Filannoo Itoophiyaa 2021: Dhuunfaan dorgomuun hangam nama dhamaasa?

Aadde Duree Budeen dhuunfaan dorgomuuf jecha hojii mootummaafi dhaaba deeggaran keessaa bahuu himu
Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Duree Budeen dhuunfaan dorgomuuf jecha hojii mootummaafi dhaaba deeggaran keessaa bahuu himu

Aadde Duree Buudee jedhamu. Haadha ijoollee sadiiti. Dhuunfaan dorgomuuf jecha hojii mootummaa yeroo dheeraaf hojjetaniifi dhaaba deeggaran keessaa bahuu himu.

Yeroo ammaa Godina Gujii, Nageelleetti Miseensota Paartii Badhaadhinaa waliin Miseensa Caffee Oromiyaa ta’uf dorgomu.

Aadde Duree, ganna 33, filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa jahaffaa taasifamu irratti namoota 148 dhuunfaan dorgoman keessaa tokkodha.

Namoonni sababoota garaagaraan dhaaba siyaasaa osoo bakka hin bu’in dhuunfaa isaanii miseensa mana maree bakka bu'oota uummataas ta’e kan mana maree naannoo seenuuf kaan waliin dorgomu.

Namoonni caalaatti ummata tajaajilla jechuun, qofaa dhiibbaa uumna jedhanii yaaduun, paartii waliin waldhibdee uumuu, dambii paartiin bitamuu dhabuu dabalatee sababoota kaaniin dhuunfaan yoo dorgoman mul’ata.

Kana dura kanneen akka Dr Nagaasoo Gidaadaa, Obbo Girmaa W/Giyoorgis akkasumas Dr Ashabbir W/Giyoorgis fa’i dhuunfaan dorgomanii paarlaamaa seenuun ni yaadatama.

Keessumaa Dr Nagaasoon dhuunfaan injifatanillee rakkoon maallaqaa akka garaa isaanii akka hin sochoone isaan danqaa turuu dubbataa turan.

Siyaasa Itoophiyaa keessatti gara caalu paarti irratti bu’ureeffateefi paartii biyya bulchaa jiru kan qarshiinis ta’e caasaan fagootti isaan caalu waliin dorgomuun hangam salphaadha?

‘Waan keessa darbe odeessee hinfixu’

Aadde Dureen imalli isaanii salphaa akka hin turre himu. ‘’Rakkoon keessa dabarre hammaataadha. Amma odeessee fixallee jedhee hin yaadu’’ jechuun dubbatan.

Sababoonni ijoo isaan na mudate jedhan rakkoo nageenyaafi maallaqaadha. Dhaabni keessaa bahe jedhan dhuunfaan dorgomuu isaaniin akka hin gammannellee ibsu.

Yeroo ammaa sababa rakkoo nageenyaan kanneen isaan deeggaran balaaf saaxilamuullee dubbatu. ‘’Yookaan mootummaan nu hidha, yookaan shaneen nu fuudha jedhanii namoonni sodaa keessa jira.’’

Rakkoon isaanii biraa maallaqadha. ‘’Duula na filadhaa qindeessuuf maallaqa hin qabnu. Kanarraa kan ka’e rakkoon loojistikii na qunnamaa ture.’’

Buufataalee filannootti akka taajjabaniif nama bakka buufachuuf rakkoon maallaqaa akka jirullee himu.

‘’Maallaqa malee namni bakka siif bu’u hin danda’u. Kana gochuuf immoo maallaqa hin qabnu. Rakkoo hammaataa wanti maallaqaan walqabatu.’’

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa torban darbe kanneen dhuunfaan dorgomaniif dhuunfaatti birrii 50,000 akka kennuuf himeera. Ta’us, ‘’sun nu hin gahu’’ jedhu Aadde Dureen.

‘’Postera gara garaa maxxansuu, konkolaataa kireeffachuu, meeshaa gara garaa kireeffachaa turre. Sanarraa kaanee duruu idaa keessa turre,’’ jechuun himu.

‘Namni mana taa’e rakkoon isa hin hanqatu’

Obbo Mi’eessoo Nabii Gammadaan immoo Miseensa Mana Mareef Aanaa Shaashamanneetti dhuunfaa isaanii Miseensa Paartii Badhaadhinaa waliin dorgomu.

‘’Yeroo ammaa ummanni Oromoo sadarkaa paartiitti addaan cicccitee garii gariin wal ilaala. Ani as keessa seenuu hin barbaanne,’’ jechuun sababii dhuunfaan dorgomu barbaadaniif himan.

‘’Ummanni bal’aa siyaasaan ala jiru dudda duuba taa’ee ilaalaa jira. Garuu rakkoon isa hin hanqatu,’’ jechuun gahee ofii gumaachuu yaadu.

‘’Ani yeroo dheeraaf dhaabbata miti – mootummaa keessa ture’’ jechuun dhaabbata hundeessuu himu.

Yeroo jalqabaaf dhuunfaan kan dorgoman yoo ta’u ‘’muuxannoo irraa argachuufis’’ karoora qabu.

Aadde Dureen rakkoo nageenyaa himaniis Obbo Mi’eessoon garuu ‘’rakkoo wayiitu hin arganne’’ jechuun BBC’tti dubbatan.

Qaamoleen mootummaa ‘’maal si gargaarra’’ jedhu malee ‘’kan na dhiibu hin argine’’ jechuun rakkoon nageenyaa akka isaan hin mudanne himu.

Haa ta’u malee, isaanis rakkoon maallaqaa himatu. ‘’Birosharii si barbaachisa, ummata keessa geejjibni si barbaachisa, ummata walgahii adda addaa waamutu sirra jira ... kanniin an godhuu hindandeenye.’’

Qarshii boordiin filannoo kenne ‘’gahaa miti’ jechuunis himu. Dabalataan, dursee kennamuu qaba ture yaada jedhullee qabu.

Kanneen biraa dorgoman eenyu?

Filannoo baranaa irratti magaalaa Finfinneefi magaalota Oromiyaa garaa garaa akkasumas kanneen dhuunfaan dorgoman irraa morkiin cimaa akka isaan eegu qondaalli dhaaba Badhaadhinaa BBC’tti himaniiru.

Filannoo baranaa irratti lakkoofsi namoota dhuunfaan dorgomani guddaadha. Akka Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibsetti kanneen galmaa’an 148 dha.

Akka fakkeenyaatti namoota siyaasaa gameeyyiifi hundeessitoota dhaaba ABO keessaa tokko Dr Diimaa Noggoo Goreetti dhuunfaan Miseensa Mana Mareef ni dorgomu.

Gama kaaniin Dura Taa’aan duraanii ABO Obbo Galaasaa Dilboos Haarawacaatti dhuunfaan Miseensa Mana Mareef ni dorgomu.

Paartii Warraaqsa Bilisummaa Oromoo?

Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa baranaa irratti, keessumaa Oromiyaa keessa dhaabbileen ijoo morkattoota ta’uu mala jedhamanii eegaman, KFO fi ABO hin hirmaatan.

Kunis ta’u morkiin ni dhiba miti jechuun himu qondaalli olaanaa dhaaba Badhaadhinaa Obbo Awwaluu Abdi.

‘’Nuyif dorgommii jechuun qaamolee waliin dorgomtu miti, kaayyoo qabattedha’’ jechuun ibsu.

Miseensi Koree Gidduugalaa dhaabichaa kuni paartileen dhuunfaa biroon akkasumas kanneen dhuunfaan dorgoman morkattoota isaanii ta’uu akka malan himu.

Dhaabbilee siyaasaa maqaa Oromoo dhahatan keessaa Paartiin Warraaqsa Bilisummaa Oromoo jedhamu Godina Shawaa Lixaa Aanaa Walmaraatti akka dorgomu ragaan boordichaa ni agarsiisa.