Waraanaa Tigraay: Biyyoonni G7 hojjattoonni gargaarsaa Tigraay karaa akka argataniif gaafatan

Dureewwan biyyoota G7

Madda suuraa, Reuters

Biyyoonni garee G7 naannoo Tigraayi keessatti hojjattoonni deegarsa namoommaa danqaa tokkoo malee karaa akka argataniif waamicha taasisan. Akka UNtti naannichatti namoonni kuma 350 ta'an haala beelaa cimaa keessatti argamu.

Biyyoonni dureeyyii addunyaa torba atattamaan dhukaasni dhaabbatee loltoonni Eritraaa akka bahaniif gaafataniiru.

Humnootii Ertiraa naannichatti loltoota motummaa Itoophiyaa cinaa hiriiruun riphee loltoota naannichaa waraanaa jiru.

Itoophiyaa garuu beelli naannicha keessa jiraachuu kan hin fudhannee yoo ta'u, loltoonni Ertiraas bahaa jiruu jetti.

Gareen biyyoota G7, US, Gamtaa Awuroppaa fi UK dabalatee kan Yunaayitid Kingdam keessatti walgahanis, bara dhufaatti biyyoota iyyeeyyiif talaallii Covid-19 biiliyoon 19 ni arjoomna jedhaniiru.

Namoonni dhibba baayyeen lakkaa'amanis UK bakka gareen G7 kunneen itti waliigahan demuun haala Tigraay keessaa ilaalchisuun hiriira gaggeessaniiru.

Suuraa taankii

Waraanni bara darbe Sadaasa keessa eegaleesn namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajjeeffamanii kan miliyoona 1.7 ta'an ammoo bakka jireenyaasaanii akka buqa'an dirqamaniiru.

''Waraanaa gaggeeffamaa jiruu...gabaasawwan balaa namoommaa cimaa, namoota kumaatamni haala beelaa cimaa keessa jiraniitiin baayyee yaaddoofneera,'' jedha ibsi yaa'iiG7n booda bahe.

Humnootiin Ertiraafi Itoophiyaas meeshaalee gargaarsaa akka gara Tigraay hingalleef beekaa cufuu jedhamuun himatamu. Haata'u malee himannaa kanas Itoophiyaa hinfudhattu, sirriiyuu deeggarsa nammomaa haaluma naannicha ijaaruun wal qabateen gaggeessaa jiraachu hima motummaan Itoophiyaa.

Hojjattoonni gargaarsaas meeshaalee akka hingallee dhorkaman muraasni saamamuu gabaasaniiru.

Torban darbe keessas jiraattoonni naannoo Tigraay haala keessatti argaman BBC Tigrinyaatti himanii ture. ''Nuti nama nagaati. miidhaaniifi beeladoonni keenya loltootaan nu jalaa saamamaniiru,'' jedhanii ture maanguddoofi qonnaan bulaan waggaa 60 tokko.

''Loon gara 30 na jalaa saaman. Kaanis kan hanga loon 100-200 jalaa hatamees jira.''

Tigray demo

Qonnaan biraa BBCtti akka dubbataniitti ''Hanga ammaatti midhaan dhoksiinee ture kan sooraataa turre. Garuu amma omaa hin qabnu,'' jedhan.

''Qaamni gargaarsa nuuf kennee homtuu hin jiru. Hunduu qarqara du'aarratti argamna. Ijji keenyaa beelaan miidhameera. Haalli keessa jirru baayyee yaaddeessaadha,'' jedhan.

line
line

Akka ibsa haala namoommaa Tigraay qorattoota Yunvarsitii Ghent kan Beeljiiyeemiitti argamuun maxxanfameetti, namoota miliyoona naannoo Tigraayiitti argaman keessaa:

  • Harka sadii keessaa tokko kan ta'u naannoo to'annoo motummaa jala jiru keessa jiraata.
  • Kanneen harka sadii kan biraa ammoo naannawa humnootii Ertiraatiin to'atamu keessa jiraatu, bakka sanattis ejansiiwwan deeggarsi namoomaa akka qaqabaniif akka hinhayyamne himu oggeessoonni.
  • Namoonni miliyoona 1.5 ta'an ammoo baadiyaawwan fagoo bakka riphee looltootaan to'atamu keessa waan jiraataniif hojjattoonni deegarsaa akka hinqaqabneefi bilbillis kan adda itti kutamee ta'u himama.

Qorannoon UNn deegaramuun Kamiisa darbee bahee tokko akka jedheetti, naannicha keessatti namoonni kuma 350 ta'an haala beela hamaa ta'e keessa kan jiraatu yoo ta'u, xanneen haala ifa ta'een ganaa hinlabfamne jedheera.

Namoonni dabalataa miliyoonni lama ammoo sadarkaa haala ''atattamaa'' jedhamu keessaa galaa jiru jedheera ibsichi.

Deeggarsi muraasni gahaa jira garuu gahaa miti (USAID) Bitooteessa 8, 2021.

Madda suuraa, Getty Images