Ergaan MM, aanga'oonni biyyattii adddunyaan ga'aa jiran maalfaadha?

Aanga'oota Itoophiyaa fi Gamtaa Awirooppaa

Madda suuraa, MFA, Ethiopia

Aanga'oonni olaanoon Itoophiyaa kaan bilbilaa fi interneetiin, kaan ammoo qaamaan biyyoota addunyaarra naanna'uun haala Itoophiyaa yeroo ammaarratti ergaa Ministira Muummee Abiy Ahimad ittiin ga'aa jiru.

Wayita gara aangootti dhufan rifoormiiwwan biyya keessatti gaggeessaniin addunyaan kan isaan leellise, injifataan badhaasa Noobelii nageenyaa bara 2019, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, erga waraanni Tigraay eegalee as dhiibbaa addunyaa jala galanii jiru.

Ameerikaa, Gamtaan Awurooppaa fi jaarmiyaaleen UN xiyyeeffannaasaanii gara Itoophiyaa deebisuun dhiibbaa uumuu erga eegalanii bubbuleera.

Inumaa US ammoo qondaaltota maqaasaanii ammaaf hin ibsinerra uggura Visa kaa'uu fi deggersa damee nageenyaa Itoophiyaa dhowwachuu ibsiteetti.

Yaaddoo biyyoota addunyaaf akkaataa mootummaan Itoophiyaa deebii itti kennaa jiru qixa sirrii ta'een miti jechuun kan qeeqan, kun kufaatii dippiloomaasii biyyattii agarsiisa jedhu.

Itoophiyaan garuu biyyoonni addunyaa dantaa biyyashee keessa akka hin seenne irra deddeebiin akeekkachiifti.

Tarkaanfii mootummaa US fi yaaddoo biyyoota addunyaa dabalaa dhufe hordofuun yeroo ammaa qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa biyyoota addunyaa garaagaraa waliin mariitti jiru.

Qondaaltonni hedduun haala qabatamaa biyyattiirratti ergaa Ministira Muummee Abiy Ahmad qabachuun biyyoota addunyaan ga'aa jiru.

Biyyoonni kunneen eenyufaadha?

Beeljiyam fi jaarmiyaalee Gamtaa Awurooppaa

Afa-yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaa obbo Adam Faaraa gara Beeljiyam imaluun dhaamsa Ministira Muummee Abiy Ahmad, Ministira Muummee biyyattii Alexander De Croo'n ga'uu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.

Obbo Adam haala Itoophiyaan yeroo ammaa keessa jirtu, rifoormiiwwan gaggeeffamaa jiran, haala naannoo Tigraay, qophii filannoof taasifamaa jiruu fi dhimma marii hidha haaromsaa irratti ergaa qabatanii deeman duree biyyattiin ga'aniiru.

Afa-yaa'iin kun erga Ministira Muummee Abiy Ahimad gara Gamtaa Awurooppaattis geessaniiru.

Ergaa qabatanii gara Awurooppaa imalan gaafa 09,06,2021 ture Pirezidaantii Mana maree Awurooppaa Chaarlas Misheel fi Pirezidaantii Komishinii Awurooppaa Ursula Von der Leyen biraan kan ga'an.

Obbo Adam Gamtaa Awurooppaatti Komishinara Hariiroo Idi-addunyaa Jutta Urpilainen, Komishinara Dhimma To'annoo balaa Tasaa Janez Lenarcic fi Barreessaa Olaanaa Dhimma Hariiroo Biyyoota Awurooppaan Alaa Stefano Sannino waliinis walarguun mari'ataniiru.

Afa-yaa'iin kun biyyisaanii filannoo haqa qabeessa, naga-qabeessaa fi walaba ta'e gaggeessuuf ifaajaa jiraachuu qondaaltota Awurooppaatti himan.

Ejjennoo Itoophiyaan dhimma Hidha haaromsaa irratti qabdu, haala naannoo Tigraay, deggersa namoomaa taasifamaa jiruu fi rakkoo dhiittaa mirga dhala namaa furuuf hojii hojjetamaa jirus itti himaniiru.

US

Biyya Itoophiyaarra uggura keesse US keessattimmoo dippiloomaatonni marii mata duree ''Carraawwan biizinesii fi Investimantii US fi Itoophiyaan waliin qaban'' jedhuun gaggeessaniiru.

Waltajjii marii kana Giddu-gala Gabaa Idil-addunyaa Houston fi Qonstilaa Itoophiyaa Houston jirantu waliin qopheessan.

US'tti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Fistum Araggaa, Itoophiyaan rifoormii diinagdee bal'inaan gaggeessaa jiraachuu fi gabaa bilisaa diriirsaa jiraachuu kaasuun, kun hundi carraa biizinesii fi investimantii US fi Itoophiyaa gidduu kan guddisu ta'uu eeran.

Kubbaaniyyaawwan US Itoophiyaa keessa seenuun carraawwan investimentii dame qonnaa, manufaakichariingii, tuurizimii, ICT, Inarjii fi albuudaa keessatti hirmaachuu akka danda'anis ibsan.

Ambaasaaddar Fitsum tattaaffii mootummaansaanii rakkoo namoomaa fi nageenyaa naannoo Tigraay furuuf taasisaa jirus kaasuun ibsaniiru.

Erga US dhorkaa Visa fi uggura deggersa maallaqaa Itoophiyaarra kaa'uu ibsitee as walqoollifannaa fi wal komannaan aanga'oota olaanoo biyyoota lameenii gidduutti cimeera.

Dhibdee kana hordofee, mootummaan Itoophiyaa akkaataa hariiroo US fi Itoophiyaa bakka gaariitti deebisuun danda'amurratti haala mijeessuuf garee jaarsummaa tokko garas ergeera kan jedhu odeeffamaa ture.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii garuu ibsa kaleessa kennan keessatti waa'ee kanaa akka quba hin qabne himaniiru.

Yugaandaa

Biyyoota Afriikaa keessaa ammoo Ministirri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr Silashii Baqqalaa dhaamsa Ministira Muummee Abiy qabachuun gara Yugaandaa imalaniiru.

Jilli Dr Silashiin durfamu kun erga qabatee deeme Pirezidaantii Yugaandaa Yuweerii Museveeniitti wayita himu, qophii filannoo, dhimma Hidha Haaromsaa, haala naannoo Tigraay fi dhibdee daangaa Sudaan fi Itoophiyaa kaasan.

Pirezidaant Museveeniin mariisaanii booda ajandaawwan ka'an hundarrattiyyuu Itoophiyaa cinaa nan dhaabbadha jechuusaanii barreeffamni feesbuukii Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaarratti maxxanfame kun ibseera.

Biyyoonni yaa'a laga Abbayyaa waltajjii tokkorratti walarganii akka mari'atanii fi akkaataa murtee Gamtaa Afriikaan dhimmasaanii qajeelfachuu akka qabanis dhaamaniiru pirezidaantichi.

Dr Silashiin duraan gara Sudaan Kibbaa fi Ruwaandaa imaluun dhaamsa Ministira Muummee qondaaltota biyyoota kunneeniin ga'aniiru.

Jibuutii

Jilli Ministira Maallaqaa Ahmad Shiidee, Hoogganaa Waraana Itoophiyaa Jenaraal Birhaanuu Julaa fi Daarektara Olaanaa Tajaajila Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa Tamasgeen Xurunaa of keessaa qabu ammoo gara biyya ollaa Jibuutii imaluun dhaamsa Ministira Muummee Abiy Ahmad Pirezidaant Ismaa'el Omar Giileen ga'aniiiru.

Hariiroo fi michummaan seena qabeessi biyyoota lameenii giddu seentummaa qaama alaatiin kan gufatu miti jechuun pirezidaantichi himan qondaaltonni Itoophiyaa kunneen.

Mootummaan dhiibbaa alaa dandamachuun biyya keessaa fi naannoo isaatti nagaa fi tasgabbii fiduuf kutannoon hojjetaa jiraachuus eeran.

Kaaba Itoophiyaa bakka waraanni itti mudate Tigraay keessatti nagaa fi tasgabbii fiduu, deggersa namoomaa mirkaneessuu, barattoota manneen barnootaatti deebisuu fi hojii qonnaa itti fufsiisuu keessatti mootummaan hojii guddaa hojjetaa jira jedhan qondaaltonni kunneen.

Hariiroon Itoophiyaa fi Jibuutii yoomiyyuu caalaa cimaa deema kan jedhan Pirezidaant Omar Giilee, tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa fudhachaa jiru akkaan jajaniiru.

Istooniyaa

Ministirri Muummee Itti Aanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makonnin gamasaaniin Ministira Dhimma Alaa Istooniyaa Eva-Maria Liimet waliin karaa interneetii gubbaa mari'atan.

Hariiroo biyyoota lameenii cimsuu fi waltajjii idil-addunyaarratti waltumsuu yaadi jedhu qabxii ijoo marichaa ture.

Biyyisaanii Itoophiyaa waliin hariiroo diinagdee dijiitaalaa cimsuu akka barbaaddu ibsan Eva-Maria leemet.

Istooniyaan ji'a kana keessa aangoo dura-taa'ummaa Mana Maree Nageenyaa UN qabachuu eeruun, biyyattiin dantaa Itoophiyaarratti yaada sirrii qabaachaa akka deemtu hubachiisaniiru obbo Dammaqaan.

Kanaan walqabsiisanii dhimma naannoo Tigraay, Hidha haaromsaa, dhibdee daangaa Itoophiyaa fi Sudaa akkasumas waa'ee filannoo dhufaa jiruu akka dhimma ijootti kaasaniiru jedha Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa.

Mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay dandamachiisuu fi loltootni Eertiraa akka ba'aniif hojjechaa jiraachuus qondaal Istooniyaa hubachiisaniiru.

Obbo Dammaqaan gitasaanii kan Chaayinaa Wang Yi waliinis dhimmuma walfakkaataarratti bilbilaan mari'ataniiru.