'Maqaa deggersaan meeshaa waraanaa galchuuf yaalamaa jira'-Ministeera Dhimma Alaa

Ministira Dhimma Alaa Dammaqaa makonnin

Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

Naannoo Tigraayitti deggersa namoomaa kennina jechuun jaarmiyaaleen tokko tokko dhoksaadhaan meeshaa waraanaa galchuuf yaalaniiru jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonnin.

Obbo Dammaqaan kana kan dubbatan, haala naannoo Tigraayiin walqabatee Itoophiyaarratti ''duulli banameera'' jechuun wayita karaa viidiyoo ibsa kennanitti ture.

Qondaalli olaanaan mootummaa Itoophiyaa kun, namoonni dhuunfaa jaarmiyaalee deggersaa jala dhokachuun gochaawwan birmadummaa fi tokkummaa biyyattii balaarra buusu raawwachaa jiraachuu eeruun, gocha kanarraa akka of-qusatan akeekkachiisan.

Maqaa deggersaan meeshaalee waraanaa dhoksaan qaamolee shorokeessitootaaf galchuuf yaalamuu ilaalchisee odeeffannoo qabaachuu kan eeran Obbo Dammaqaan, garuu dhimma kanarratti ibsa bal'aa kennuurraa of-qusataniiru.

Waa'ee deggersa namoomaa fi yaaddoo uummanni naannoo Tigraay keessa jiru ilaalchisuun Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akkas jedhee ture: Deggersi namoomaa yeroo gabaabaa keessatti uummataaf hin qaqqabu taanaan beelli seenaa biyyattii keessatti kanaan dura mudatee ture deebi'uuf jira, lubbuu namoota hedduus galaafachuuf jira.

Itoophiyaan beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun uummata dararaa jirti kan jedhanis jiru.

Kanarratti yaada kan kennan Obbo Dammaqaan,''Itoophiyaan lammiileesheerratti beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun dararaa jirti himannaan jedhu akkaan kan nama gaddisiisuudha. Nagaa, tasgabbii fi qindoomina uumuuf kan gargaarus miti,'' jedhan.

Itoophiyaan osoo lammiilee naannoo Tigraay keessatti miidhaman gargaaraa jirtuu, duulli maqa-balleessii irratti banamuutti akka gaddan ibsan Obbo Dammaqaan.

Mootummaan Itoophiyaa qaamolee yaada ijaarsaa qaban waliin qindoomina uumuun kan hojjetu ta'uu himanii, garuu kanneen biyyattii balleessuuf duula eegalan faana akka hin hojjennemmoo dubbatan qondaalli kun.

Jaarmiyaaleen Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi biyyoonni addunyaa hedduun naannoo Tigraay keessaa dhukaasi dhaabbatee, deggersi namoomaa danqaa tokko malee akka lammiileef qaqqabu dhaamuu itti fufaniiru.

Marii biyyoota G-7 UK keessatti gaggeeffamaa jiru irratti haalli naannoo Tigraay akka ajandaa ijoo tokkootti ka'uunis ibsameera.

Sababa waraana naannoo Tigraayiin namoonni 350,000 caalan beela'uu fi miiliyoonaan kan lakkaa'aman rakkatanii harka namaa eeggachaa jiraachuu qoradhee adda baaseera jechuun jaarmiyaan deggersaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ibseera.