WBOn lammiilee biyya alaa ugureera jedhus qondaalli mootummaa dhara jedhan

Kaartaa magaalaa Mandii agarsiisu

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan dhiheenya mootummaan shororkeessummaan farajje lammiilee Afgaanistaan lama aanaa Mana Sibuutti ugguruu beeksise. Qondaalli mootummaa dhimmicha gaafataman ammoo taateen kun raawwachuu haalan.

WBO kan mootummaa maqaa 'Shanee' jechuun waamu Oromiyaa keessa socho’u, lammiilee biyya alaa uggureera jedhe kunneen dhaabbata albuuda baasu keessa akka hojjetan ibsa baaseen himeera.

BBCn addatti lammiileen kun ugguramuus ta’e bakki itti raawwate aanaa Mana Siibuu ta’uu qaama walabarraa hin mirkaneessine.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eliyaas Ummataa, "Afgaanistaanis nu bira hin jiru. Godina keenya sirriitti beekna," jechuun taateen kun raawwachuu ‘hin beeku’ deebii jedhu kennan.

Gareen hidhattootaa ajjeechaafi badiiwwan garaa garaatiif mootummaa himatamu kunis baatiin dura paarlaamaan Itoophiyaan galmee shororkeessitootaatti galmeesseera.

Himannaan qaamota gara garaatiin garee kanarratti ka'aa ture waakkataa turulleen, lammiilee biyya alaa uguruu ifatti yoo beeksisu kun yeroo lammaffa isaati

Kana dura lammiilee Chaayinaa sadii albuuda baasurratti bobba’an jedhe ugguruufi boodarra ammmoo Waldaa Fannoo Diimaa Idil-addunyaatti (ICRC) dabarsuun isaa beekameera.

Qondaaltonni mootummaa Naannoo Oromiyaa, kan godinaas ta’e aanaa Mana Sibuu garuu taaten kun raawwachuu yeroo sana haalanii turan.

Poolisiin olaanaa Bulchiinsa Naannoo Benishaangul Gumuuz Aanaa Mana Sibuu daangessuus yeroos BBC’n dubbise yaaduma walfakkaataa kennanii ture.

‘Odeeffannoo hin qabu’

Gareen dhaaba ABO irraa cabuun sosso’uufi WBO jechuun of himu, lammiilee Afgaanistaan dhaabbata ‘Moon Rock Mining & Marble Development PLC’ jedhamuuf hojjetan lama ugguruu hime.

Bakki uggurri itti raawwates Godina Wallagga Lixaa Aanaa Mana Sibuu ta’uu eere. Ibsa baase keessatti maqaa isaanii fi suuraa kan manoota jedhamaniitti jedhes maxxanseera.

Ibsa dubbi himaa WBO idil-addunyaati, Odaa Tarbiin fuula tiwitara irratti maxxansaniin, nammoonni to'atamanis ‘‘nagaa qabu’’ jedheera.

Haata’u malee, ibsa bahe keessatti gaheen namoota ‘to’ataman’ jedhaman kanneenii maal akka ta’e hin ibsamne. Akkasumas maalummaa dhaabbata albuuda baasu jedhame kanaas odeeffannoo guutuu argachuun hin danda’amne.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa, Obbo Eliyaas Ummataa ‘‘odeeffannoo hin qabnu’’ jechuun BBC'f deebii kannan. ‘’Hin qabnu. Oduu akkasii hin hordofnus, hin qabnus [odeeffannoo]'' jedhan.

‘‘Gabaasni sa’aati sa’aatiitti nu qaqqaba. Abbumti fe’e kan post gootu kana fuutanii ofiifis hin dhiphatinaa nuunis hin dhiphisinaa,’’ jechuun gaaffii gaafanneef mufiin deebisan.

‘‘Afgaanistaanis nu bira hin jiru. Godina keenya sirriitti beekna. Lammiin biyya alaa eessa akka jiru sirriitti beekna.

‘‘Gabaasammoo gandarraa aanaatti aanaarraa godinatti sansalata qabna kan itti sa’aatii 24 hordofnu waan ta’ef odeeffannoo akkasii hin qabu,’’ jechuun deebisan.

Gareen kun kana durallee lammiilee Chaayinaa yeroo uggure qabeenya uumamaa mancaasaa jiru jechuun himate. Dabalataan, waliigalteen isaan mootummaa waliin qaban akka hin fudhanne ibse.

Kana dura haala maaltu ture?

Waggaa baranaa qofa Aanaa Gullisoo, Aanaa Baabboo Gambeel, Aanaa Abee Dongoroofi kaanitti ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatef mootummaafi jiraattonni hidhattoota himatu.

Haata’u malee, hidhattoonni haleellaa lammiilee nagaa irratti hin raawwannu jechuun waakkatu.

Kanaan dura, pirezidantii Yunivarsiitii Dambi Dolloo Dr Dalasaa Bulchaa, qondaaltota mootummaa, abbootii Gadaafi hojjettoota baankii dabalatee butamunsaanii himamauun ni yaatatama.

Taate kanaaf mootummaan hidhattoota himata. Haata’u malee isaan dhimannaawwan kanneen ifatti amananii hin beekan.

Hidhattoonni kunneenis dhiheenya kana keessa haala kana dura hin baramtamneen ajjeechaa osoo hintaane ugguruu ifatti amanaa jiru. Kun akkamiin ta’e jechuun gaazexeessaan BBC qondaala garee kanaa gaafateera

‘’Wanta raawwanne qofa ifatti amanna. Kanaan achi, wanta hin raawwanneen itti gaafatamummaa hin fudhannu. Kun jijjiirama imaammataa miti,’’ jechuun Dubbii Himaan WBO Odaa Tarbii himan.