Itoophiyaan waggoota 50 darban keessatti eessaa garamitti?
Erga Ministirri Muummee Abiy Ahmad bara 2018 aangoo qabatanii filannoo isa jalqabaa gaggeessuuf kan jirtu Itoophiyaan, waggoota 50 darban jijjiiramni isheen agarsiistee fi qormaati ishee mudate maal akka ta'e BBC'n faana dhahuun bifa chaartii fi giraafiin qixeesseera.


Itoophiyaan uummata miiliyoona 115 ol qabaachuun Afriikaarraa Naayijeeriyaatti aanuun lammaffaa, addunyaarra ammoo 12ffaarra jirti.
Baay'inni uummata Itoophiyaa kan waggaa 60 turerraa dachaa shaniin dabaleera, garuu saffisni baay'inni uummata biyyattii ittiin dabalaa ture kan waggoota kurna lamaan darbanii haga tokko hir'ateera.
Haala amma jiruun hanga bara 2050tti baay'inni uummata Itoophiyaa waggaa waggaan miiliyoona sadiin dabala jedhamee eegama.
Haala kanaan yoo deeme bara sanatti Itoophiyaan baay'ina uummataan addunyaarraa saddeettaffaa taati.


Itoophiyaan yeroo dhihoo as guddina diinagdee saffisaa galmeessisaa jiraachuu himataa turte, guddinni jedhamu garuu baay'ina uummataa dabalaa dhufe waliin kan walsimu hin turre.
Bara 2002 fi 2003 wayita biyyattiin rakkoo hongeef saaxilamte, haalonni akkaan rakkisaa turan.
Ergasii garuu galiin namni tokko argatu giddu-galeessaan dhibbeentaa 600n dabaleera.
Jijjiiramni fi fooyya'iinsi mul'ate kun garuu qixa sirrii fi haqa qabeessa ta'een lammiilee biyyattii hundarratti hin mul'anne.
Magaalaa Finfinneefaa keessatti inumaa guddina jechuun akka waan magaalaa babal'isuu fi bu'uuraalee misoomaa diriirsuu qofa ta'eetti ilaalama.
Kutaalee biyyattii hedduu keessatti guddina diinagdeerraa walqixa fayyadamuu dhabuun walqabatee gaaffiin heddummaachuu eegale.
Gaaffileen kunneen deebii dhabanii kuufamaa deemuun dhumarratti hookkara cimaa kaasisan.


Wantoota guddina Itoophiyaa calaqqisiisan keessaa tokko fooyya'iinsa damee fayyaa biyyattiiti.
Waggoota 50 darban keessatti duuti daa'imman umrii waggaa shanii gadii fi da'umsarratti haadholii mudatu akkaan hir'ateera.


Biyyi saboota hedduurraa ijaaramte Itoophiyaan, hariiroon saboota gidduu egeree isheerratti dhiibbaa guddaa qabaata.
Saba guddaa biyyattii kan ta'e Oromoon, waggoota hedduuf diinagdee fi siyaasa biyyattii keessaa moggaatti baafamu komataa ture.
Gaaffii qabiyyee kana qabutu mormii bara 2015 biyyattii mudate dhoose, mormiin uummataa sunis boodarra milkaa'uun Ministira Muummee Abiy aangootti baase.
Wayita walqoodiinsi fi walitti mufannaan saboota gidduutti finiinee turetti aangootti kan ba'an MM Abiy, biyya tokkummaanshee yaaddoo keessa galee ture tokkoomsuuf waadaa galanii turan, hojii kana milkeessuun garuu qormaata guddaa ture.
Wanti har'a mul'ataa jirus mul'ata yeroo sana waadaa galame milkeessuun hagam cimaa akka ta'e dhugoomsa.



Itoophiyaan sirna federaalaa naannolee 10 fi bulchiinsota magaalaa lama irraa ijaarameen bulti.
Sabni caasaa bulchiinsaa mataasaa hin qabne kamuu filannoo rifarandamiitiin naannoo bulchiinsaa mataasaa uummachuu danda'a.
Naannoon Sidaamaas haala kanaan bara 2020 keessa hundoofte.
Sirni bulchiinsa federaalaa sabootarratti hundaa'e kun wayita bara 1994 heerri biyyattii ragga'e diriirfame.
Akka bulchiinsa sirna federaaliizimiitti naannoleen ofiin of-bulchuuf mirgaa fi aangoo guutuu heeraan kennameef qabu - mootummaa giddu galeessaa waliin hariiroo uumuun ammoo biyya bulchu.
Hariiroon mootummaa naannolee fi mootummaa federaalaa fedhii irratti kan hundaa'eedha.
Sadaasa darbe wanti mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Tigraay gidduutti ta'e garuu sirni caasaa bulchiinsaa kana kan cabseedha.
Wayita waraanni Itoophiyaa fi loltoonni TPLF wal waraanuu eegalan hariiroon naannoo Tigraay fi mootummaa federaalaa cabe.
Kunimmoo mootummaan MM Abiy mootummaa giddugaleessaa qofa hundeessuuf jedha komii jedhu kaasiseera.



Daafoo waraana kanaan namoonni 60,000 caalan gara Sudaan baqataniiru, kumaatamaan kan lakkaa'aman ammoo qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.
Ajjeechaan lammiilee heddumminaan naannicha keessatti raawwatame akka yakka miidhaa saalaatti galmeeffameera.
Jaarmiyaan deggersa UN qabu qorannoo gaggeessee namoonni 350,000 naannoo Tigraay keessatti beela'uu ibseera.
Namoonni miiliyoona shan caalan rakkatanii harka namaa eeggataa jiraachuu ammoo UN himeera.
Mootummaan federaalaa TPLF aangoorraa gussuun, bakkasaa qaama ofii qindeesse bulchiinsa yeroo jechuun ijaareera.
Filannoon akka biyyaatti Wiixata dhufu gaggeeffamu garuu sodaa rakkoo nageenyaaf jecha naannoo Tigraay keessatti hin gaggeeffamu.
Waraanni naannoo Tigraayitti mudate kun mul'ata MM Abiy biyyattii tokkummeessuu fi garaagarummaa jiru keessummeessuuf qabatanii ka'an kan faallessuudha.



Tigraay qofa osoo hin taane kutaalee biyyattii hedduu keessatti walitti bu'iinsi akkaan heddummaateera.
Walitti bu'iinsi hedduunsaa saboota gidduutti fi daangaarratti kan mudatudha.
Ebla darbe mootummaan rakkoo walitti bu'iinsaa saboota Amaaraa fi Oromoof jecha labsii yeroo muddamaa labsee ture.
Ji'uma sana jalqabarratti ammoo walitti bu'iinsa naannolee Affaar fi Somaalee gidduutti mudateen namoonni 100 caalan du'aniiru.
Walitti bu'iinsi kun naannoo Beenishaangul Gumuz keessattis irra deddeebiin mudataa ture.
Haleellaan kunis saboota naannicha keessa jiraatan irratti kan qiyyaafate ta'uu jiraattonni himu.
Mootummaan federaalaa yeroo mara bakka walitti bu'iinsi jirutti waraanaa federaalaa ergaa jira.
MM Abiy yoo filannoo kana mo'atan, haalota tasgabbii biyyattii rakkoo keessa galchan kunneenitti fala gochuun hoji-manee isaanii isa ijoodha.















