Filannoo Itoophiyaa 2021: Dhaloonni Qubee maaliif MM Abiy nu ganeera jedhee amana?

dargaggoota Oromoo gaafa Irreechaa sirbaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ganna sadiin dura Abiy Ahimad ministira muummee Itoophiyaa tahuun wayita muudaman, sabni Oromoo cancalli baroota dheeraaf irra ture nurraa kufe jedhan.

Namni kun saba Oromoo keessaa bahe - aarii saba biyyattii keessaa lakkoofsa guddaa qabu kanaa ni beeka. Maaliif jennaan, aangoo qabachuun dura mormii yeroo dheeraa gaggeessuun gara aangootti kan fide qabsoo saba kanaati.

Harkasaanii olkaasanii qaxxaamuruun mallattoo maalii akka tahe beeka. Kuni mallattoo diddaa atileet Fayyisaa Leellisaa Olimpiika Riyoo gubbaatti agarsiisuun addunyaarratti beeksisedha.

Ethiopia's Feyisa Lilesa crossed his arms above his head at the finish line of the Men"s Marathon athletics event of the Rio 2016 Olympic Games at the Sambodromo in Rio de Janeiro on August 21, 2016.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fayyisaa Leellisaa 2016 Olimpiika Riyoorratti mallattoo diddaa kana agarsiisuun addunyaarra beeksise

''Namoonni hedduun [Abiy] akka ergamaa haaraatti fudhatan,'' jedhu dura taa'aan Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) Pirof Mararaa Guddinaa.

Oromoonni bara dheeraaf biyyasaanii keessatti akka lammii lammaffaa akka tahanitti ofilaalu turan. Mootummaa biyyattiin dabalatee barreeffamoota garagaraa keessatti jecha arrabsoo fi G'n jalqabu fayyadamuurra dabree, eenyummaa isaaniitti akka qaana'an taasifamaa turan.

Magaalaa Finfinnee naannoo Oromiyaan marfamtee argamtuufi Oromoonni magaalaa keenya jedhanii ilaalan keessalttis, Afaan Oromoo dubbachuun akka waan qaaniitti ilaalamaa ture - geejjiba keessattillee namni ija gaariin hin ilaalu nama afaanicha dubbatu.

Aariin kun 'Dhaloota Qubee' jedhamuu beekamuun sagalee argatee haalaan dhagahamuu eegale.

Dhaloonni Qubee kufaatii Sirna Dargii hordofee kanneen imaammata haaraa 1990'oota keessa eegaleen afaan dhalootaa isaaniin kanneen baratan kan hammatudha.

Kana callaa miti - Qubeen ejjennoo siyaasaati. Qubee Gi'iiz yookaan Saabaa jedhamu fayyadamuu dhiisuun, isa Laatinitti dhimma bahuunis akka ejjennoo tokkootti ilaalama.

Dhaloonni hedduun akkuma barachaa dhufeen, hubannoon siyaasaas akkasuma dabalaa dhufe.

''Oromoonni baratan seenaasaanii seenaa kanneen akka Afrikaa Kibbaa wajjin walbira qabuu eegalanitti, sadarkaan gadaanaa sirnichi isiniif mala jechuun isaanii kenne fudhachuu akka hin dandeenye hubatan,'' jedha Fayisal Roblee -Aabba Fayisal Institiyuutii Qo'annoo Dhimmoota Gaanfa Afrikaa irraati.

line

'Miidhaan qaqqabe arbeeffameera'

Akkamiin biyyi Itoophiyaa amma jirtu akka weerara Mooticha Minilikiin hundeeffamte baratan - laftisaanii akkamiin jalaa akka saamame hubachuu eegalan.

Haala kana garuu lammiileen Itoophiyaa hundi itti wal hingalan.

Barsiisaan Yunivarsiitii Gondar Miniyichil Masarat, waantonni waa'ee hamaa Minilik haasawaman hedduun sobadha - bu'aa siyaasaaf jecha arbeeffaman jedha.

A statue of Menelik II and the Ethiopian flag in Menelik Square, Addis Ababa, Ethiopia

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Minilik 2ffaan weerartoota Xaaliyaan biyyarraa qolateera - biyya keessa garuu miirri namni isaaf qabu walmakaadha

''Seenaan Itoophiyaa garri caalu ogeeyyii seenaa barataniin miti kan barraa'e - namoota siyaasaatin malee. Fakkeenyaaf himanni Oromoonni miiliyoona shan Minilikin ajjeefaman jedhu,'' jedha.

''Lakkoofsa akkasii wayita sakattaatu, bara sana guutummaa Itoophiyaattuu lakkoofsi uummataa hagana gahu hinturre.''

Tahus Oromoonni gama diinagdee fi eenyummaa aadaatiin hacuucamneerra jedhu. Aabba Fayisal dhimma kana wayita ibsan, sirni mootii hawaasa kana akka ''warra hin qaroomnetti'' ilaalaa turan jechuun lafa kaa'u. Ilaalchi kun ammoo haga dhiyeenya kanaattillee wanta turedha.

''Kaayyoon bara Mooticha Haayilasillaasee tokko Oromoota Amaaressuu (Amaara gochuu) ture. Sababa kanaanis Oromoonni magaalota keessa jiran hedduun eenyummaasaanii kanneen akka maqaafi aadaasaanii dagachuun, Afaan Amaaraafi maqaawwan Amaaraa ofitti fudhatan,'' jedhu.

Dhaloota Qubee amma jiru kanatu yaada kanatti qabsaa'uun, eenyummaasaa kan deebifachaa jiru.

Afaan Oromoo afaanota hojii federaalaa keessaa tokko akka tahu barbaadu. Magaalaa keenya kan jedhan Finfinnee keessattis ofitti amanamummaan socho'uufi bulchiinsasaa keessattis qooda fudhachuu fedhu. Oromiyaarrattis abbaa biyyummaa barbaadu, carraa hojiinis akka uumamuuf fedhii guddaa qabu.

Ofitti amanamummaan dagaagaa dhufe kun artist Haacaaluu Hundeessaan finiinee tarree qabate. Mormii finiine kanaaf Haacaaluun sagalee tahuun akka cimu taasise.

Women dressed up for the Oromo festival Irreecha in Ethiopia - 2019

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sabboonummaan Oromoo faashiniin agarsiifamaa jira

Hawaasa Oromoo keessaa kan tahe Abiy gara aangootti wayita dhufu, haalonni oggasuu jijjiiramuu eegalan.

Agarsiisni faashinii Oromoo magaalaa guddittii Finfinnee keessa qophaa'uu eegale. Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokko oliif dhaabbatee ture, irra deebiin kabajame. Hidhamtoonni siyaasaa hedduun hiikaman - namoonni beekamtii qaban kanneen akka Jawaar Mohaammad fa'i biyyatti deebi'an.

Gootichi ajjeefame

Erga waggaa darbe artist Haacaaluu Hundeessaan rasaasaan rukutamee ajjeefame booda, haalli ture itti hammaachuun hokkorri dhalate.

Dhaloota Qubeef goota kan ture artistiin kun ajjeefame. Kana hordofee hokkora dhalateen lubbuun 160 ol darbeera. Jawaar Mohaammad dabalatee namoonni hedduun hidhaa bu'an.

Ethiopian musician Hachalu Hundessa poses while dressed in a traditional costume during the 123rd anniversary celebration of the battle of Adwa, where Ethiopian forces defeated invading Italian forces

Madda suuraa, Reuters

Mootummaan demokraatawaa kamuu taateen akkasii wayita isa mudatu, seera kabachiisuu malee filannoo dhibii hinqabu jedha barsiisaa Miniyichil.

Bu'aa taatee kanaan paartileen Oromiyaa keessaa ABO fi KFO filannoo Wiixata gaggeeffamu keessaa of baasaniiru.

''Dirreen siyaasaa dhiphachaa dhufeera. Fakkeenyaaf bara dabre Oromiyaa keessa waajiraalee 206 qabna turre, har'a garuu sadii callaa qabna,'' jechu Piroofesar Mararaan.

Paartiin Badhaadhinaa MM Abiy hundeessan, Oromiyaa keessatti morkiin cimaa isa eeggata jedhamee hin eegamu.

'Ida'amuu'

Yaadni MM Abiy paartii saboota biroos hirmaachise ijaaruu ture. Kunis waldhabdee yeroo hedduu saboota gidduutti uumamu hiikuuf tokkoomaan dhaabbachuudha.

Mul'ata isaanii kanas kitaabasaanii Maddamar ykn Ida'amuu jedhamu keessa ibsaniiru.

line

''Tokkummaa fi waliin dhaabbachuuf waamicha taasisuun waan dassa,'' jedha Miniyichil. ''Sababnisaas Itoophiyaa har'aa wayita ilaaltu, sabummaan garmalee hammaateera. Namoonni 'ati [gosa] keenya keessaa miti' jedhamuun ni ajjeefamu.''

Tahus MM Abiy wayita Paartii Badhaadhinaa hundeessutti malaan fayyadameetu jedhu Aabba Fayisal - michuusaa kan turan Lammaa Magarsaa gussuu akka fakkeenyaatti kaasu.

Aabba Fayisal PPn saboota kaanifillee carraa kennuutti waliigalanis, tarii kuni adeemsa ''bulchiinsa irree jabaa (autocratic rule)'' hundeessuuf waan jiru fakkaata jedhu. Yaada kanarratti namoonni siyaasaa Oromoo sirna federaalizimii deeggaranis sodaa qabu.

Piroofesar Mararaan oggaa waadaa MM Abiy dargaggoota Oromiyaaf seenan yeroo raawwachuu dhaban ibsan: ''Namoonni abshaala tahan isa dogoggorsan,'' jedhu. Dhimmoota saba Amhaaraa gammachiisan irratti xiyyeeffatan jedhu.

Aabba Fayisal dhimma kana kallattumaan akkas jechuun lafa kaa'u: ''Abiy aangoo kan qaban, miidiyaas kan to'atan, qabeenyaan dhiibbaa kan uuman... Amaarota akka tahan hubate. Kanaanis karaan Itoophiyaa ittiin to'atu inni tokko ilaalcha Amhaaraatti hidhachuun akka tahe arge.''

Ji'uma kitaabni Ida'amuu eebbifametti, qaama Paarkii Tokkummaa kan tahe Masaraan Minilik Finfinnee jiru haaromsamuun uummataaf banaa tahe. Haala adda taheen kan haaromfame oggaa tahu, siidaan Mooticha Haayilasillaasee gagaarraa midhaaffames keessatti argama.

The life-size waxwork of Haile Selassie at the Imperial Palace - October 2019

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaan Hayilasillaasee gagaarraa hojjetame masaraa keessatti daawwatama

MM Abiy baasii pirojektii kanaaf bajatni mootummaa hintuqamne jedhu. Aabba Minyichil, dhimma siidaa kanneenii namoonni siyaasaa Oromoo bu'aa siyaasaaf itti fayyadamaniiru jedha.

Akka barsiisaan kun jedhutti dhimma Paartii Badhaadhinaafi afaaniin walqabatee MM Abiy saba Oromoo tasumaa hinganne.

''Mootummaan waa'ee afaanii kanarratti hojjechaa jira - kuni fedhii Afaan Oromoon afaan hojii haatahu jedhamu taanaan, kuni rakkoo hin tahu.''

Inumaawuu MM Abiy jaarmiyaalee cimsuuf hojii gurguddaa hojjetaniiru jedha barsiisaan kun. Birtukaan Miidhaksaa hooggantuu boordii filannoo gochuun, akkasumas anga'aa Human Rights Watch damee Afrikaa kan ture Daani'el Baqqala ammoo rifoormii Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka gaggeessuuf muudeera. Jarri lamaan kun filannoo biyyaalessaa bara 1997 gaggeeffame booda kan hidhaa bu'aniifi boodarra gadhiifamanidha.

Komishiniin mootummaan hundeesse kun sarbama mirgoota namoomaa, keessattuu waraana Tigraay wajjin walqabatuufi Oromiyaa keessaan mootummaarratti qeeqa dhiyeessaa jira. Fakkeenyaaf dhiyeenya kana taatee dargaggoon Amaanu'el Wondimmuu jedhamu uummata fuulduratti ajjeefamuu balaaleeffateera.

'Rasaasa gamaafi gamanaa'

Waraana hidhattootaa gama lixaafi kibba Oromiyaan gaggeeffamuufi dararaa isa hordofee uumamaa jiruuf, MM Abiy Ahimad qeeqni gama maraanuu irratti dhiyaata.

Bakkeewwan sodaa nageenyaan namni itti hin imalle jiru. Naannoolee kanatti intarneetni yeroo yeroon kan ciccitu oggaa tahu, rakkoo nageenyaan bakka filannoon baranaa hin gaggeeffamnes jiru.

''Rasaasa lamaan du'aa jirra, tokko halkan tokko guyyaa,'' jechuun jiraattonni naannichaa BBCtti irra deddeebiin himu - jechuunis hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi qaamolee mootummaan.

Aabba Minyichil badhaafamaan Noobeelii Nagayaa 2019 kan tahan Abiy Ahimad, gareewwan siyaasaa biyya alaa turan kanneen akka WBO dafanii galchuun isaanii akka dogoggoraatti ilaala. Silaa akka itti deebiyaniifi adeemsa booda jirurratti waliigalteen taasifamuu qaba ture jedha - keessaafuu kanneen hidhatan.

Erga WBOn gara biyyaa galuun simatame booda, akkitti meeshaa hiikkataniifi qaamolee nageenyaa mootummaatti akkatti makaman ilaachisee mariin ture otoo hin milkaa'in hafe - kunis mul'ata MM Abiy Oromiyaaf qaban shakkuun hammaate.

Piroof Mararaan filannoon ammaa kun nagaafi tasgabbii waarawaa tahe fiduurratti sodaa qabu.

''Biyyi nagaa qabdu bulchiinsa gaariifi guddina diinagdee hiikkaa qabu argatti. Dargaggoonni keenya gara Yaman, Afrikaa Kibbaa fi Awurooppaa godaanuun lubbuusaanii dhabaa jiru.

''Keessattuu dargaggoonni jijjiirama dhugaa barbaadu.''