyaaleef dubbatan.

Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaafa Wiixataa BBC'n dubbise ''Oromiyaan nagaa qabdi. Rakkoon nageenyaa Fesbuukiifi miidiyaarra jira,'' jechuun bakki hedduu nagaadha jedhan.

Keessumaa gama Lixaafi Kibba Oromiyaa waggoota lamaan darbaniif humnoonni nageenyaa mootummaa riphee loltoota waliin lola gaggeessaa jiru.