Abiy Ahimed: 'Maqa balleessiin MM Abiy irratti adeemsifamaa jira' - Waajira Ministira Muummee

Abiy Ahmed

Madda suuraa, Reuters

Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa 'maqa balleessii' MM Abiy Ahimad irratti miidiyaalee idil-addunyaa tokko tokkoon banameera jedhe balaalefate.

Waajjirichi haala waqtaawaa naannoo Tigraay ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kan kenne yemmuu ta'u, gabaasaalen miidiyaalee idil-addunyaa tokko tokkoon hojjetamaa jiran madaalawaa kan hin taane ta'uu dubbi himtuun Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum himaniiru.

Miidiyaalen kunneen matadureewwan oduu isaanii akka malee olguddisuun dhugaa lafa jiru bifa hin agarsiisneen ilaalcha hawaasni addunyaa Itoophiyaaf qabu bocuuf kan barreeffaman ta'uu dubbatan.

Kana malees, naannoo Tigraay waliin walqabatee facaatiin oduuwwan sobaafi ragaaleen dogongoraa rakkoo ta'uu kan himan Billanee Siyyum, oduuwwan sobaa miidiyaalee hawaasummaarra deemaa jiran jedhan keessaa muraasa miidiyaaleetti agarsiisaniiru.

Oduuwwan sobaa kunneen keessaa inni tokko mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti meeshaa waraanaa keemikaalaa fayyadamaa jira kan jedhu akka ta'e himan.

Suuraawwan taatewwan iddoo biraa agarsiisan akka waan naannoo Tigraay keessatti ta'aa jiruutti fakkeessanii maxxansuun rakkoo ta'uus dubbatan.

Facaatiin oduu sobaa kunis mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa uumuuf adeemsifamaa kan jiru akka ta'es himaniiru.

Gargaarsa namoomaafi jalqabbii balallii xayyaaraa…

"Dhimmoota garagaarsa namoomaan walqabatee waamichawwan ittifufiinsa qaban dhiyaachaa jiru," kan jedhan dubbi himtuun Waajjira Ministira Mummee Billanee Siyyum, hojjettoota gargaarsa namoomaaf viizaan ji'oota sadiif biyyattii keessa akka turan isaan dandeessisu erga kennameef torbeewwan lakkoofsisuu dubbatan.

Viizaan turtii ji'oota sadii kunis ilallamee akka barbaachisummaa isaatti kan dheereffamuuf ta'uu himan.

Meeshaalee quunnamtiin walqabatee dhaabbilee gargaarsa namoomaa biraa gaafiwwan dhiyaachaa akka turan yaadachiisunis "bilbilawwan saatalaayitii 'thuraya' 350 ta'an dhaabbilee gargaarsa namoomaa gaafii dhiyeessanif laatameera" jedhan.

Fedhiin bilbilawwan saatalaayitii kunneenii kana boodallee kan dhiyaatu yoo ta'e mootummaan fedhii dhaabbilee gargaarsaa gama kanaan jiru guutuuf qophii ta'uu dubbatan.

Gama biraatin yeroo torbee tokkoo yookin lamaa keessatti balaliin xayyaaraa gara magaala Shireetti akka eegaluf qophiin taasifamaa jiraachuu himuun, kunis dhaabbilee gargaarsaafi namoota biroo gara naannichaatti imalaniif carraa gaarii kan uumu ta'uu himan.

Hojiilee qonnaa naannoo Tigraay…

Deetaa Ministiraa Qonnaa Obbo Saanii Radii hojiilee qonnaa naannoo Tigraay keessatti hojjetamaa jiran ilaalchisee miidiyaalef ibsa kan kennan yemmuu ta'u, "aanaalee baadiyaa naannoo Tigraay 61 keessaa 46 hojii qonna idilee eegalaniiru" jedhan.

Aanaaleen 15 kan hojii qonnaa hin eegalles kan kutaalee Kaaba-Dhihaafi Kaaba naannichatti argaman ta'uu himan.

Aanaalee hojii qonnaa eegalan keessatti ogeeyyin ekisteenshinii qonnaa tajaajila kennaa jiraachusaanii dubbatan.

Gama biraatin, loon qonnaan bultoota horiinsaanii jalaa saamaman bakka buusuf birriin Miliyoona 71 ramadamuus himaniiru.