Sabboonummaan Oromoo uffata aadaa akkamiin ammayyeesse?

Two pictures of men in Oromo clothes

Madda suuraa, Elias Badhaasaa

Uummatni Oromoo Itoophiyaa keessa jiran, lakkoofsaan saboota kaan irra guddaa tahanis, ifatti aadaafi eenyummaa isaanii mul'isuuf rakkatu turan.

Dhiibbaa ifatti mul'atuufi dhokataa ta'een Afaan isaaniin uummata fuulduratti dubbachuu dabalatee, eenyummaa isaanii akka barbaadanitti ibsachuuf danqaaleen garagaraa turan.

Maddi rakkoo kanaas 'aadaa baratamaa biyyaalessaa' mul'isuu dhabuun qeeqa namootarraa dhiyaatu sodaachuurraa kan kahe ture.

Haa tahu malee, ofitti amanamummaan eenyummaa ofiifi aadaa ofiin boonuu dhaloota ammaa keessatti dagaagaa dhufe, faashinii uffata aadaan mul'achuu eegaleera.

Ayyaanni Irreechaa waggaa waggaan Birraa barii kabajamu ammoo, kana agarsiisuuf waltajjii isa olaanaafi namuu kan si'aayinaan eeggatudha.

Group wearing traditional clothes

Madda suuraa, Elias Badhaasaa

Dizaayinarootni biyya keessaa kanneen akka Antiko Design, uffata aadaa Oromoo duraan turerraa kahuun, ammayyeessanii midhaassu.

Haalluuwwan uummata Oromoo ibsan keessaa diimaa, gurraachaafi adiin, huccuu gosa hedduu irratti muldhatu.

Suuraa armaan olii kanarratti, kittaan warri dhiiraa uffataniifi adda-jaleen mataarra maratan hawaasa biratti durumayyuu kan baratame oggaa tahu, kan shamarran irra keessaan uffatan garuu ammayyaawee kan tolchamedha.

Siinqeen ammoo dubartoota Oromoo dhaanamuu, arrabsamuufi akka malee tuqamuu irraa eegdi - gaachana dubartiiti.

Two men in adapted designs

Madda suuraa, Elias Badhaasaa

Huccuun Kush Design tolchan kun ammoo, haalluuwwaniifi sararoota Oromoo ibsan fuulduraafi harkarratti fa'aa dizaayin godhanii bareechan.

Suuraalee mimmidhaagoo tibba Irreechaa kaasuun miidiyaa hawaasummaarratti kan maxxansaa ture dargaggoo Eliyaas Badhaasaa, ogummaa suuraa qabu fayyadamuun aadaan uummata Oromoo irra caalaan akka beekamu gochuu barbaada.

''Sabootni biroo aadaa isaanii suuraa fi viidiyoo qulqullina qabuun kaasuun, olkaa'aa turaniiru. An keenya garuu hin jiru,'' jechuun BBC'tti hime.

''Kanaafis maaliif kan keenya beeksisuu hin jalqabnu? jedhee of gaafachuun eegale. Gaanfa Afrikaa bira dabree addunyaa marattuu akka ilaalamnuuf fedhiin koo.''

Women standing in front of some bushes

Madda suuraa, Dagi Pictures

Itoophiyaatti naannoon Oromiyaa lafa biyyattiin qabdu hedduu uwwisa, aadaawwan danuu tahanis of keessaa qaba. Akkasumas itoophiyaan alattis Kaaba Keniyaatti ummati Oromoo bal'inaan ni argama.

Suuraa asiin oliin mula'tu kanarratis, shamarran kunniin uffata aadaa Harargee uffachuun, Qalamshiishaa mataa gubbaatti baataniiru. Dizaayina uffataa kana Mana Uffataa Aadaa Yoomiyyuun kan tolfame yogguu tahu, sabbatni mudhiitti hidhatan hawaasa Oromoo kaan birattis haalaan beekama.

Ayyaanni Irreechaa baroota kaan namoota miiliyoonatti lakka'amu irratti hirmaatu, barana sababa weerara Koroonaavaayirasiin lakkoofsi namoota hirmaatanii daanga'ee kabajame.

Baroota dheeraan duubas Irreechi marroo lammaffaa Hora Finfinneetti kabajamuun isaa, kabajni isaa yeroodhaa yerootti dabalaa dhufuu agarsiisa.

A group of women at the Irrreecha festival

Madda suuraa, Dagi Pictures

Uffatti aadaa haadha siinqee qabatanii yeroo hedduu hawaasa Oromoo keessatti kan barame oggaa tahu, huccuun aadaa dubartiin maddii (cinaa) isaanii jirtu uffatte garuu kanneen ammayyaawaa jedhaman keessaati - yeroo dhiyoon asitti baratamaa dhufe.

Kanaanis mallattoo muka Odaa Oromoo biratti kabaja guddaa qabu, huccuuwwan irra kaa'uun yookis tolchuun qaama uffata aadaa ammayyeessuuti.

People at Irreecha festival

Madda suuraa, Dagi Pictures

Ganna afruriin dura rakkoo nageenyaa Irreecha Hora Harsadiirratti uumameen yoo xiqqaate namoonni 55 lubbuu dhabaniiru.

Dhaabbileen mirga namoomaa fi kaan garuu namoota dhibbatti lakka'amantu lubbuu dhabe jedhu.

Uumanni Oromoo hacuuccaaa siyaasaafi diinagdee nurra gahaa jira jedhan komachuun yeroo dheeraaf mormaa turan.

MM Abiy Ahimad 2018tti mormii dheeraan booda gara aangotti erga dhufanii jijjiiramoonni hedduun mul'ataniiru. Tahus ammallee waldhibdeen siyaasaafi rakkoleen nageenyaa biyyattii muddama keessa galchaniiru.

Men wearing culturally adapted clothes

Madda suuraa, 9adhii

Gaaffiin mirgaa Oromoonni kaasan biyya keessa qofa hin hafne - dhalattoonni biyya alaa jiranis yeroo garagaraatti mormiisaanii dhageessisu.

Uffata aadaa Oromoo ammayyoomsuun yookaan ammoo isuma dur ture ofitti fudhatanii uffachuun Ameerikaattis baramaa dhufeera.

Akkuma suuraa olii kanarraa argamutti, dhalattoonni Oromoo kutaa biyyaa Mineesotaa uffata aadaa 'RedFox Apparel'n dizaayin godhame uffatanii kaameeraa fuuldura dhaabbatan.

Genzebe Dibaba

Madda suuraa, Yadi Pictures

Tibba Ayyaana Irreechaa baranaarratti namootni bebbeekamoo hedduun uffata aadaan faayamanii muldhataniiru.

Isaan keessaa maatiin fiigichaan beekaman - warri Dibaabaa isaan tokko turan. Gaafas namuu waaheesaanii hasawa ture.

Atileetii ganna 29 ka taate Ganzabee Dibaabaafi obbolaawwann ishee, fiigicha gabaabaafi dheeraan Itoophiyaaf badhaasa warqee fi kaan hedduu argamsiisaniiru.

Woman wearing beads in her hair

Madda suuraa, Senakebeki Girma

Shamarreen ganna 27 Seenaakeebeekii Girmaa dizaayinaroota huccuu aadaa Oromoo tolchan keessaa ishee tokko. Seenaan waan jettu, jijjiiramni ilaalchaa faashinii Oromoorratti jiru ''haala nama ajaa'ibuun'' jijjiirame. ''Namootni eenyummaa isaaniin boonuu eegalaniiru.''

Shamarreen kun uffati aadaa Oromoo otoo hundeessaa hin gadhiisiin, gaafa ayyaanaa qofa kan uffatamu osoo hin ta'in, uffata guyyuu akka tahu feeti.

Suuraaleen cufti mirga abbaa qabu.