Filannoo Itoophiyaa 2021፡ Boordii filannoo biyyaalessaa kan hogganan Birtukaan Miidhaksaa eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni hedduun waa'ee Birtukaan Miidhaqsaa kan dhagahan ALI bara 1994, wayita nama Ministira Ittisa Biyyaa turan Siyyee Abrahaa mormaa, MM yeroo sanaa Mallas Zaanaawiitiif mirga wabii hayyamtetti ture.
Obbo Siyyeen yeroo sanatti maatiisaa jaha waliin himannaan malaammaltummaa irratti dhiyaatee ture.
Birtukaanis guyyaa sanatti dhaddacha irratti argamuun galmee Obbo Siyyee kan ilaalan sababii daanyaan ykn abbaan seeraa jidduu dhukkubsatanii hafaniif ture.
Yeroo sanatti Birtukaaniifi hiriyoonni ishee mindeeffamtoota haaraa mana barnootaa seeraa irraa kallattiin gara abba seerummaatti jalqaba dhufan turan.
Abbootiin seeraa haaraa namoota kunneenis sababii beellamaatiin seera malee qabamanii turan gadhiisuun imaammatichatti boowwoo waan ta'aniif gorsaa hangi akeekkachisaa kennamaaf turu dubbatu.
Birtukaanis erga abbaa seeraa ta'anii booda galmeewwan dhaddacha yakkaa gurguddaan ilaalamaa waan turaniif ija raawwachiftootaa galunsaanii hinoolle.
Gaaffiifi deebii yeroo tokko dhaabbata 'Freedom collection' jedhamu waliin taasisanii himannaan naamusaa irratti dhiyaate akka ture dubbatan.
''Dhimmi Siyyee bahee kan mul'atu waan ta'eef malee galmeewwan hedduurratti murtee sirnicha qoran dabarsaniiru'' yeroos hiriyyaa dhoyoo Birtukaan kan turan Obbo Biniyaam (maqana kan geedarame) ni dubbatu.
Jireenyi siyaasaa Birtukaan filannoo 1997n booda haalaan ifa bahe ture. Yeroo sanatti filannoorratti hindorgome. Mana murtii gadhiisuun oggummaa abukaatummaan paartilee gorsuurra hirmaatu turan.
Filannoo isaan duraa bara 1992 irratti dhunfaan dorgomanii paartii biyya bulchuun mo'atamanii ture.
"Birtukaan naannoo Faransaayi Lagaasiyoonniitti haalaan beekamti. Naannoon filannoo keessatti dorgomte garuu baayyee bal'aa ture. Isheenis mallattoo filannoo Kumaalaa Adimaaseetiin dorgomte turte,'' jechuun haala yeroosana ture yaadatu Obbo Biiniyaam.

Madda suuraa, AFP
Birtukaan 1997tti miseensa Qasta Damanaa kan Pirofesar Masfiniin hundeeffamee turan. Booda baatii Caamsaa keessaa Qinijiitiitti makaman.
Achinis battalumaan Ittaantu dura teessuu paartichaa ta'un filatamte. Sababii jecha 'duree' jedhuutinis aanga'oota Qinijitti jidduutti waldhabdeen umamee akka ture himama.
Dura taa'aan Kongrasii Federaalistii Oromoo Pirofesar Mararaa Guddinaa filanno sanarratti hirmaatanii akka turan yaadatu. Birtukaaniin garuu kan beekan waggaa 21 dura wayita dhuunfaa dorgomanii turan akka ta'e himu.
''Goolii diimaafi adii bara dargii tureen booda dubartoonni 'ibiddaafi siyaasa alaalumatti' jechuun siyaasaarraa baqatanii turan. Isheenis aanga'oota dubartoota paartii siyaasaa isaan booda dhufan keessaa takka'' jedhuun dubbatu Pirofessa Mararaan.
Qinijjit keessatti hooggansaaf filatamanii baatii lama osoo hinguutiin kan hidhaman Birtukaan ''hojiiwwan hooggansaa olaanaa kan raawwattee hidhaarra wayita turteedha'' jedhu kanneen dhiyeenyaan ishe beekan.
Birtukaan maqaan jalqabasaanii Betelheem kan jedhu ta'u, hanga kutaa jahaattis isaan waamamaa turan. Booda abbaansaanii abju arguun walqabatee Birtukaaniitti geedaratan.
Imala gara Qaaliittii
Sababii ooggansa Qinijjiitiifi paartii biyya bulchu jidduutti waldhabdeen cimeef jecha tarii yoo hidhamne jechuun, garee hooggansa bakka bu'uu hundeessanii turan.
Gareen kunis baatiiwwan muraasa keessatti mootummaan adamfanuun mana hiidhaa buufaman. Diigamu caasaa kanaa hordoofees garee haraan diyaasiporaa biyyoota addunyaarraa hammate tokkoo 'Kinijit International Council (KIC) jechuun hundeeffame.
Kunis kan raawwate hooggansa aanga'oota mana hidhaa turaniin akka ture himama.
''Murteewwan hedduu kan kennan wayita dhaddachaaf deeman ture'' jedha Obbo Biniyaam. Achiinis namoonni 13 filatamuun kaawunsilicha hoogganu eegale jedha.
Haata'u malee wal dhabdee ooggansa Qinjjiti jidduutti umameen qoodiinsi umamee caasaan haaraan Kinijit 'International Leadership' jedhamu hundeeffame.
Inni duraa pirofeessar Birhaanuu Naggaatiin caasaan inni booda ammoo Injinara Haayilu Shaawuliin hoogganamaa kan ture yoo ta'u, biyya alaatti lamaanu dureewwan adda addaa qabu turan.
Birtukaan garaa garummaa caasaalee lamaa jidduu ture tasgabbeessuun gahee olaanaa baatee jedha Obbo Biniyaam.

Madda suuraa, AFP
Murtee du'aa
Marii oggansi Qinijiiti mootumaa waliin taasisaa tureen ejjannoon ture walfakkaa ta'ee turu kan dubbatan Obbo Biniyaam, himannaa akka tasaa jijjiramuun keewwatawwan murtee du'aa hanga qabataniitti kan itti fufe ta'u yaadatu.
Hidamtoota irratti murtee du'aa kan gaafatam abbbaa alangaa haaraa haa ta'an malee, himatamtootaaf garuu dhimma haaraa hinturre. Obbo Shimallis kamaal keessattu Komishinara komishinii Mirgoota Namoomaa ammaa Dr daani'eel Baqalaa fi Birtukaan Miidhaksaa waliin hiriyaa dhiyoo turan. Siriiyuu Dr Daani'el waliin mana tokko jiraataa turan.
''Shimalis adeemsa ykn ayidolojii hiriyyoonnisaa filatan akka biyya gauutti lakkaa'aa ture'' jedha.
Murteen du'aa gara mariitti dhufuun adeemsicha irratti dhiibbaa taasisuun Injinar Haayilu Shaawul fa'i dhiifama haa gaafanni jechuu yoo dhiyaatan Birtukaan dabalate kaan hafan dhiifamaan hiikaman.
Hidhaa marsaa lammaffaa
Haasaan Birtukaan walgahii diyaaspora biyya Siwiidnii irratti taasisan biyya galuun hidhaa baatii 21f isaan saaxile.
Hidhaan marsaa lammaaffa baayyee rakkisaa akka ture Birtukaan gaaffiifi deebii yeroo garaa garaatti taasisaniin ibsaniiru. Baatii lamaaf qophaatti hidamu kanneen mirga namoomaaf mormanii himanii ture.
Birtukaan erga gara biyyaatti deebiiteen booda yeroo sanatti komishinara Komishiin poolisii federaalaa kan turan Warqina Gabayahu poolisoota itti erguun akka waamsiisan midiyaa biyya keessaan tibbasan gabaafame ture.
Hasaa biyya Siwiidiiniitti taasiasanii dhiifama hingaafannee jettee jirta, ''isa kana sirreessi'' ajjaji jedhu kennamuuf himame. Kana MM yeroosanaa Mallas Zeenaawii ibsa gaazexessitootaaf kennaniin kaasanii turan.
Bareeffama gaazeexaa dhunfaa yeroo sanaarratti baasaniin ''haasaan kiyya kun kan dogongore jedhamu danda'a ta'a, waraqaa ajaja seera qabeessaanis ta'e waraqaa malee buufata poolisiitti deeddeebii'uuf ni qaqabsiisaa? Gonkumaa. Ni gaafachisa yoo jedhame dhiifama pirezidaantii biyyattiin kenname kan kaasu attam ta'a? Dhiifama kan kaasu yoo ta'e poolisiin federaalaa aangoosaa kamiin dhimmicharratti qorannoo kan gaggeessu? Akeekkachisa kan kennuus? jechuun bareessanii turan.
Birtukaanis sa'aan kennameef 72 osoo hinxumuramiin hidhamanii gara waggaa lamaatti siquuf turan. Xalayaa fuula lamaa irra deebiin MM yeroo sanaaf barreessaniin Birtukaan hidhaarraa gadhiifaman. Dhiifamni kunis gaaffiifi deebii mana sirreessaatti TV biyyaaleessaan taasifameen deegarame dabarfame.
Isaan booda ammoo Birtukaan bara 2001tti kaan waliin ta'uun Paartii Tokkummaa Haqaafi Dimookiraasii kan akkuma Qinijiitti booda qooqqodame hundeessan. Yeroo gabaabduufis hooggansa keessa turan.
Boodas gara Ameerikaatti imaluun wayita achi turaniitti, Haarvaardi irraa digrii lammaffaa isaanii argatan. Akkasumas dhaabbata dimokiraasii biyyaalee tokko keessas hojjataa turan.
Rukuttaa onnee carraa dimookiraasii Itoophiyaa
Filannoon biyyaaleessaa marsaa jahaffaa, erga ADWUI'n diddaa ummataatiin aangoorraa kaafameen booda jijjirama argameen, gaggeefamunsaa abdii olaanaan akka kennameef taasiseera.
Filannoon sababii koronaavaayirasiitiin akka dheereefamu taasifamees haala addaa keessattti gaggeeffama.
Filannoo marsaa shanaffaan booda finicala ummataa cimaa keesssatti gaggeeffamee kan ture Oromiyaatti dorgomii eegameen gadiitu gaggeeffama.
Naannoo Tigraay dheerreffamuu fialnnoo diduun qofaatti gaggeessee ture. Boodas waldhabdeen motummaan naannichaa mootummaa federaalaa waliin eegale cimuun kaan badiinsa lubbuu, kaan ammo buqaa'insaaf saaxiluun wal qabtee naannichatti filannoon tibban hingaggeeffamu.
Nannoo Somaaleetti sababii rakkin galmee filattootaa irratti mul'ateen baatii lamaaf dheereeffameera. Dhaabbiileen siyaasaa mormituus miseensoonni isaanii kumaatamaan lakkaa'aman hidhamuu fi waajiraaleensaanii cufamu jechuun komii dhiyeessa turan.
Seenaa itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif kaadhimamtoonni afur mana hidhaatii filannoo irratti hirmaatu.
Dura teessuun Boordii filannoo adeemsicha keessatti hooggansa agarsiisaniif galateeffamu qabu kan jedhan ammo hayyuu seeraa kan ta'an Dr Masanbat Asaffaati. Rakkoolee mul'atan hunda booricha qofaa waliin walitti qabamu hinqanis jedhu.
"Birtukaan Itoophiyaatti dimokiraasiin akka dhufuuf dheebu qabdu kan mul'isu seenaa duubaa qabdi'' jechuun BBCtti hima Masanbati.
"Yeroo tokko tokko tilmaama sireeffachun ni barbaachisa. Wayita Birtukaan aangoo fudhatuutti biyyattii rakkoolee hedduu keessa turte. Rakkooleen kaan boorichaan wal hinqabatan,'' jedhu.
Dura taa'aan KFO Pirofesar Mararaan gamasaanitiin adeemsa muudama walittti qabduu fi miseensoota boordichaa biraatti komii dhiyeesseen ture'' jedhan.
"MM waajjirasaaniitti waamuun waa'ee miseensoota biirdichaa afur nu gaafatan. Ani kan beeku sadan isaaniti. Kanaafu yoo xinnaate sa'aatii 24 nuuf kennaatii seenaa dubeesaanii qorannee walitti haa deebiinu jedhe. Lakkii jedhame. Mormii kiyya naaf galmeessaa jedheen'' jechuun himu Pirofesar Maraaraan.
Walitti qabduun dhimmicharrati yaadasaanii kan hinkennine ta'ulleen, isaan dabalatee mudama Birtukaan irratti paartilee mormituu mormii cimaa akka hinkaafne himu. Kunis muxxnnoo paartii mormitu qabaniin rakkoolee mormiitootaa ni hubatu jedhuun akka ta'e himu Pirofesar Mararaan.
"Ammatti Birtukaan kiyyoo keessa galte jirti. Nuti mootummaaf oogda jennaan, gamasiin ammo paartiin biyya bulchu jira, akkasumas paartileen paartii biyya bulchu deeggaranis jiru. Jidudu kanatti waan rakkoo keessa jirtuun se'a. kana keessaa bahuun ittigaafatamummaa isheeti'' jedhu Pro. Mararaan.
Fiannoo tibbanaa kan duriitiin wal bira qabanii yoo ibsan ''kanaan dura buufata filannoo sobaa agarree hinbeeknu. Kunis bosonaa Oromiyaa keessatti osoo hintaanee Finfinneetti ta'e. Kaadhimamtoonno naannoo SOmaalee Jigjigaatti galmaa'u waan hindandeenyeef Finfinneetti galmaa'an. Kan duraanii ni hatu garuu hiikaan filannoo ni galaaf ture'' jedhu Pro. Mararaan.
Oromiyaatti paartiin biyya bulchu falmii cimaa malee dorgomuun, Somaaleetti filanoon yeroon gaggeeffamu dadhabuun, Tigraayiitti sababii waraanaatiin filannoon hafuu kaasuun, ''filannoon naannoo Amaaraafi Finfinneetti kan gaggeeffamu'' jechuun tilamamu.
Haata'u malee dandeettii boorichaatiin ol ta'aniiru jechuun kan amanan keessattu ''paartiilee motummaafi paartiin biyya bulchu kallattii hinbaraachifneen hooggana jiru'' jechuun himatu.
''Sadarkaa dhuunfaatti Birtukaan maddaalii seenaa irra taa'unshee hinhafu. Kunis bu'aa filannoon kun argamsiisuun madaalama. Filannoon kunis qornaatawwan seenaa sadii qabaa'' jedhu Pro Mararaan.
Kunis ''nagaafi tasgabbii waliitti fifaa argamsiisaa? Seenaa Itoophitaa 3000tti yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa dimokiraasoftuun ni dhalatti, hin dhalattuu fi dandeettii ummanni qabuun misoomaafi badhaadhina hiikaa dhugaa qabu fidhee dhufaayii?'' kanneen jedhan bu'aalee walitti qabduun boordichaa ittiin madaalamtu jedhuun yaadasaanii xumuru.
















