Filannoo Itoophiyaa 2021: Shawaa Lixaa naannawa buufata filannootti haleellaa raawwateen lubbuun darbe

Danaa LIxa Shawaa

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Liban Jaawwii naannoo filannoo Noonnootti haleellaa namoota hidhataniin gaafa Wiixataa raawwateen lubbuun namootaa darbuu qondaaltonni himan.

Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa ibsa Wiixata galgala miidiyaaleef kennaniin haleellaan raawwachuu gabaasni akka isaan gahe himaniiru.

‘’Buufata filannoo keenya Noonnoo jedhamurratti buufata lamatti namoonni hidhatan adeemsicha jeequuf yaalanii haalli adda citee akka ture odeeffannoon amma Oromiyaa irraa dhufe ni agarsiisa,’’ jedhan.

Haata’u malee, miidhaan dhaqqabuu isaa waan dubbatan hin qaban. Qondaalli Boordii Filannoo Biyyaalessaa BBC’n dubbise biroo garuu poolisii dabalatee namoonni sadii lubbuu dhabuu himaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa guyyaa Wiixataa filannoo biyyaalessaa irratti hirmaatan qaama filataniif sagalee isaanii kennaa oolaniiru.

BBCn maddeen garaa garaa irraa akka mirkaneessetti ajjeechaan raawwate Wiixata ganama naannawa sa’aatii 3 – 5 gidduuttidha.

Bakki isaas godina Shawaa Lixaa aanaa Liiban Jaawwii ganda qonnaan bulaa Agal Gobboo jedhamudha. Magaalaan guddoo aanaa Liiban Jaawwii Baabbich jedhamti.

‘’Buufata lama walbira jirurratti rakkoon uumame,’’ kan jedhan qondaalli boordichaa dhimmicha ifatti dubbachuuf itti gaafatama hin qabne ‘’namoonni sadii boqotaniiru’’ jechuun himan.

‘’Hogganaa tokko, poolisii Oromiyaa tokkoofi milishaa tokkotu boqote. Ajjeechaan bakka buufata filannootti raawwachuu dhageenye,’’ jechuunis BBCtti himan.

Buufataaleen filannoo haleellaan irratti raawwate ammoo Nunnuu Basaleefi Nunnuu Agal Gobboo jedhamu.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Diriirsaa Waaqumaa halleellaan raawwachuu mirkaneessanii kanneen du’an keessaa lammiileen nagaa lama akka jiran Wiixata galgala BBCtti himaniiru.

Bakki ajjeechaan raawwate aanaa Liiban Jaawwii yoo ta’u, magaalaa Amboorraa 50km fagaata.

Torban darbe godinuma Shawaa Lixaa aanaa Meettaa Walqixxeetti haleellaa raawwateen namoonni riqicha ijaaraa turan 9 ajjeefamaniiru.

Qondaaltonniifi miseensi maatii halleellaan irra gahe hidhattoota mootummaan ‘Shanee’ jedhee waamuufi shororkeessummaan farrajetu haleellaa raawwate jechuun yeroos BBCtti himaniiru.

Magaalaan Ambo Finfinneerraa 110km fagaattu teessoo Godina Shawaa Lixaadha
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaan Ambo Finfinneerraa 110km fagaattu teessoo Godina Shawaa Lixaadha

Maaltu ta’e?

Akka bulchaa godinaatti hidhattoonni Dilbata galgalarraa kaasee filannoon kun akka hin adeemsifamne socho’aa turan jedhu.

Buufata filannoo tokko irratti hidhattoonni humna nageenyaafi ummatatti osoo ummanni hiriirarra jiruu dhukaasa banuudhaaf yaalii godhanii turan jedhan.

Sana keessatti humni nageenyaa ummata baraaruudhaaf jecha tarkaanfii fudhate kan jedhan Obbo Diriirsaan, gidduutti hidhattootaan haleellaan raawwatamuu himu.

Haleellaa kanaanis lubbuun darbuu dubbatan. ‘’Lubbuun namaa darbe tokko milishaadha, tokkommoo gaggeessaa naannoo sanatti hojiidhaaf ramadamee jiru,’’ jechuun himan.

Miseensi poolisii ajjeefamuu kan gaafanne bulchaan godinaa dhimma kana poolisiin deebisuu akka qabu dubbatan. Miidhaan hidhattootarra dhaqqabe ammaaf hin beekamne.

Filannoon akkam ta’e?

Erga haleellaan raawwate booda filannoon itti fufuu kan gaafataman qondaalli boordichaa deebii kana kennan.

‘’Bakki sun jeeqameera. Filannoon kunis akka itti fufu kallattiin kaa’amee ture. Itti fufu isaa irratti garuu naannoon sun amansiisaa waan hin taanef waan itti fufame miti.’’

Haata’u malee, bulchaan godinaa waareen booda filannoon adeemsifamuu himu.

‘’Ani bakka kana irratti rakkoon nageenyaa jiraachuu isaa waanin beeku hin qabu,’’ kan jedhan qondaalli boordichaa, naannoon kun nagaadha jennee filannoo gaggeessuu eegalle jedhan.

Bakkeewwan godinichaa biraatti rakkoon biraa raawwachuu kan gaafataman bulchaan godinaafi qondaalli boordii filannoo wanti biraa raawwachuu isaaf waan ibsan hin qaban.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaafi mootummaan filannoo gaggeessuun dura rakkoon nageenyaa ‘bu’uuraa nu quunnama jennee hin yaadnu’ jechuun dubbachuun isaanii ni yaadatama.