Filannoo Itoophiyaa 2021: Finfinnee keessatti eenyutu, eessaafi eenyu waliin dorgoma?

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaan Finfinnee barootaaf jidduugala siyaasa biyyattii mummee ta'uun tajaajilti. Paartiileen siyaasaa hedduunis haala magaalattii jidduugala taasiseen imaammatasaanii wixineessuun yoo socho'an mul'atu.

Haalli kunis filannoo bara kanaatinis kan mul'ate yoo ta'u, dorgommiinis cimuu akka danda'u lakkoofsi paartiilee dorgomanii kanaaf mul'iftuudha.

Haaluma kanaan aanga'oota mootummaa olaanoofi qondaaltoota siyaasaa mana maree Bulchiinsa magaalaa Finfinneefi kanneen magaalattii bakka bu'uun paarlaamaaf dorgoman adda baafneerra.

Paartiin biyya bulchu Badhaadhinni, Paartiin Hawaasummaa Lammiilee Itoophiyaaf (EZEMA) fi Paartiin Baaldaraas Dimokraasii Dhugaatiif kanneen ittaanan mana maree Magaalaatiif kaadhimummaan dhiyeessaniiru.

Qiirqoos

Bulchiinsa magaalattii dorgommii cimaan keessatti eegamu keessa tokko Qiirqoos. Paartiin EZEMA ogeessa diinagdeefi miseensa mana maree magaalaa Finfinnee duraanii kan ta'an Kibur Gannaa Qiirqoos keessatti kaadhimamaa mana maree bulchinsaaaf dhiyeeffate.

Paartiin Badhaadhiinaa gama isaatiin, ministira Ittisaa Qan'aa Yaadataa, Ministira Barnootaa Dr Injinar Geetaahun Mekuriyaa fi Pires Sakreetiriyaatii MM duraaniifi Komishinara Komishinii Hojii Umuu ammaa Obbo Nugusuu Xilaahuun kaadhimummaan mana maree magaalattiif dhiyeeffateera.

Nifaas Silk Laaftoo

Paartiin Badhaadhinaa bulchiinsa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti Ittaantuu kantiibaa magaalattii Aaddee Adaanach Abeebee kaadhimamtuu mana maree magaalattii taasisuun dhiyeeffateera.

Baaldaraas gamasaatiin ammoo mana hidhaatti kan argaman Obbo Sintaayyehu Chakkool dorgomaa Aadde Adaanach taasisuun kutaa magaalaa kanatti dhiyeeffateera.

Boolee

Kutaa magaalaa Boleetti Paartiin Badahadhiinaa Bulchiinsa Magaala Finfinneetti sadarkaa Ittaanaa kantiibaatiin Qindeessaa dhaabbilee kennitoota tajaajila Mootummaa kan ta'an Jaanxiraar Abbaay kaadhimamaa miseensa mana maree magaalichaatiif dhiyyeeffateera.

Kana malees, Kutaa magaalaa Booleetti hojii raawwachiisaa bulchiinsaa kan ta'an Makonnin Ambaayeefi Deetaan Ministira Ministeera Barnootaa Dr Saamu'el Kiflees kaadhimamtoota Paartii Badhaadhiinaa ta'uun dhiyaataniiru.

Paartiin IZEMA gama isaatiin Dr Bazaabih Damissee dhiyeeffateera.

Eekkaa

Bulchiinsa kutaa magaalaa Eekkaatti ammoo pirezidaantii Paartii Baaldaraas kan ta'eefi ammatti mana hidhaatti kan argamu Iskindir Naggaatu teessuma mana maree magaalaaf dorgoma.

Araadaa

Bulchiinsa kutaa magaalaa Araadaatti ammoo Itti Gaafatamaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa kan ta'an Obbo Dhaabaa Dabalee fi Obbo Nabiyyuu Baayyuu Paartii Badhaadhiinaa bakka bu'uun dorgomu.

Kolfee Qaraaniyoo

Kolfee Qaraaniyootti gama Paartii Badhaadhinaatiin Komishinarri Komishinii Invastimantii Laliisee Namee yoo dorgoman, Baaldaraas ammoo Heenook Akliiluu kutaa magaalaa kanatti kaadhimamaa taasiisuun dhiyeeffateera.

Addis Katamaa

Pirofessar Xaasaw Waldahaannaa Pirezidaantiin Yunivarsitii Finfinnee paartii Badhaadhiinaa bakka bu'uun mana maree magaalaatiif dorgomu.

Filannoo Itoophiyaa 2021

Mana maree Bakka Bu'oota Ummataa

Jiraattonni Magaalaa Finfinnee mana maree bakka bu'oota ummataa keessatti teessuma 23n bakka bu'amu. Kanaafis paartileen adda addaa naannoolee filannoo 23 irratti dorgomu.

Badhaadhinni naannoo filannoo 3 irratti Dr Liyaa Taaddasse, Ministira Fayyaa kaadhimummaan yoo dhiyeeffatu, EZEMAn ammoo Dr Xilaahun Gabrahiwootiin dhiyeeffateera.

Naannoo filannoo 6 keessatti ammoo EZEMA bakka bu'uun Girmaa Seefuu kan dorgoman yoo ta'u, Paartiin Badhaadhiinaa ammoo Dr Injinar Wandimmuu Taklee dhiyeeffateera.

Dhimma Hidha Guddicha Haaromsaa irratti afaan Arabaatiin ejjannoo Itoophiyaa calaqqisiisuun kan beekamu Mahaammad Kamaal Alii Al-Aruus ammoo Paartii Badhaadhiinaa bakka bu'uun naannoo filannoo 7 irratti dorgomu.

Gama EZEMA ammoo Naardoos Silashii naannoodhuma filannoo kanarratti dorgomti.

Gama biraatiin Ministirri Geejibaa Daagmaawiiti Mogas Badhaadhiina bakka bu'uun naannoo filannoo 8 irratti kaadhimamummaan dhiyaataniiru.

Naannoo filannoo 11 irratti ammoo Pirofessar Hiirut WaldaMaariyaam Badhaadhiina bakka bu'uun mana maree bakka bu'ootaaf kan dorgaman yoo ta'u, Dr Salamoon Tasammaa Paartii Baaldaraasiif, Yejjualgaaw Jammara ammoo EZEMA bakka bu'uun dorgomu.

Ittaanaan dura taa'aan EZEMA Andu'alam Arraagee naannoo filannoo 12 fi 13 irratti kan dorgoman yoo ta'u, Dr Sintaayyehu Waldamikaa'el ammoo Badhaadhina bakka bu'uun dhiyaataniiru.

Ministirri Bishaan, Jallisiifi Inarjii Dr Injinar Silashii Baqqalaa ammoo paartii Badhaadhiinaa bakka bu'un naannoo filannoo magaalaa Finfinnee 17 irratti paarlaamaaf dorgomu.

Isaan waliin ammoo paartii Baaldaraas irraa Baqaaluu Axinaafuu naannoodhuma filannoo 17 kanatti dorgomu.

Paartiin Badhaadhinaa Zaadiig Abrahaa naannoo filannoo 18 irratti kaadhimamaa gochuun kan dhiyesse yoo ta'u, Dubbi himaan Ministira Haajaa Alaa Ambaasaadar Diinaa Muftii ammoo paartiidhuma kanarraa naannoo filannoo 20 irratti dorgomu.

Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Baaldaraas kan ta'an Obbo Galataaw Zallaqaa ammoo Ambaasaddar Diinaa waliin naannoo filannoo 20 irratti dorgomu.

Naannoo filannoo 21 fi 22 irratti ammoo gama Paartii Badhaadhiinaatiin, Bulchaan Baankii Biyyaaleessaa Dr Yinnaagar Dassee yoo dorgoman, Baaldaraas ammoo Dr Antenah Balawu fi Paartiin EZEMA ammoo Abbaay Birhaanuu Waldagoorgiis kaadhimamaa gochuun dhiyeessaniiru.

Pirofesar Birhaanuu Naggaa EZEMA irraa naannoo filannoo 23 irratti paarlaamaaf yoo dorgoman, Diillaa Atooree Daareektarri Ejansii Madaalliifi Qormaatawwan Biyyooleessaa Paartii Badhaadhiinaa bakka bu'uun dorgomu.

Naannoo filannoo 28 bakka Daaqon Daani'eel Kibirati dhuunfaan itti dorgomutti, Ammaahaa Daanyawu ammoo paartii Baaldaraas irraa bakka dorgomaan Badhaadhinaa hinjirreetti waliin dorgomu.