Filannoo Itoophiyaa 2021: Bu'aan Filannoo biyaalessaa ja'affaa Itoophiyaa yoom beekama?

Dubartii sagalee kennaa jirtu

Itoophiyaa keessatti naannolee muraasaan alatti filannoon biyyaalessaa marsaa jahaffaa gaggeefamaa jira. Filannoo kanarratti paartilee fi kaadhimamtootni dhuunfaan teessoo manneen maree naannoo fi Paarlaamaa Itoophiyaaf morkachaa jiru.

Keenninsi sagalee Waxabajjii 21, 2021 ganamaan kan eegale, guyyaaguutuu gaggeefamaa erga turee booda Boordiin Filannoo ibsa haaraa yoo hin baasu ta'e galgala sa'aa 12 irratti goolabama.

Akkuma sagalee kennuun xumurameen raawwachiiftonni filannoo, taajjabdootni uummataafi kan paartilee bakka argamanitti sagalee lakkaahuun eegalama.

Sagaleen kan lakkaahamu buufata filannootti yoo ta'u, rakkoo nageenyaa bakka dhalate ykn wanti dirqisiisaan biroon bakka mudatetti raawwachiftotni buufata filannoo naannoo filannoo hoogganuuf beeksisanii hayyama yoo argatan lakkaawwiin sagalee waajira buufata filannoo naannootti lakkaawama.

Sagalee kennuun akkuma raawwateen hoogganaan buufata filannoo sagalee lakkaahuun osoo hin eegalamiin dursee wantoota armaan gadii raachuu qaba:

  • Sagalee lakkaahuuf bakka buutonni kaadhimamtootaa, komii dhagahuuf kanneen hawaasa keessaa filataman, fi taajjabdootni filannoo akkasumas raawwachiiftotni filannoo akka argaman gochuu.
  • Ifti gahaan uumaamaa ykn namtolchee jiraachuu isaa mirkaneeffata.
  • Warqaa sagaleen ittiin kennamu kan buufata filannoo san gahe ni galmaaha.
  • Lakkofsi namoota guyyaa san sagalee kennanii ni galmaaha.
  • Lakkoofsi waraqaa sagaleen itti kennamu kan hojiin ala ta'an ykn hojiirra hin oolle ni galmaaha.
  • Sagalee lakkaahuun eegalamuu dura saanduqni sagalee saamsamaa ta'uun, kan hin tarsaane ta'uun ykn ammo rakkoon kan isa hin mudanne ta'uu dirsee qaamoleen ibsaman bakka argamanitti mirkaneessee qaboo yaa'ii qabata.
  • Itti aansees saanduqichi banamee waraqaaleen sagaleen itti kenname ni bahu
  • Saanduqni sagaleen itti kenname duwwaa ta'uunis ni mirkaneeffama
  • Achii booda manneen maree adda addaaf sagaleen kennameera yoo ta'e, lakkaawwiin sagalee gargra raawwatama. Fakkeenyaaf mana maree naannoofi Mana Maree bakka bu'oota Uummataaf yoo ta'e sagaleen manneen maree lamaanii duraa duubaan gargar lakkaawama.
  • Buufata filannootti ifti gahaan sagalee lakkaahuuf gahu hin jiru yoo ta'e taajjabdoonni kaadhimamtootaafi uummataa hoogganaan buufata filannichaa waliin ta'uun qaboo yaa'ii mallatteessanii sagaleen kenname osoo hin lakkaawamiin eegumsaan akka turan godhama.
  • Adeemsi sagalee lakkaahuu danqame yoo jiraate guyyaa itti aanu yoo barfate sa'aa tokkorraa eegalee raawwatama
  • Namoota olitti ibsame keessa komii kan dhiyeesse yoo jiraate, koreen komii dhagahuuf buufatichi hundaa'e dhimmicha qoratee atattamaan , yoo barfate jedhamemmoo sa'aa 12 hin caalle keessatti murtee kenna.
  • Koreen komii dhagahu lakkaawwiin sagalee akka daabatu ykn ammoo akka adda cituufi akkuma barbaachisummaa isaatti akka lakkaahuun itti fufu murteessuu danda'a

Buufatalee hundatti lakkaawwiin gaggeefamaa ture yoo raawwatamu ta'iiwwan asii gadii ni raawwatu:

  • Bu'aa lakkaawwii buufataaleetti raawwatamee
  • Lakkoofsa waraqaa filannoo buufataalee qaqqabe
  • Baayyina namoota buufataaleetti galmaa'aniifi sagalee isaanii kennan
  • Baayyina waraqaa filannoo hojiirra oolanii, kan hojiirra hin oolle, kan dogoggoraman fi gatii hinqabne
  • Baayyina sagalee kaadhimamaan hundi argate adda baasu
  • Lakkaawwiin xumuramee sa'aa tokko keessatti bakka bu'aa filannoo ibsuuf qophaayetti bu'aan filannoo ni maxxanfama
  • Buufataalee Filannootti bu'aan filannoo kan jalqabaa erga ibsamee booda sadarkaa adda addaatti bu'aan filannoo ibsamuu itti fufa.
  • Naannolee filannootti sagaleen erga lakkaawamee booda bu'aan isaa guyoota shan keessatti uummataaf ifa godhama
  • Boordichi hanga bu'aan filannoo hundi hanga isa bira gahutti jala jalaan naannolee filanoorraa bu'aa isa qaqqabe ibsuu danda'a
  • Haat'au malee bu'aanni filannoo inni xumuraa guyyoota 10 keessatti ibsamuu yoo baate, bu'aa filannoo kan yeroo ibsuun isarra jiraata

Boordichi guyyoota 10 sagalee kennuun booda jiran keessatti odeeffannoowwan armaan gadii uummataaf ifa gochuuf dirqama ni qabaata.

  • Lakkoofsa filattoota galmaahanii
  • Namoota sagalee kennan
  • Namoota galmaahan keessaa dhibbeentaa namoota sagalee kennaniifi hin kenninee
  • Tarree maqaa kaadhimamtootaa fi naannoo filannoo itti filatamanii
  • Paartileefi kaadhimamtoota dhuunfaa injifataniifi manneen maree lamaanii keessatti teessuma injifata
  • Waraqaa filannoo fayidaarra oole kan hin oolle fi hojiin ala kan ta'e
  • Kaadhimamaan kamuu buufata filannootti sagalee injifateefi odeeffannoowwan barbaaachisoo biroo

Kun kanaan osoo jiruu sadarkaa naannolee filannootti komiiwwan dhiyaatan bu'aa filannoo ibsuurratti danqaa kan uumu yoo ta'e, ifatti yeroon bu'aan filannoo itti ibsamu hanga guyyoota 20 turuu danda'a.