Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoon kun rakkoo nageenyaa bakka garagaraatti mul'atuuf furmaata fidaa?

Korojoo filannoo

Madda suuraa, Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 38 ol ta’an guyyaa Wiixataa sagalee kennuun mootummaa waggoota shan dhufaniif ummata biyyattii miiliyoona 110 ol ta’u bulchu ni filatu.

Filannoon kun garuu waraana Tigraay qabee yeroo rakkoon nageenyaa bakkeewwan biyyattii garaa garaatti mul'atuutti gaggeeffama.

Boordiin filannoo biyyaaleessaas bakkeewwan rakkoon nageenyaa itti mul'atu jedhaman naannoolee adda addaa keessatti filannoon marsaa kanaa kan hin gaggeeffamne ta'uu ibsee ture.

Nutis filannoon amma gaggeeffamu kun rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti mul'atan ni furaa jechuun qondaala mootummaa, jiraattoota, xinxaltootaafi yaada paartii mormituu irraa arganne akkasiin qindeessineera.

‘Ani nagaan haa dhufuuf filadha’

Jiraattonni waa’ee filannoon adeemsifamu nageenya fiduu ilaalchisuun gaafanne yaada garaa garaa himu.

Rakkoo nageenyaan maqaa naaf dhoksaa kan jedhan namni dubbisne kun sababii haleellaa hidhattoonni raawwataniin Naannoo Benishaanguliiti kan baqatan.

‘‘Ani akka yaadakootitti nagaa fiduu ni danda’a jedheeti kanin yaadu’’ jechuun himu abbaan ijoollee tokko sababa rakkoo nageenyaatiif filannoo baranaarratti hirmaachuu hin dandeenye kun.

Barsiisaan magaalaa Naqamtee jiraataniifi maqaa naaf dhoksaa jedhan garuu yaada biraa qabu.

‘‘Attamitti nagaa fida? Osoo nagaa fida ta’e amma nagaan maaliif hin jiru ture?’’ jechuun dhaabni biyya bulchu qofaa dorgoma jedhanii akka amanan dubbatanii, kun ammoo nagaa hin fidu jedhu.

Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa jahaffaa irratti, keessumaa Oromiyaa keessa dhaabbileen siyaasaa paartiilee kaan morkachuu danda’an, KFO fi ABO dursanii akka hin hirmaanne beeksisanii turan.

Jiraattuun Naannoo Amaaraa magaalaa Dassee immoo sababni filannoorra hirmaattuuf nagaan akka dhufuuf yaaddee akka ta’e himti.

‘‘Namni hojjetee nagaan jiraachuu hin dandeenye. Kun na yaaddessa. Kanin sagalee kennuus kun akka jijjiiramuufi,’’ jetti.

Jiraattonni Naannoo Amaaraa irraa dubbisne ajjeechaa saba Amaaraa irratti xiyyeeffate raawwataa jira jedhan dhaabsisuuf sagaleen isaanii murteessaa ta’u himan.

Mootummaan maal abdata?

Sababoota ijoo filannoo irratti hirmaachuuf dhiisan keessaa tokko filannoon adeemsifamu ‘‘nagaa fida jennee hin yaadnu’’ jedhu Dura Taa’aan KFO Pirof. Mararaa Guddinaa.

Miseensi Koree Giddugaleessaa paartii Badhaadhinaa Obbo Awwaluu Abdii ammoo faallaa kanaa filannoon biyyaalessaa baranaa nagaafi tasgabbii ni fida amantaa jedhu qabu

‘‘Filannoon kun nagaa fidee dhufa, tokkummaa fidee dhufa, tasgabbii fidee dhufa. Kanaa ol immoo mootummaa cimaa ummataan filame Gaanfa Afrikaa keessatti uuma.’’

‘’Ummata [Oromiyaa] gara Lixaatif, gara Kibbaatifillee walumaagala nagaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaatifillee gahee guddaa qaba,’’ jechuun ibsu.

Naannoowwan biyyattii rakkoon nageenyaa yeroo dheeraaf itti mudataa jiru keessaa tokko Naannoo Oromiyaadha.

Gorsaan nageenyaa Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaafi filannoo baranaa keessatti Badhaadhina bakka bu’uun kan dorgoman B/J Hayiluu Gonfaa filannoon kun nagaa ni fida yaada jedhu qabu.

Mootummaan sagalee ummataan filame waan hundaa’uufi ummanni sagalee kenneen nageenya isaa waan tikfatuuf nageenyi dhufa jechuun BBC’tti himan.

MM Abiy Ahimad filannoon baranaa filannoo 'dimokiraatawaa jalqabaafi' si'achi taasifamuuf bu'uura ta'uu akka danda'u himaniiru.

Xinxaltoonni maal jedhu?

Gaaffii filannoon amma gaggeeffamaa jiru nagaa fiduu jechuun kan gaafanne xiinxalaan lammiin Itoophiyaa biyya Nezerlaand jiraatan Adam Kabbadaa (PhD) ‘’Deebiin gabaabaa lakkiidha,’’ jechuun BBCf deebii kennan.

Filannoon taasifamu lola Tigraay keessas ta’e rakkoolee bakkeewwan biroo jiran furuuf adeemsifama miti jechuun himu.

‘‘Yoo rakkoon nageenyaa tasa dhaabate, sababa filannoon miti. Inumaa, kanneen adeemsa filannoo keessa mo’amaniifi filannicha hirmaachuu didan abdii kutachuu danda’u, morkii nagaarraa mormii daandiirraatti hirmaachuu malu,’’ jechuun akeekkachiisu.

Xinxalaan biraa dubbifne Kumaa Baqqalaa ammoo, filannoo gaggeessuun dirqama heeraan barraa’efi yeroo yeroon raawwachuun isaa dirqama kan jedhan jechuun, garuu ammoo filannoon rakkoo guutuu fura miti jedhu.

‘‘Filannoon biyya tokkotti gaggeeffame jechuun rakkoo bu’uuraa biyya tokko guutummaa guututti fura jechuu miti,’’ jedhu Yunivarsiitii Finfinneetti Kaadhimamaa Digirii Sadaffaa kan ta’e Kumaa Baqqalaa.

Sababa rakkoo nageenyaan bakka dhaloota isaa filannoon akka hin taasifamne kan himu Kumaan, filannoon taasifamuun isaa nagaa hin fidu jechuun dubbata.

‘‘Rakkoolee walitti bu’iinsa bifa garaagaraatin hawaasa gidduu mul’atan filannoon taasifamu ni fura jedhanii yaaduun xiqqoo ni ulfaatas,’’ jedhan.

Wanti filannoon fidu maaliree?

Waggoota sadan darban bakkeewwan biyyattii garaa garaatti waldhibdeen siyaasaa, amantiifi sabaa mudateen hedduun lubbuu dhabaniiru.

Jiraattonni bakkeewwan rakkoo nageenyaa jiru keessa jiraatan wanti ijoo barbaadan nagaa ta’u himu. Gumaachi filannoon gaaffiifi hawwii jiraattota kanaaf fidu maali?

Kumaa Baqqalaan‘Filannoon kun bu’aa hin qabu jechuu miti,’’ jedha. Filannoon ummanni bahee filatu mootummaa cimaa ijaaruuf gargaara jechuun dubbata.

‘‘Filannoon paartii ni aangessa, mootummaa tokko ni aangessa,’’ jechuun mootummaan filannoo ummataan aangoo qabate rakkoo lammiilee furuuf itti gaafatama qaba jechuun ibsa.

‘‘Paartiin filannoo dorgomee moo’e sadarkaa addunyaatti mootummaa ta’u isaa ni mirkaneeffata. Beekkamtii argachuu jechuun humna argachuu jechuudha.

‘‘Humna jechuun karaa biraa karaa seerriifi heerri siif kenneen aangoo ummata biyya kanaa gaggeessuutu siif laatama,’’ jechuun imaanaa gaaffii ummataa deebisu akka ta’e ibsa.

Rakkoowwan nageenyaa baroota darbanirraa daddarbaa akkasumas waliigalteen humnoota siyaasaa keessa dhibamuun dhalatan furuuf furmaanni marii ta’u hima.

‘‘Akka ilaalcha kootti rakkooleen kun kan isaan furamuu danda’an mariin biyyaalessaa kan qaama hunduma hammate filannoo booda taasifamuu danda’edha,’’ jechuun dubbata.

Mootummaan Itoophiyaa filannoo booda ‘mariin biyyaalessaa’ akka taasifamu dubbateera. Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaas dhihoo ibsa baasen mariin filannoo booda akka taasifamu gorse.

Kana dura, erguma MM Abiy aangootti dhufanii mariin qaamolee garaa garaa hirmaachise gaggeeffamaa turuutu himama. Ta’us, ‘‘wanta barbaadame hin fidne’’ yaada jedhu qabu Dura Taa’aan KFO Prof. Mararaa Guddinaan.

Dhaabbileen mormituu kana dura irra – deddeebiin ‘mariin hunda galeessa’ akka taasifamu gaafataa turuun isaanii ni yaadatama.