Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoon MM Abiyyiif kan jalqabaa ta'e bakka maqaan biyyattii waraanaan ka'aa jirutti gaggeeffamaa jira

Filattoota bakka dhaloota MM Abiy, Bashaashaatti filannoof hiriiranii jiran

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Filattoota bakka dhaloota MM Abiy, Bashaashaatti filannoof hiriiranii jiran

Itoophiyaan, muddama rakkoo nageenyaafi waraana naannoo Tigraayiin goolamaa bakka jirtutti filannoo biyyattiif murteessaa ta'e gaggeessaa jirti.

Filannoon biyyaalessaa marsaa ja'affaan sababa weerara koronaavaayirasii yeroo kanatti dabarfame kun erga Ministirri Muummee Abiy Ahmad bara 2018 aangoo qabatanii kan jalqabaati.

Ministirri Muummee Abiy filannoo kanaan paartiinsaanii teessoo paarlaamaa biyyattii 547 keessaa harka caalu argachuun imaanaa fi dirqama uummanni itti kenne fiixaan baasuuf abdatu.

Filannoon egeree biyyattiif murteessaadha jedhamuun eegamaa ture kun garuu, naannoo Sadaasa darberraa waraanatti jirtu Tigraay keessatti gaggeeffamaa hin jiru.

Waraana sanaan namoonni hedduun rakkatanii harka namaa eeggachaa jiraachuu fi kanneen 350,000 ta'an beelaaf saaxilamuu jaarmiyaan UN'n deggeramu qorannoo dhiyeenya taasiseen ibseera.

Filannoon kan hin gaggeeffamne naannoo Tigraay keessatti qofa osoo hin taane, kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti rakkoo nageenyaa fi hanqina loojistikii akka sababaatti kaasuun, kan hin gaggeeffamne ta'uu boordiin filannoo biyyattii himeera.

Walumaagalatti filannoon buufataalee filannoo jiran keessaa harka tokko shanaffaa keessatti gaggeeffamaa hin jiru.

Namoota filannoof hiriiran
Ibsa waa'ee suuraa, Filannoon kun erga MM Abiy bara 2018 aangoo qabatanii kan jalqabaati

Filannoon kun bakkeewwan hedduutti rakkoolee nageenyaa fi loojistikiif jecha yeroo biraatti dabarfamus, magaalaa Finfinnee keessatti garuu namoonni heddumminaan ba'uun filataa akka jiran rippoortaroonni BBC achi jiran taajjabaniiru.

Magaalaan Finfinnee iddoowwan filannoo jiran keessaa bakka morkattoonni Ministira Muummeef qormaata ta'aniidha.

"Kanan as dhufeef filannoo bu'uura dimokiraasii ta'eef gumaacha gochuufi,'' jedha Damiss Bayyanaa, bakka filannoof hiriiree jiru irraa yaada BBC'f kenneen.

"Tokkoon tokkoon sagalee keenyaa egeree keenyaaf murteessaadha. Kanaafuu namni kaardii filannoo ofharkaa qabu hunduu carraa kanatti fayyadamuu qaba, boodarra gaabbuurra ammuma itti fayyadamuudha,'' jedha filataan kan biraan Abbabaa Silashii.

Namoonni filannoof hiriiran
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Finfinneetti paartii MM Abiy qormaati mudachuu mala

Filannoon biyyaalessaa marsaa ja'affaan erga bara 2015 as yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa jiru kun jalqaba bara 2020, ji'a Hagayyaa keessa gaggeeffamuuf karoorri qabamee ture.

Haata'u malee sodaa weerara koronaavaayirasiif jecha yeroo kanatti dabarfameera.

Akka sagantaa filannoo isa jalqabaatti bu'aan qabxii filannoo duraa filannochi erga gaggeeffamee booda guyyoota shanan itti aanan keessatti ibsama.

Bu'aan filannoo inni dhumaa garuu guyyoota 23 keessatti ibsama.