Filannoo Itoophiyaa 2021: Odeessaalee dogongoraa toora intarneetaarratti kakaase

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa marsaa ja'affaa Wiixata boruu gaggeessuuf jirti. Tibba Itoophiyaan filannoo gaggeessuuf jirtu kanattis fayyadamtoonni intarneetii muraasni wayita odeeffannoowwan qabiyyee fi himannaa dogongorsiisaa ta'an of keessaa qaban maxxansan mul'atu.
Fayyadamni miidiyaa hawaasaa biyyoota kaan irra Itoophiyaa keessatti gadaanaadha.
Haata'u malee, keessattuu dhimmoota taateewwan akka filannoo irratti namoonni miidiyaalee hawaasaarratti barreessan hedduudha.
Guyyaa filanootiin guyyaan muraasaan dura, Facebook akkaawuntiiwwan odeeffannoo dogongoraa maxxansu jedheen haquu beeksiseera.
Odeeffannoowwan tibbana miidiyaarra deeman keessaa muraasa akka itti aanuutti ilaaleera.
MM 'aangoo kennuurra du'uu naaf wayya'' jedhan jedhamuu
Odeessa tibba duula na filadhaa filannoo biyyaalessaatti bal'inaan midiyaa hawaasaarratti qoodaman keessaa tokko waraabbii sagalee MM Abiy Ahmad loo'ee bahe jedhame tokko.
Sagaleen kunis wagahii paartii biyya bulchu aanga'oonni olaanoon irratti argaman irraa waraabamee iccitiidhaan bahe jedhame.
MM wayita ''aangoo gadhiisuurra du'uu naaf waayya'' jedhan dhagahamu.

Sagalee warraabbii kunis jalqaba kan maxxanfame Miidiyaa Keellootiini. Miidiyaan bu'urasaa Ameerikaa taasifate kunis sagalichi kan mirkanaa'eedha jedha.
Kana hordofees Waajjirri MM Abiy ibsa baaseen ''sagalechi sobaafi kan haasaa MM yeroo garaa garaatti dubbatan irraa walitti kan qindaa'eedha'' jedheera.
BBC Afaan Amaaraa sagalicha dhunfaatti 'xinxaleera' jechuun akka himeetti, sagaleen cicitaa qabaachuufi bu'aa baba'ii akkasumas qulqullina sagalee qiqindaa'uusaa mul'isu agarsiisu hubadhe jedhe.
Kulaalee warrabbii sagalichaa sadii kan haaraa MM Abiy duraan ifatti mariiwwan ummataa irratti taasisan irraa fudhataman.
Itoophiyaan Masrii irratti haleellaa niwukilaraa hin karoorfanne
Himannaan kunis himannaa nama hin amansiifneefi hin fakkaanne yoo ta'u, garuu wal dhabdee Itoophiyaa, Sudaaniifi Marsirii walin hidha Abbayyaa irratti jiru kan agarsiiseedha.

Bu'aalee MM Abiy fi ummanni Itoophiyaa ittiin boonu keessaa tokko kan ta'e Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa marsaa lammaffaan bishaan gutuunsaa dhiheenya akka gaggeeffamu Itoophiyaan beeksiiftee jirti.
Haata'u malee biyyoonni yaa'aa lagichaa gadiitti argaman hammantaa bishaanii nurraa hir'isa jechuun yeroo garaa garaatti komii kaasaa jiru.
Fuulli Facebook Masrii keessaa hogganamu tokko odeessa hin mirkanoofne maxxanseen, waa'ee wal dhabdee Itoophiyaafi Masrii jidduu jiruu ilaalchisuun, Itoophiyaan Masrii niwukilaaraan haleeluuf karoorfataa jirti jedhe.
''Odeessaaleen waa'ee Itoophiyaan Masriirratti haleellaa Nikulaaraa raawwchuuf qophaa'aa jiraachu himan baayyachu baayyee kan hinbaramneedha, kunis keessattu erga waldhabdeen dhimma hidha guddichaa haala hineegamneen cimaa dhufee as,'' jedha maxxansichi kun.

Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee Itoophiyaa meeshaa waraanaa nikulaaraa hinqabdu. Dhugaattis biyyoonni afriikaa ammaan tana meeshaalee waraanaa nikulaaraa qaban hinjiran.
Biyyoonni afriikaa irra caalaan qaama waliigaltee Zoonii Bilisa-Meeshaalee Waraanaa Nikulaaraa UNti. Kanaanis meeshaa waraanaa nikulaaraa akka hinqabaanneefi waliigaltichaan aboomamuuf waadaa galaniiru.
Lakkoofsi namoota filannoof galmaa'anii ni harbeeffame?
Biyya naannoolee hedduun olaantummaa siyaasaatiif keessatti dorgomaa jiraniitti, baayyinni lakkoofsa namoota filannoof galmaa'anii bakkuma hundatti dhimma guddaadha.

Madda suuraa, Getty Images
Maxxansiiwwan baayyina lakkoofsa namoota filannoof galmaa'anii kan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatiin bahee qeequun maxxanfaman heedduutu turan.
Baayyinni lakkoofsa Boordichaan keennamee sirriitti kan ummata biyyatti (lakkoofsi ummataa yeroo dhumaaf Itoophiyaatti kan gaggeeffame bara 2007tti) ta'u mirkanneeffachu baanulleen, maxxansaaleen baayyiinni namoota galmaa'anii dogongora qabaachu himan kunneen garuu kana mirkanneessuuf ragaan dhiyeessan garuu hinjiru.

Maxxansawwan muraasa keessattis yaadonni hawaasni saba lakkoofsaan muraasaa kan akka paartii biyya bulchu deeggaran yaadamu, itti yaadamuun baayyifame kan jedhu qaba.
Fakkeenyaaf maxxansi duula mormii Itoophiyaan alaa maxxanfame tokko, ragaa tokko malee ''kallattiin filannoo hundu qisaasa'aadha,'' jedha.
Odeeffannoon maxxansi kun irratti xiyyeeffate ammoo lakkoofsa jalqaba baatii Caamsaa baheerratti. Haata'u malee erga galmeen xumurameen booda eddoowwan muraasa keessatti yeroo garaa garaatti al-idilummaan mul'achusaatti jijjiramni taasifamanii turan.
Garuu ammoo kun namooti lakkoofsa isa duraa qooduurraa hindhorkine.
Lakkoofsi ummataa bara 2017 gaggeeffamuuf tures, jalqaba sababii nageenyaatiif, booda keessa ammoo sababii Covid-19n osoo hingaggeefamiin hafe.
MM dhuguma konkolaataa UNn duula gaggeessanii?
Walitti dhufeenya motummaa Itoophiyaafi UN jidduu jiru ofeeggannoon kan guutameedha.
Gareewwan mormituu muraasnis keessattu waraana naanoo Tigraay keessaan wal qabatee walabummaa UN irratti gaaffii kaasuun, dhaabbatichi sarbama mirga namoomaa naannichatti mudate haala gahaa ta'een hinqabne jedhu.
Keessattuu mormiitoonni, Itoophiyaatti qindeessaa Motummoota Gamtomanii kan ta'an Kaatiriin Sozii gaaffiifi deebii keenanniin, waraanni naannoo Tigraay tarkaanfii ''seera kabachiisuuti'' jechuusaanii kaasu.
Kanaafu wayita suuraan MM konkolaataa gabatee UN qabuu miidiyaa hawaasaarratti maxxanfameetti namoonni hedduun wal harkaa fudhaa turan.

Suurichi kan fudhatame wayita MM Abiy naannoo Oromiyaatti duula na filadhaa gaggeessanii turaniitti. Gabateen konkolaataa cuquliisni UN kunis fuula tiwitarii MM irratti baheera.
Suurichi dhugaa ta'ulleen konkolaatichi kan UNniin keenname ta'usaa fi maaliif akka gabatee UN qabaate hinbaramne.
Akkasumas suuraan walfakkaataan konkolaataa gabatee UN qabu kuni oggeessa kaameeraa MMtiin guyyaadhuma sana maxxanfameera.
Dubbii Himan UN BBCtti akka dubbataniitti ''UN ministiroota motumaa sadarkaa federaalaafi naannootti argamaniif konkolaataa kennuun gocha barameedha'' jedhan.
Itti dabaluunis konkolaataawwan kunneen qabeenyaa UN ta'u baatanis yeroo tokko tokkoo sababii gibiraan walqabateen gabatee UN ni qabaatu jedhan.
''Dhimma kanaan wal qabatee maal akka umamee qulqulleeffachaa jira'' jedhan.
Dhimmicharratti ibsa argachuuf waajjira MMtiin barreessinu illeen hanga ammaatti deebii hinarganne.
















