Magaalaa Finfinnee dirree walmorkii ijoo filannoo - 2021

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, PM Office

Giddugalli siyaasafi diinagdee Itoophiyaa magaalli Finfinnee waggoota darbanif mata duree falmii paartilee siyaasaa turte.

Dhimmi bulchiinsaa, abbummaan magaalattii akkasumas faayidaan addaa naannoon Oromiyaa magaalaattiirraa qaba jedhamu dhimmoota immaammatafi ilaalcha paartileen siyaasaa Finfinneerratti qaban gargar taasisanidha.

Gaafiin abbummaa magaalaa Finfinnee keessattuu waggoota muraasaa as rogeeyyii, dargaggoota akkasumas uummata Oromoo bal'aa biraa ka'aa tureera.

Faallaa kanaan immoo abbummaan magaalaa Finfinnee kan jiraattotashee akka ta'e kaasuufi dhimma faayidaa addaa mormuun sochiileen garaagaraa taasifamaa turan.

Magaalaattiinis dirree walmorkii yaadawwan lamaanii erga taatee bubbuluunshee waan ifaati.

Yeroo ammaattis paartileen siyaasaafi dorgomtootni dhuunfaa teessoowwan magaalli Finfinnee mana maree bakka bu'oota uummataa keessaa qabdu 23 fi teessoowwan mana maree magaalattii 138 injifachuuf walmorkiitti jiru.

"Finfinnee bulchiinsa of dandeesse ni goona" -Baaldaraas

Sosochiin maqaa 'Mana Maree Baaladaraa Finfinnee' jedhuun Obbo Iskindir Naggaatin bara 2019 eegalamefi boodas dhaaba siyaasaa ta'uun harkasaa siyaasa magaalaa Finfinnee keessatti kan cimsate Baaldaraas, dhaadannoo "magaala Finfinnee bulchiinsa of dandeesse ni goona" jedhun filannicharratti morkataa jira.

Kunis magaalli Finfinnee itti waamamanishee mootummaa federaalaaf osoo hintaane akkuma naannolee biroo ofdandeessee akka bultu sochii taasifamaa jirudha.

Sosochiin 'Baaladaraa' bulchiinsa itti aanaa kantiiba magaala Finfinnee duraanii Injinar Taakkalaa Uumaa qeequn eegale yeroo ammaatti paartilee magaala Finfinnee keessatti morkii cimaa taasisaa jiran keessaa tokko.

Heera biyyattii keewwata 49 irra kan kaayame dhimma faayidaa addaa naannoon Oromiyaa magaala Finfinneerraa qabu cimaa kan balalefatu paartin Baaldaraas: uummatni, sabnifi naannoon magaala Finfinneerraa dantaa addaa qabu hin jiru" jedha.

Paartin Baaldaraas 'carraan magaala Finfinnee keessatti injifachuusaa akka dabaluuf' paartii Warraaqsa Biyyaalessaa Amaaraa [ABIN] walin waliigaltee kan mallatteesse yemmuu ta'u paartin ABIN magaala Finfinnee keessatti hin dorgomu.

"Finfinneen kan jiraattotasheeti"- IZEMA

Gama biraatin nama siyaasaa buleessa kan ta'an Profeesar Birhaanu Naggaan kan hogganamu Paartiin Haqa Hawwaasummaa Lammilee Itoophiyaaf (IZEMA) ijjannoo "Finfinneen kan jiraattotasheeti" jedhu qaba.

"Finfinneen gama bulchiinsaan, abbummaafi gaafii mirgaatin kan jiraatotasheeti" jedha paartichi.

Haa ta'u malee dhaabichi akkaataa bulchiinsa magaala Finfinneerratti waan ifatti kaaye hin qabu.

Haasaa hogganaan paartichaa Profeesar Birhaanun dhiyeenya kana taasisanin "akkaataan naannoleen itti ijaarraman qoratameefi uummatni irratti mari'atee kan murtaa'udha" jedhan.

Dhimmi Finfinnees dhimmuma ijaaramafi bulchiinsa naannolee walin kan ilaalamu ta'uufi kunis dhimma filannoo booda murtaa'u akka ta'e dubbatan.

"Finfinneen magaalaa guddittii uummata Oromooti" - Paartii Badhaadhinaa…

"Finfinneen giddugala siyaasaafi diinagdee mootummaa naannoo Oromiyaafi uummata Oromiyaati" kan jedhan sadarkaa ministiraatti Pirezidaantin Akaadamii Mallas Obbo Awwalu Abdiiti.

Dabaluunis, Paartiin Badhaadhinaa ijjannoo faayidaan addaa naannoon Oromiyaa magaalaa Finfinneerraa qabu kan heera biyyattii keewwata 49 irratti kaayame kabajamuu qaba jedhu akka qabu BBC'tti himan.

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee

Faayidaan addaa heera biyyattiira kaayame waggoota dheeraaf hojiirra osoo hin oolin turus paartin isaanii filannoo itti aanu yoo injifate gaafiiwwan uummatni Oromoo magaala Finfinnee ilaalchisee qabu deebisuf qophii ta'uu dubbatan.

"Cee'umsa kana booda mootummaan cimaa uumamee gaafileen uummataa kan Oromoo qofa osoo hintaane kan sabaaf sablammoota biroollee karaa guutuu ta'en nideebifna kan jedhuun hojjechaa jirra" jedhan.

Paartileen eenyufa'i Finfinneerratti kaadhimatan?

Yeroo ammaatti bulchiinsa magaala Finfinnee ofharkaa kan qabu Paartiin Badhaadhinaa namoota siyaasaa buleeyyii akkasumas haala kanaan durarraa adda ta'en namoota dameelee hojii garagaraa irratti bobba'an kaadhimummaan dhiyeefateera.

Kunneen keessaa itti aantun kantiibaa magaala Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, bulchaan yeroo naannoo Tigraay Dr. Abrahaam Balaay, Daayrektarri Komunikeeshinii Ministeera Galiiwwanii Addee Ummii Abbaajamaal, Komishinarri Komishinii Carraa Hojii Uumuu Federaalaa Obbo Nugusuu Xilaahun, Pirezidaantiin Yunivarsiitii Finfinnee Pirofeesar Xaasaw Waldahaannaa, Komishinarri Komishinii Invastimantii Itoophiyaa Addee Lalisee Namee fi Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee kunneen Paartii Badhaadhinaa bakka bu'uun mana maree Magaala Finfinneef dorgoman keessaayi.

Magaala Finfinnee keessatti paarticha bakka bu'uun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf kan dorgoman immoo Ministira Fayyaa kan ta'an Dr. Liyaa Taaddasaa, Ministira Misooma Qabeenya Bishaanii Dr. Injinar Silashii Baqqala, Ministira Geejibaa Adde Daagmaawit Mogos, Hidha Haaromsaa ilaalchisee gama Itoophiyaan afaan Arabaatin falmuun kan beekkamu Obbo Mahaammad Kamaal Al-Arusii, Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dr. Yinnaagar Dassee fi gorsaan Ministira Mummee Obbo Zaadig Abrahaa ni argamu.

Gama biraatin ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee hookkara magaala Finfinnee keessatti uummameen walqabatee kan himataman hogganaan Paartii Baaldaraas Obbo Iskindir Naggaa mana hidhaatii Mana Maree Magaala Finfinneef dorgomu.

Miseensonni paartichaa Obbo Iskindir walin hidhaarra jiran Obbo Sintaayyahu Chakkol fi Askaala Damillee mana maree magaala Finfinneef yeroo dorgoman Qallaab Suyyum immoo magaala Finfinnee keessatti Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf dorgomu.

Paartiin Haqa Hawwaasummaa Lammilee Itoophiyaaf (IZEMA) gama isaatiin hogganaasaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa, Itti aanaa isaanii Obbo Andu'aalam Arraage, Profeesar Bafiqaaduu Daggifee, filannoo bara 2002n MADRAK bakka bu'uun miseensa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa kan turan Obbo Girmaa Seefu akkasumas barsiisaa Yunivarsiitii Finfinnee kan ta'an Dr. Annimaaw Antanah magaala Finfinnee keessatti Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf kaadhimateera.