Shawaa Lixaatti hojjettoonni ijaarsaa daandii sagal hidhattootaan ajjeefamuu aanga'aan mootummaa himan

Hojjettoonni ijaarsa daandii sagal godina Shawaa Lixa aanaa Meettaa Walqixxeetti Roobii waaree booda hojiidhaa galaa osoo jiranii hidhattootaan ajjeefamuu bulchaan godina Shawaa Lixaa Obbo Diriirsaa Waaqumaa BBCtti himan.
Namoonni ajjeefaman kunneen hojjettoota Abbaa Taayitaa Daandii Federaalaa fi Abbaa Taayitaa Daandii Baadiyyaa Oromiyaa yoo ta'an, dubartiin tokko garuu jiraattuu aanaa Meettaa Walqixxee ta'uushee Obbo Diriirsaan ni himu.
Naannoo sana keessa maqaa 'ABO Shaneetiin' gareen socho'u jira kan jedhan Obbo Diriirsaan, haleellaa kanas kan raawwate garee kanadha jedhu.
Mootummaan Itoophiyaa 'ABO Shanee' jechuun kan waamu Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) hidhannoo hin hiikkadhu jechuun Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa adda ba'ee bosonatti kan hafe yoo ta'u, dhiyeenya kana Paarlaamaa Itoophiyaatiin shororkeessaa jedhameera.
Akka bulchaan godina Shawaa Lixaa kun jedhanitti, ogeessonni ajjeefaman kunneen daandii laga Urgaa'aa jedhamu godina Shawaa Lixaatti aanaalee shan: Meettaa Roobii, Meettaa Walqixxee, Gindabarat, Abuunaa Gindabarati fi Ada'aa Bargaa walqunnamsiisa jedhame warra ijaaraa turedha.
Obbo Diriirsaan ofii isaanii bakka namoonni hidhattootaan itti ajeefaman kanatti qaamaan argamanii reeffa kaasuun Hospitaala Phaawuloositti geessuu dubbatu.
Namoonni lama kan haleellaa kanarraa akka carraa hafan nagaan hawaasatti makamuus dubbataniiru.
Hidhattoonni kunneen aanaa Meettaa Walqixxee bahanii gara aanaa Meettaa Roobii deemuudhaan qaama nageenya naannoo fi milishaarratti haleellaa raawwachuuf yaaliin biraa godhamee ture jedhan Obbo Diriirsaan.
"Haa ta'u malee, milishaan naannoo sanaa ijaaramee ofirraa qolatee jira. Hordoffiin ammas taasifamaa jira," jedhan.
WBO’n hanga yoonaatti dhimma kanarratti yaada kennuu baatus, ajjeechaa namoota nagaa ilaalchisuun himannaawwan kana dura irratti ka’an sirrii akka hin taane himaa ture.
Humni kun irra deddeebiin ajjeechaa namoota nagaatiin mootummaan himatamaa turullee, ajjeechaawwan kana keessaa akka harka hin qabnee fi qorannoon qaama walabaan akka gaggeeffamu waamicha godhaa ture.
Rakkoon nageenyaa amma mul'atu kun filannoorratti danqaa uumuu danda'aa?
Uummata waliin ta'uudhaan filannoo biyyaalessaa marsaa ja'affaatiif qophii gahaa akka taasisan kan dubbatan aanga'aan kun, rakkoon nageenyaa amma mul'achaa jiru kun godinicha keessatti yaaddoo filannoo gufachiisa jedhu akka hin qabne ibsan.
"Godina Shawaaa Lixaa keessa kaleessas hattuu fi shiftaan darbee darbee ni jiraata, borus jiraachuu danda'a."
Qophiin filannoof malu sadarkaa naannoorraa hanga sadarkaa Federaalaatti hirmaannaa ummata keenyaan deeggarame taasifneerra waan ta'eeef wanta kanarratti wanti yaaddoo nutti ta'u gonkumaayyu hin jiraatu jedhan.
"Humni kunimmoo humna ummataatiin ol waan hin taaneef ummanni ofirraa qolataa jennee amanna," jedhan.


















