Filannoo Itoophiyaa 2021: Ergamni taajjabbii filannoo Humna Eeggataa Baha Afriikaa filannoo Itoophiyaa ilaalchisee gabaasa jalqabaa baase

Ergamni Taajjabbii Filannoo Humna Eeggataa Baha Afriikaa filannoo Itoophiyaa naga qabeessaafi tasgabbaa'aadha jedhe
Ibsa waa'ee suuraa, Ergamni Taajjabbii Filannoo Humna Eeggataa Baha Afriikaa filannoo Itoophiyaa naga qabeessaafi tasgabbaa'aadha jedhe

Ergamni taajjabbii filannoo Humna Eeggataa Baha Afriikaa 'EASF' filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa karaa naga qabeessaa fi tasgabbaa'aa taheen adeemsifame jedhe.

Ergamni Taajjabbii Filannoo Humna Eeggataa Baha Afriikaa gareewwan taajabdootaa 12 naannolee shanii fi bulchiinsa magaalotaa lamatti bobbaasuun adeemsa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa taajjabuusaa ibsa har’a midiyaalef laaten beeksiseera.

“Haaluma kanaan buufataalee filannoo 190 keessatti baniinsa buufataalee filannoo, adeemsa filannoo, cufiinsa buufataalee filannoofi adeemsa lakkaawwii sagalee taajjabneerra” jedhan hogganaan ergamichaa Ambaasaaddar Abdillaah Uleed Ali.

Ergamni Taajjabbii Filannoo Humna Eeggataa Baha Afriikaa buufataalee filannoo inni daawwate keessaa dhibbeentaan 19 yeroo itti banamuu qabanii barfatanii banamuu beeksiseera.

Kanaaf sababni immoo gama dhiyeessiifi qindeessa meeshaalee filannootin harkifannaan jiraachuu akka ta’e hogganaan ergamichaa himaniiru.

“Lakkoofsi namoota filannicharratti hirmaatan /election turnout/ olaanaadha” kan jedhu Ergamni Taajjabbii Filannoo Humna Eeggataa Baha Afriikaa, lakkoofsi dubartoota sagalee kennuun filannicharratti hirmaataniis quubsaa ta’uu himeera.

Buufataaleen filannoo sochii filattootaaf mijaatoo gama ta’uutin buufataalee filannoo ergamichi taajjabe keessaa dhibbeentaan 89 mijataa akka hin turre gabaasni jalqabaa ergamichaa hima.

“Filannoon haala tasgabbaa’aafi nagaqabeessa ta’een adeemsifame…

”Filannoon biyyaalessaa 6ffaa Waxabajjii 14, 2013 adeemsifame kutaalee biyyattii baay’etti tasgabbaa’aafi naga-qabeessa akka ture Ergamni Taajjabbii Filannoo Humna Eeggataa Baha Afriikaa gabaasa jalqabaa har’a baaseen hima.

“Iddoowwan baay’eetti miseensootni Poolisii Federaalaafi naannolee akkasumas Raayyaan Ittisaa baay’inaan mul’atu ture” jedha gabaasichi.

Magaala Bishooftuutti buufata filannoo tokkotti filattoota keessatti jeequmsi uumamee namootni gara buufata filannoo fiiganii seenuufi boodarraa qaamolen nageenyaa haalicha to’achuu isaanii hogganaan Ergama Taajjabbii Filannoo Humna Eeggataa Baha Afriikaa Ambaasaaddar Abdillaah Uleed Ali.

Gama biraatin yaada xumuraa ergamichi qaamolee garagaraaf laaten mootummaan “marii qooda fudhattoota siyaasaa gidduutti taasifamuuf haala mijataa umuuf dursa kennuu qaba” jedheera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa immoo qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun barnoota filattootaarratti hojjechuu akka qabu yaada kenneera.

Kana malees qaamoleen siyaasaa wal danda’uufi araaraaf dursa akka kennanfi hookkarafi haasaa jibbiinsaarraa akka of qusatan dhaameera.

Filannoon biyyaalessaa 6ffaa Itoophiyaa waxabajji 21,2021, gaggeefamaa kan ture yoo tahu bakkeewwan sababa hanqina meeshaalee filannoofi rakkoo biraan adda citanitti ammoo waxabajji 22,2021 itti fufuun akka gaggeeffamaa jiran boordiin filannoo beeksiseera. Isaan keessatti buufataaleen naannoo Sidaamaa fi Gambeellaa ni argamu.

Naannoo Benishaangul Gumuz keessattis sababa hanqina meeshaalee filannoo barbaachisaniin filannichi kaleessa akka dhaabbatu taheera. Boordichis meeshaalee dhiyeessuun adeemsa isaa irratti ibsan kenna jedhe.

Filannoon bara kanaa waraanaan kan miidhamte naannoo Tigiraay keessatti guutummaan hin gaggeeffamne.