Filannoo Itoophiyaa 2021: Boordiin Filannoo namoota bu’aa filannoo ragaa qabatamaarratti hin hundoofne ibsan akeekkachiise

Boordii Filannoo Itoophiyaa

Madda suuraa, NEBE

Ibsa waa'ee suuraa, Boordii Filannoo Itoophiyaa

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa har’a midiyaalef laaten rogeeyyiifi namootni Feesbuukiirratti hordoftoota baay’ee qaban heddu bu’aa filannoo boordicha biraa hin baaneefi ragaa qabatamaarratti hin hundoofne barreessaa akka turan himeera.

Bu’aawwan sadarkaa buufataalee filannootti maxxanfaman qoodunis ta’e yaada irratti waljijjiirun kan danda’amu ta’uu kan himan gorsituun dhimmoota komunikeeshinii boordichaa Soliyaanaa Shimallis, bu’aan sadarkaalee buufataalee filannootti jiru ida’amee osoo hin beekkamin “naannoo filannoo kanatti ebalutu mo’ate” jedhanii ragaa malee barreessun seeraan ala ta’uu himan.

Dabalataan odeeffannoo ragaa qabatamaarratti hin hundoofne qoodun adeemsa filannichaa kan hin fayyadne ta’uu himuunis namootni gochaa kanarraa akka ofqusatan hubachiisaniiru.

Filannoo naannoo Sidaamaatti itti fufee adeemsifame…

Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa guyyaa kaleessaa naannoo Sidaamaa naannolee filannoo hunda keessatti adda citee ture har’a adeemsifamuusaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa himeera.

Naannoo Sidaamaati sababa hanqina waraqaa filannootin adeemsi filannoo adda citee kan ture yemmuu ta’u har’a guyyaa keessaa sa’aa 5:00 irraa eegalee namootni sagaleesaanii akka kennan gorsituun dhimmoota komunikeeshinii boordichaa Soliyaanaa Shimallis himaniiru.

Iddoowwan baay’ettis adeemsi sagalee kennuu xummuramuu odeeffannoo akka qaban dubbatan.

Gama biraatin iddoowwan baay’etti adeemsi lakkaawwii sagalee xummuramuu kan himan Soliyaanaa Shimallis, “naannoo Kibbaatti buufataalee jiran keessaa dhibbeentaa 90 keessatti lakkaawwin bu’aa filannoo xummurameera” jedhan.

Magaaala Finfinnee keessattis buufataalee filannoo harka caalmaa keessatti lakkaawwin xummuramuu himaniiru.

Gama biraatin ajjeechaa godina Shawaa Lixaa aanaa Liiban Jaawwiitti hidhattootaan raawwate ilaalchisee kan gaafataman Sooliyaanaa Shimallis, “miidhaan buufata filannoorrattis ta’e raawwachiistota filannoorratti qaqqabe hinjiru” jedhan.

Kana malees rakkoon nageenyaa buufata filannoorraa fageenya meetira 200 ol ta’e keessatti raawwatu boordicha akka hin ilaallannes himaniiru.

Gama biraatin hojjetaa Giddugala Kaartar /Carter Center/ kan ta’anfi magaala Finfinneetti lubbuun darbuun kan himame Joon Maarsh (PhD) ilaalchisee kan gaafataman Soliyaanaa Shimallis, lubbuun darbuun hojjetaa kanaa gaddisiisaa ta’uu himan.

“Humnootii nageenyaafi poolisiirraa hoteela isaanii keessatti tasa akka du’an akkasumas dhimmichi gama yaalaafi poolisiin ilaallamaa akka jiru dhageenyerra” jedhan.

Namnichis boordicha biraa baajii /waraqaa heyyamaa/ kan fudhatan filannoo akka taajabaniif osoo hintaane akka keessummaatti filannicha akka ilaalanif ta’uu dubbatan.

Lubbuun darbuu hojjetaa Giddugala Kaartar kanaas filannoo walin hidhata akka hinqabne himaniiru.